Dabratsiyoon aangoo dabarsuuf maaliif mamani? MM Abiy hoo maal ittiin jedhan?

Waggoota shantama dabraniif dirree siyaasaa Itoophiyaa keessatti gahee guddaa qabaachaa kan ture TPLF waggoota lamaaf mootummaa Federaalaa waliin waraana keessa tureera.
Waraanni kun walumaagalatti biyyattiirratti keessumaa ammoo naannoo Tigraay irra miidhaa namoomaafi qabeenyaa guddaa qaqqabsiiseera.
Yeroo waraanichi gaggeeffamaa turetti gama Tigraayiin gahee olaanaa bahachaa kan ture TPLF, garee shororkeessummaatti ramadamee seeraa ala jedhamee turus, waliigaltee nagaa mootummaa Federaalaa waliin irra gahan hordofee shororkeessummaan irraa ka’eera. Haata’u malee, ammallee beekamtii seeraa dhowwatame deebisee hin arganne.
Waggoota kurnan baayyeetiif kophaa isaa naannoo Tigraay bulchaa kan ture TPLF, akkaataa waliigaltee nagaa Piritooriyaatiin mootummaa Federaalaa jalatti kanneen biroo hammachuun bulchiinsi yeroo hundeeffametti, pirezidantiin duraanii naannichaa bakka isaanii gadhiisaniiru.
Pirezidantii duraanii naannoo Tigraay fi dursaa TPLF Dabratsiyoon Gabra-mikaa’el (PhD) waa’ee paartii isaaniifi dhimmoota yeroo naannichaa irratti BBC Tigrinyaa waliin turtii taasisanii turan.
Qabxiiwwan ijoo akka armaan gadiitti dhiyaateera.
BBC: Waliigaltee Piritooriyaa hordofee mootummaa yeroo ce’umsaa hundeessuudhaaf ji’oota 5 fudhate. Kun kan ta’e ammoo miseensota TPLF gidduu waliigalteen dhibuu isaarraa kan ka’edha jedhameera. Rakkoon isaa kana taanaan maaliif isin aangoo keessan hin gadhiisne?
Dr. Dabratsiyoon: Dhimmi koo qofaatti adda bahee kan ilaalamu miti. Eenyu [dhimma ani ka’uu] kan murteessu kan jedhu dhimma ijoodha. Kan murteessu paartiidha, hoggantoota kan murteessu. Fedhii dhuunfaa kiyya yoo ta’e sun waan biraadha. Hojmaata paartii keenyaas miti. Akka hojmaata keenyaatti aangoon fedhii dhuunfaa waan hin taaneef. Eenyu itti haa fufu, eenyu ammoo itti hin fufiin kan jedhu kan murteessu TPLF malee gaaffii fedhii dhuunfaatiin deebiyu miti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
BBC: Maddeen keenya garuu isin fedhii aangoo waan qabdaniif ani ta’uun qaba jettanii rakkisuurra darbitanii, sagaleen naaf kennameera jettanii gara MM deemuu keessan dhageenye. Innumaattuu ministirri muummichaa “isin hin taatan; aangoo dargaggootaaf kennaa" jedhanii akka isin deebisan ture kan dhaga’ame.
Dr. Dabratsiyoon: Dubbadheeraam. Murtichi kan koo osoo hin taane kan paartichaati. Ani ta’uu baannaan wanti jedhamu hin jiru.
Filannoon gaggeeffameeraam. Sagaleen 38 itti haa fufu jedhan. Sadii ammoo mormanii turan. Adeemsichi garuu sagaleetiin ture kan darbu. Akkaataa ittiin hojjetamuun ture kan itti deemne.
Abiy kana ture kan hin fudhatiin hafe. Boodarra beektonni biroos, koreen giddu-galeessaa warri jiran dargaggoonni osoo gaggeessanii kan jedhu dhufe. Kana koree giddu-galeessaati kan murteesse jenne. Isaan booda TPLF fi mootummaan Federaalaa marii taasisan. Waliin mariyannee yoo hojjenne wayya jennee dargaggeessa yoo ta’e mormii waan hin qabneef yaadicharratti waliigalle.
Dhimmicha yaada qajeelaatiin fudhannee filannoo gaggeessinee dhumarratti Getaachoon filatame.
BBC: Dhumaatii kana hundaan booda TPLF maaliif aangoorraa hin buune? Dhumaatii qaqqabe kanaaf eenyutu itti gaafaatama fudhata?
Dr. Dabratsiyoon: Ammallee ofirraa ittisuumarra jirra. Uummanni Tigraay ammallee weerartoota jala jira. Maaltu hanqate, maal balleessine jennee gamaggamna. Kun ammoo yeroo mataa isaa qaba.
BBC: Dhumaatii kana hundaan booda TPLF maaliif aangoorraa hin buune?
Dr. Dabratsiyoon: Gara aangootti kan baasus, aangoorraa kan buusus uummatadha. Namni kamiyyuu dhufeema gaheera dhiisi jedheef aangoon hin gadhiifamu. TPLFn uummatadhaam kan fiate. Uummata Tigraayiin Tigraayitti filatame, ummatichadhas kan buusu. Waliigalteen Piritooriyaa kan biraadha. Gatii nagaaf jecha kaffalamedha.
Kanaan ala aangoorraa hin buune kan jedhamu aangoorraa garamitti buuna? Itti-gaafatamummaa kan nutti kenne uummatadhaam.
BBC: Uummanni nu filateera yoo jedhame akka isa eegdaniifidha sagalee kan isiniif kenne. Namoonni baayyeen TPLF balaa kanarraa nu eeguu hin dandeenye jedhu; kun kan isin jettan waliin walitti hin bu’uu?
Dr. Dabratsiyoon: Walitti hin bu’u. Akkan irra deddebiyee ibsetti waan hunda ammallee gamaggamaaf hin dhiyeessine. Maaltu hanqate? Eenyu balleesse? Kanneen jedhaman fuulduratti gamaggamaan ilaalamu.
Nu hin baraarre isa jedhuuf TPLF uummatichaaf adda isaa kenne. Osoo of hin qusatiin irraa qolate. Hoggantoota buleeyyii duraan turan irraa kaasee aarsaa ta’aniiru. Kan danda’uufi waan malu godheera. Akkas godhees ammoo hanqiseera jedhamnaan gamaggamaan kan ilaalamu ta’a.
BBC: TPLF Boordii Filannoon seera qabeessummaa isaa deebifachuuf waliigtalteerraa hin geenye? Dhimmi kun attamitti ilaalama?
Dr. Dabratsiyoon: Akka haaratti galmaa’aa jedhu. Akka haaraatti galmaa’uu hin dandeenyu. Paartiin waggaa 50 guute akka haaraatti daa’ima xiqqoo ta’ee paartii haaraa ta’ee galmaa’uu hin danda’u.
Kun fudhatama hin qabu. Akka waliigaltee Piritooriyaatti nuuf mootummaan Federaalaa beekamtiii nuuf kenneera. Beekamtii kenneeti nu waliin mallatteessuu kan danda’e. Kun dhimma dursee waliigaltichaan xumuramedha.
Booda ammoo manni-maree bakka bu’oota ummataa maqaa isaa shororkeessummaa jalaa haqeera. Aanga’oonni TPLF mana hidhaa jiranis himanni isaanii irraa ka’eera. Boordiin Filannoo mana-murtiitti akka iyyannudha kan barbaadu.
Koreen giddu-galeessaa paartii keenyaa kan murteesse ammoo mana-murtii hin deemnu furmaanni isaa siyaasa jedhee murteesseera. Akka haaraatti galmaa’uun waan hin yaadamnedha
BBC: Boordiin Filannoo Biyyaalessaa qabeenyi TPLF dhaalamee idaan isaa akka kaffalamuufi kan irraa hafe yoo jiraate ammoo barnoota amala gaariif akka oolu murteessuun isaa ni yaadatama. Maallaqni dhorkame kun angam ta’a?
Dr. Dabratsiyoon: Maallaqni baankii keessa ture miliyoona 70 ni ta’a.
BBC: Miliyoonni 70, birrii moo dolaara?
Dr. Dabratsiyoon: Akkam! Baankii Itoophiyaa keessaam kan jiru. Biyyaa alaa mitiim. Birriidha malee.
BBC: Bara isin aangoo qabattanii jirtanitti dhalattoonni Tigraay miliyoona walakkaa ol ta’an lubbuun isaanii akka darbe himama; uummanni Tigraay akkamiin waan isin yaadatu isinitti fakkaata? Isini hoo gaggeessaa akkamiiti jettanii of yaaddu?
Dr. Dabratsiyoon: Yeroon waa’ee kanaa itti ibsudha jedhee hin yaadu.
Waliigaltee Piritooriyaa
Dr Dabratsiyoon waliigalteen Piritoriyaa kan biyyattii waraana cimaa keessaa gara siyaasa nagaatti ceesisee ta’u ibsuun, dhimmoonni hojiirra oolfamaniifi ammalleen adeemsarra jiran jiraachuu kaasan.
"Waliigaltichi guutummaan hojiirra oolfameera jechuun hin danda’amu. Haata’u malee, nagaa cimsuudhaaf tarkaanfiiwwan mootummaa federaalaafi motummaa yeroo Tigraayin fudhataman gaariin jiru,’’ jedhan.
Haata’u malee, haala waliigaltee Piritoriyaatiin, humnootiin Tigraay erga hidhannoosaanii hikkatanii booda, waraanni Ertiraa fi humnoonni Amaaraa Tigraay keessaa baasiisuuf itti gaafatamummaa kan qabu ta’ulleen, hanga yoonaatti hojiirra waan hin oolfamneef namoonni buqqaafaman rakkoo cimaa keessatti akka argaman kaasaniiru.
Ummata buqqaafame
Ummanni sababii waraana cimaan qe'eerraa buqqaafame miiliyoonaan lakkaa’amu waggoota sadan darbaniif buufataalee baqattootaa keessatti haala baayyee rakkisaa ta’een jiraataa jiraachuu kan ibsan Dr Dabratsiyoon, humnootiin Amaaraafi Ertiraa ‘‘weerartoota’’ jechuun ibsaniin, lammiileen buqqaafaman miiliyoonni gara qe’eesaanii fi qabeenya isaaniitti deebiifamuu hin dandeenye jedhan.
‘‘Lafarratti wantoonni jijjiraman jiru. Qubattoonni haaraan baafamuu qabaatu,’’ jechuun buqqaatonni gara qe’eesaaniitti deebi’uu akka danda’aniif pooliisiifi humnootiin nageenyaa bulchiinsa Tigraay gara naannichaa seenuun ummataafi jaarsoolii biyyaa weerartoota jala turan waliin mari’achuufi waliigaluun barbaachisaa ta’uu ibsan.
‘‘Qubattoonni waraanichaan booda seenan osoo hin baafamiin ummata deebisuun hin danda’amu. Qubattoonni jalqaba baafamuu qabu. Loojistiikiin barbaachisu erga qophaa’een booda, ummanni ijaaramee galu qaba,’’ jechuun wantoota raawwachuu qabu jedhan tarreessan.
Egeree Lixaa fi Kibba Tigraay
Dr Dabratsiyoon humnootiin Amaaraa fi bulchiinsi naannichaa, lixa Tigraayii fi naannoolee Kibba Tigraay muraasa to’atanii jira, eddoowwan haaraa hundeessaafi waraqaa eenyummaa kennaa jiraachusaanii ragaa akka qaban ibsanii, mormiisaanii mootummaa federaalaatti ibsuufi ‘‘yeroo nuuf kennaa ni furra’’ akka jedhaman dubbatan.
Jilli garee bulchiinsa yeroo Tigraay kan Obbo Geetaachoo Raddaa dursan dhiheenya kana wayita Baahir Daar doowwatanii turanitti, dhimmoota lafarratti raawwatamuu qaban irratti qaamoolee dhimmisaa ilaallatu waliin mari’achuu dubbataniiru. Walitti dhufeenyi kumis jaarsummaa mootummaa federaalaatiin akka gaggeeffamuufi waliigaltee Piritooriyaatti taasifame kan cimsu ta’uu kaasan.
Waraanni Ertiraa Tigraay keessa jiraachuu
Dr Dabratsiyoon akka ibsaniitti, waraanni Ertiraa naannoo Tigraay bahaa fi Kaaba lixaa keessatti eddoowwan hedduu to’atanii argamu.
"Waraanni Ertiraa eddoowwan waliigaltee Aljarsiin nuuf murtaa’eera jedhan qofaa osoo hin taane, lafa Tigraay keessas galuun karaa daangaa Igalaa, Addii Arbaa’ita fi lixa Kaabaatiin jiru,’’ jedhan.
Baadimmee bakki tibba waraana Itoophiyaafi Ertiraa jidduutti gaggeefameetti jidduugala turte, ammaan tana to’annoo waraana Ertiraa jalatti kan argamtu yoo ta’u, Dr Dabratsiyoon waraanni Ertiraa Baadimmee keessaa akka bahu akka barbaadaniifi waa’ee waliigaltee Aljeersi gaafatamanii ture.
‘‘Dhimmi daangaa dhimma Ertiraafi Tigraay miti. Dhimmi daangaa dhimma mootummaa federaalaati. Haata’u malee waan lafa Tigraay keessa jiraniifuu bahuu qabu. Haala kamiinuu gaaffiin daangaa kan humnaan furamu ta’uu hin qabu. Mootummaan federaalaa haala kanaan amana.
‘‘Kanaafuu dhimma daangaa irratti kan mari'atu mootummaa federaalaati. Kun dhimma daangaa qulleessuus miti. Naannoon humnaan qabame gadhiifamuu qabaata! Wanti Aljeersi, Baadimma jedhamu amma dhufuu hin qabaatu.
Humnaan osoo hin taane seeraafi sirnaan waliigalteeti raawwatamuu qaba. Ejjannoon keenya eddoon humnaan qabame jiraachuu hin qabu kan jedhuudha,’’ erga jedhanii booda, mootummaan Itoophiyaa yeroo loltoonni Ertiraa gadhiisanii itti bahan ilaalchisee yeroo murtaa’e akka hin keenye dubbatan.
Waa’ee pirezidantii Ertiraatiin araaramuu
Bulchiinsa Dargii aangoorraa buusuuf waliin qabsaa’aa kan turan TPLF fi Bilisa Baasaan Ertiraa, sababii wal dhabdee daangaatiin erga waraana sukanneessaa keessa galanii booda diinummaan wal ilaalaa turan.
Tibba TPLF fi mootummaa federaalaa waggoota lamaaf wal waraanaa turanittis humnootiin Ertiraa waraana Itoophiyaa waliin hiriiruun TPLF waraanaa turan.
Haata’u malee, TPLF wayita mootummaa federaalaa waliin waliigaltee nagaa taasiseetti, mootummaan Ertiraa keessatti hin hirmaanne ture. Ofii TPLF Pirezidantii Ertiraa waliin araaramuu barbaadaa laata?
Aanga’oonni Tigraay ‘‘osoo gara waraanaatti hin galiin dura dhimmoota keenya karaa nagaa, seeraafi sirnaatiin furuu qabna jennee qaamoolee hunda waliin hojjataa turre,’’ jechuun, akka ummataafi paartiitti wanti hundi Ertiraa waliin karaa nagaatiin akka furamuuf fedhii akka qabaachaa turan dubbatu Dr Dabratsiyoon.
Waliigaltee Piritooriyaan booda garuu Ertiraa waliin araaramuuf tarkaanfiin fudhatame omtuu jiraachuu baatulleen, walitti dhufeenyi biyyaaleessaa karaa mootummaa federaalaatiin akka raawwatamu kaasuun, ‘‘waraanni Ertiraa ammalleen Tigraay keessatti badii raawwachaa waan jiruuf qophaa’iinsi nageenyaa akka cimuuf waraanichi Tigraay keessaa bahuu qabaata’’ jedhan.
Gargaarsa namoomaa hatame
Baatii Caamsaa darbee keessa Dhaabbanni Nyaata Addunyaa - WFP fi Dhaabbanni Gargaarsa Ameerikaa - USAID dhiyeessiin gargaarsa ergan hatamee kaayyoo hin malleef oluu fi gabaadhaaf dhiyaachuu ibsee ture.
Kanaanis wal qabatee, waliin dhahuun raawwatamaa akka tureefi kana sirreessuuf yeroo yerootti tarkaanfii fudhataa akka turan dubbatu Dr Dabratsiyoon.
Deeggarsa nyaataa tibba isaan aangoorra turan hatameera jedhame ilaalchisee, tibba raabsaa deeggarsaatti waliin dhahuufi komiiwwan ummataa akka ture, qulqulleessuunis tarkaanfiin sirreeffamaa barbaachisu fudhatamaa akka ture dubbatan.
Aarsaa lubbuu namaa waraanichaan kaffalame
Gama Tigraayiin tibba waraana waggaa lamaan darban gaggeeffame irratti namoonni meeqa akka du’an ilaalchisee gaaffiin kan dhiyaateef Dr Dabratsiyoon, ‘‘yeroosaatti ni ibsama’’ jechuun deebii kennurraa of qusataniiru.
Bulchiinsi Yeroo Tigraay ammoo maatiin haala ijoolleen isaanii irratti argaman beeksiisuuf qophii taasisaa jiraachuu dubbataniiru.












