Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namichi bofaan al 200 of hiddisisee dhiignisaa summii bofaaf qoricha akka tahu barame
Lammiin Ameerikaa Tiim Fireedii waggoota 20 darbaniif summii bofaaf beekaa of saaxilaa tureera.
Dhiiga isaa irratti qorannoo taasifameen kana dura haala mul'atee hin beekneen dhiignisaa summii bofaa gosa gargaraaf qoricha tahuu akka danda'u barameera.
Summii bofaaf qoricha biyyaalessaa argachuuf yaaliin Tiim waggoota 18 olii faayidaa qabaachuu akka danda'u saayintistoonni dubbataniiru.
Waggaa waggaan namoonni 14,000 tahan bofaan hiddamanii lubbuun isaanii darba, kan qaama miidhamaa tahanis lakkoofsi isaanii xiqqoo miti.
Tiim al 200 bofaan kan of hiddisiise yoo tahu al 700 caala immoo summii bofaa lilmeen of waraaneera.
Summiin gosoota bofaa balaafamoo jedhaman kanneen akka Maambaa, Koobraa, Paayitaniifi Kiraatii qaamasaa seeneera.
Namni kuni summii bofaarraa of eeguuf jecha qaamnisaa dandeettii summii irraa of ittisuu akka qabaatuuf ture bofaan kan of hiddisiisaa ture.
Yeroo Koobiraadhaan hiddame gaggabee ture.
''Du'uu ykn qaama koo dhabuu hin fedhu. Hojiikoos dhabuu hin barbaadun ture,'' jedha.
''Namoota summiin isaan hiddee du'an fayyisuuf garuu qorannoo koo itti fufe,'' jechuun dubbateera.
Summiin bofaa qaama keessa erga galeen booda summiima kana deebisanii qaama keessa galchuun namoota hiddaman fayyisuuf yaala.
Qaamni keenya uumamaan waantota garagaraa irraa kan of eeguuf yaalu mala kanaani.
Gosooti bofaa naannoo tokko jiraatan summiin isaanii kanneen iddoo biraa jiraatanirraa adda waan taheef summii bofaa qoricha callabbeessu argachuun qormaata tahee tureera.
Summii bofa gosa garagaraa waantota adda godhan dhiisuun kanneen wal isaan fakkeessu irratti xiyyeeffachuun qorachuu itti fufaniiru.
Dhaabbatasaa baayoteekii keessaa kan hojjetan Dr Jaakoob Gilaanviil waliinis kan wal argan qorannoo summii bofaa kanarratti dha.
''Hammasaa namni qaamasaa keessatti ittisa summii bofaa oomishe hin jiru. Isaaf bilbileen samuuda dhiigakeen fudhaan jedheeni jennaan, ''tole'' jedhe,'' jedhu Dr Jaakoob.
Qorannoon kuni summii gosoota bofaa Koobraa, Paayitaniifi Kiraat jedhaman irratti xiyyeeffata.
Summiin isaanii qaamni akka hin sochoone gochuun sirna hargansuu dhaaba.
Gosoota bofaa Dhaabbati Fayyaa Addunyaa adda baase 19 irratti dhiiga Tiimdhaan yaaliin taasifameera.
Hantuutarratti yaaliin taasifamee summii bofaa gosa 19 keessaa 13 dandamachuu danda'aniiru.
''Kunis gosa summii bofaa baayyee kan hammmatu dha,'' jedhu ogeessi kuni.
Summiin bofaa qorannoon irratti taasifame biraan Vaayitar yoo tahu summii marsaa dhiigaa dhaabu dha.
''Waggoota 10 ykn 15 dhufanitti qorichi bu'aa qabeess tahe argama. Dhiigni Tiim akkaan ajaa'iba.
Qaamnisaa humna summii bofaa ittisuu barateera,'' jechuun Yunivarsiitii Kolombiyaattii garee qorannoo kanaa kan hogganan Piroofeesar Piitar Koongaa dubbatu.
Kaayyoon saayintistoota kanaa summii bofaa gosa kamiifiyyuu qoricha tokko argachuu dha.
Summii bofaa irratti qorannoo kan geggeessan Piroofesar Niik Kaasweel akka jedhanitti qoricha kana argachuun jijjiirama guddaa fida jedhu.
Tahus garuu hojii guddaa gaafata jedhaniiru.
Tiim dhiignisaa qorannoo kanaaf ooluun ''miira gaarii naa kenna,'' jedheera.
''Ilmaan namaaf waan gaarii gochaan jira. Kana gochuun anaaf gatii guddaa qaba. Akkaan kabajni guddaan natti dhagahama,'' jechuunis dubbateera.