Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hariiroon Itoophiyaa waliin baduusaatti Amb. Ertiraa MM Abiy Ahimad himatan
Hariiroon Ertiraafi Itoophiyaa gidduu jiru akka duraan ture akka hin taane Sudaan Kibbaatti Ambaasaaddara Ertiraa kan ta'an Yohaannis Takilemikaa’el dubbatan.
Ambaasaaddarichi kana kan dubbatan haala kanaan dura hin baramneen Chaanaalii YouTube Embaasii Ertiraa Biritaaniyaa irratti gaaffiifi deebii kennaniin yoo ta’u, viidiyoon kun erga gadhiifamee sa’aatiiwwan muraasa keessatti akka ka’u godhamuu BBC Tigirinyaa mirkaneeffateera.
Hariiroon Ertiraafi Itoophiyaa waggoota 20 oliif addaan citee ture erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad gara aangootti dhufanii booda fooyya'ee kan ture yoo ta’u, waraana Tigraay waggoota lamaaf ture keessatti loltoonni Itoophiyaa mootummaa Itoophiyaa deeggaruun lolaa turuun isaanii ni yaadatama.
Haata’u malee, waliigalteen Piritooriyaa waraanni sun akka dhaabbatu taasise TPLF fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti erga mallatteeffamee booda ifatti wanti jedhame jirAachuu baatus hariiroon biyyoota lamaanii qabbanaa’eera.
Kana ilaalchisuun gama aanga’oota Itoophiyaafi Ertiraatiin ibsi kenname jiraachuu baatus, balaliin Daandii Qilleensa Itoophiyaafi bilbilli addaa cituun hariiroon ture laafuun isaa agarsiistuu ta’uu irra deddeebiin eeramaa tureera.
Sudaan Kibbaatti Ambaasaaddar Ertiraa kan ta'AN Yohaannis Takilemikaa'el, YouTube Chaanaalii Embaasii Ertiraa (Eritrea EmbassyMedia) jedhamurratti gaaffiifi deebii hin baratamne taasisaniin, hariiroo Ertiraan Sudaan Kibbaa waliin qabdu sadarkaa gaariirra akka jiru ibsuun, hariiroon Itoophiyaa waliin qabdu garuu "akka duraan ture miti" jechuun dubbatan.
Ambaasaaddarichi Afaan Tigiriffaan gaaffiifi deebii taasisaniin hariiroon biyyoota lamaanii yarachuu isaatiif ministira muummee Abiy Ahimad itti gaafatamaa komatan.
"Yeroo ammaa kana... rakkoowwan namni Arat Kiiloo jiru [ministira muummee Abiy] uumaniin, hariiroon ummattoota Ertiraafi Itoophiyaa gidduu jiru du'ee akka awwaalamu tahaa jira," jechuun walitti dhufenyi biyyoota lamaanii rakkoon akka mudate eeran.
Gaaffii fi deebii kanarratti Ambaasaaddar Yohaannis, ajandaa Itoophiyaan Galaana Diimaa irratti gahee qabaachuu qabdi jedhu kaasanii qeequun, "abjuu qabatamaa hin taane qabachuun walabummaa Ertiraa gara waan hin barbaachifnetti fiduuf carraaqqiin godhamu naannicha irratti dhiibbaa uumeera," jedhan.
Ambaasaaddarri kun irra deddeebiin waldhabdee yeroo ammaa Gaanfa Afrikaatti mul’atu kaasuun, Itoophiyaan naannichatti tasgabbiin akka dhabamu gooteetti jechuun ifatti himataniiru.
Sudaan Kibbaatti ambaasaaddarri Ertiraa rakkoo Gaanfa Afrikaa keessatti uumame jedhaniif Ministira Muummee Abiy gaafatamaa kan taasisan yoo ta'u, qaxanaa kana jeeqaniiru jedhan.
Jeequu qofa osoo hin taane. . . "Biyyattii abjuun bulchuuf yaalii taasisa" jechuun qeeqan.
Hariiroo Itiyoophiyaafi Ertiraa ilaalchisee dhimmoota naannoorratti gaaffiifi deebii taasisaniin ambaasaaddarichi hariiroon biyyoota lamaan gidduu jiru akka waggoota muraasa darbanii akka hin taane ibseera.
Gaaffiifi deebiin Sudaan Kibbaatti Ambaasaaddarri Ertiraa Yohaannis Taklemika'el kennan kun amma chaanaalii YouTube irraa kaafameera, sababiin kaafameef ammoo hin ibsamne.
Dhimmoota gaaffiifi deebii kanarratti ka’an ilaalchisee gama Ertiraa irraa haaluus ta’e ibsi kenname hin jiru, gama Itoophiyaanis wanti dubbatame hin jiru.
Itiyoophiyaan waliigaltee Somaliilaand waliin taasifte hordofuun Somaaliyaa waliin waldhabdee keessa erga galtee booda, Pireezidaantiin Somaaliyaa irra deddeebiin Ertiraa kan daawwatan yoo ta’u, Ertiraan abbaa biyyummaa Somaaliyaa akka deeggartu ibsuun ni yaadatama.
Kana malees, dhiheenya kana sababii Hidha Haaromsaa Itoophiyaa waliin waldhabdee keessa kan jirtu Masriin, as dhihoo Ertiraa fi Somaaliyaa waliin Asmaraatti waliigaltee tumsa waloo mallatteessuun, Ertiraan biyyoota Itoophiyaa waliin waldhabdee kessa jiran cina dhaabbachuuf murteessuun ishee agarsiiftuu akka ta’e ibsamaa ture.