Maan Yunaayitid 'muddamaafi sodaa hamaa keessa jira' -Amorim

Leenjisaan Maanchester Yunaayitid Ruuban Amorim taphatoonni garee kanaa "muddamaafi sodaa hamaa keessa jiru" jedhe.

''Dhugaadha, gareen kun gahumsa yeroo kamiyyu gadi bu'aa ta'e keessatti waan argamuuf leenjisaa kanaafis yaaddoo guddaadha.''

Maanchester Yunaayitid Dilbata har'aa gara dirree Liiverpuul deemuun galgala sa'aatii 1:30 irratti ni taphata.

Maanchester Yunaayitid taphoota Piriimer Liigii sadii dabalatee afur walitti aansuun mo'ameera. Erga leenjisaa haaraa Ruuban Amorim Sadaasa keessa qacaratee as ammoo taphoota lama qofa mo'achuu danda'eera.

Maanchester Yunaayitid amma tarree kilaboota kufan keessaa qabxii torba qofaan caalee argama.

Amorim 'Maanchester Yunaayitid' carraan Piriimer Liigii keessaa sadarkaa gadiitti bu'uu isa mudachuu danda'aa'? jedhamee BBCn gaafatamee, "hin ta'u jechuu hin dandeenyu' jechuun soda qabu dubbateera.

"Fuula kiyya keessa na ilaaluu dandeessa, yeroon dhufeefi amma wal bira qabdee dorgomsiistee ilaaluu dandeessa," jedhe erga Maanchester Yunaayitid leenjisuu jalqabee taphoota Piriimer Liigii saddet keessaa shan kan mo'ame Amorim.

Dhugaa dubbachuuf, dhiibbaa baayyeetu jira. Anaaf, [osoo kilaba jabaa kana waliin] milkaa'ee mo'ichadha, raawwii gaariidha. [Garuu] sirriitti ga'umsa barbaachisu agarsiisuu dhabuun ammoo rakkisaadha."

Maanchester taphoota sadan darban mo'ame keessaa lama dirreesaarratti. Tokko Barnimaazitu 3 fi 0n mo'ate, tokko ammoo Niwukasilitu 2 fi 0n mo'ate. Wolvis akkuma kana 2 fi 0n mo'ateera. Kun tibba Ayyaana Gannaa guyyoota saddet keessattidha.

Erga bara 1979 as maanchester waqtii Ayyaana Gannaa keessa walitti aansuun mo'amanii hin beekan.

"[Taphattoonni] dirreerratti baayyee dhiphatu ni sodaatus," jechuun dubbate Amorim. "Miira kana ammoo dandamachuu danda'uuti nurra jiraata."

"Dirreerratti taphattoota gaggeessan dhabneerra," kan jedhu leenjisaan lammii Poorchugaal kun, yeroo rakkisaa keessaa deebiyee Jimaata darbe taphachuu danda'uu taphataa sarara ittisaa Harii Maaguweer dinqisiifateera.

"Taphataa dirree keessatti gahee gaggeessummaa fudhachuun warra kaan jajjabeessu barbaadna. Ani ammoo kanan itti gaafatamummaa fudhadhee as jiruuf

"Taphattoonni yeroo of fooyyessuuf carraaqan arguu dandeessa. Yeroo kanatti ammoo takka takka muddama keessa galu, kubbaa miilaa gaarii taphachuudhaafis baayyisanii sodaatu.

Kun yeroo rakkisaa ta'edha waan ta'eef taphattoonni kunneen kanarra akka fooyyaa'aniif isaan ni gargaarra."

Yeroo ammaa kana taphni tokko kan isa hafu Liiverpuuliin qabxii 23 caalamee kan jiru Maanchester Yunaayitid, erga Amajji 2016 goolii tokkittii Ruuniin galchee mo'ateen as Anfiild irratti mo'atee hin beeku.

Maanchester Yunaayitid taphoota shan darban gara dirree Liiverpuul deemee taphate keessaa tokkorrattiyyu goolii lakkoofsisee hin beeku.

Isa dhumaa kan Maanchester Yunaayitid Liiverpuul irratti lakkoofsise bara 2018 ture.

Yaaddoo gareen isaa kun keessa jiru akkuma jirutti ta'ee, Amorim Maanchester Yunaayitid fi deeggartoota kilabichaatiif yeroon gaarii ni dhufa jedheera.

"Ani hangan danda'e nan hojjedha. Kilabicha gargaaruudhaaf waanan gochuu danda'u hin hambifadhu. Akkasiin ammoo milkaa'uu ni dandeenya. Yeroo kana keessatti rakkoo gahumsaa kilabichi keessa jiru hubachuuf rakkisaadha, garuu ammoo milkaa'uuf jirra."

Maanchester Yunaayitid fi Liiverpuul seenaa keessatti waancaa argataniin walitti waan dhiyaataniif, yeroo hedduu morkiin isaan lamaan gidduu jiru kan 'miira masaanummaa' qabu fakkaata.