Lammiileen Itoophiyaafi Ertiraa 32 Meeditiraaniyaanii keessatti danqaman baraaraman

Godaantota buufata boba'aarratti danqaman

Madda suuraa, Sea Rescue

Godaantonni 32 osoo Galaana Meditiraaniyaanii qaxxaamuruuf yaalaaa turaniifi dooniisaanii dhidhimnaan erga guyyoota hedduu qarqara galaanaa Tuuniziyaatti buufata boba'aa irratti danqaman booda dhaabbilee miti mootummaatiin baraaraman.

"Dubartoonni, dhiirotaa fi daa'imman" nyaataa fi bishaan malee guyyootaaf dooniin caccabaa keessa turuusaanii dhaabbanni tola ooltummaa godaantota Meditiraaniyaanii baraaruuf hojjetu ibseera.

Namni buufaticha keessa ture tokko du'uu dhaabbanni tola ooltummaa kun beeksiseera.

Dhaabbanni miti mootummaa Sea Watch jedhamu Kibxata waaree booda namoota 32 hunda buufata gaazii irraa baraaruu akka danda'an, amma doonii Aurora irra taa'anii kunuunfamaa akka jiran ibseera.

Haata'u malee, biyyi dhihoo jiru kamiyyuu hanga ammaatti doonii kanaaf buufata nageenyaa waan hin ramadneef bakki dhumaa dooniin Aurora kun itti deemtu ifa miti jedha Sea Watch.

Itti dabaluudhaanis, biyyi Awurooppaa kamiyyuu ''balaa hatattamaaf dhihoo ta'us'' kan gidduu seenee akka hin jirreefi ummanni kunneen kan danqaman bishaan idil-addunyaa keessatti daangaa naannoo Tuuniziyaa fi Maaltaa (SAR) irratti ta'uu ibse.

Xiyyaarri dhaabbilee miti mootummaa hordofan Seabird Bitooteessa 1 naannoo buufata boba'aa kanaatti doonii laastikii duwwaa ta'e argeera jedhameera.

Sana booda namoonni dooniin caccabde kunneen Bilbila Akeekkachiiftuu (Alarm Phone), sarara bilbilaa balaa tasaa godaantota galaana irratti rakkoo keessa jiraniif qunnamuu danda'an.

Waamicha kanaanis guyyootaaf nyaata malee turuu isaanii fi haalli isaanii yaaddessaa ta'uu himan. Akkasumas, du'a nama tokkoo gabaasuu isaanii Sea Watch beeksiseera.

Viidiyoo namoota danqaman keessaa tokkoon waraabee fi dhaabbilee miti mootummaa miidiyaa hawaasaa irratti qoodame irratti, dargaggeessi tiishartii adii uffate tokko inniifi kanneen isa waliin jiran "beelaan rakkachaa fi qorraan du'aa jiru" jechuun dhaga'ameera.

Namoota galaamicha keessatti bakka boba'aan baafamutti danqaman

Madda suuraa, Mediterranea Saving Humans

Isaan dura waan ture

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Daa'immaniifi dubartoota dabalatee godaantoonni lammiilee Itoophiyaa fi Ertiraa Galaanaa Meditiriyaaniyaanii keessatti danqaman deeggarsa atatamaa gaafachuu BBC Tigriffaa gabaaseera.

Godaantonni 32 kunneenis osoo bidiruun ittiin Liibiyaarraa galaana qaxxaamuruuf turan erga garagalteen booda buufata boba'aa galaana walakkaatti argamu keessatti dahatan.

''Kanneen addunyaa mara irraa afaan Tigriffaa dhageessan, kunoo asitti beela, rakkoofi qorraan du'aa jirra'' jechuun gaafatan ergaa karaa waraabbii viidiyootiin dabarsaniin.

"Maaloo, maaloo nu gargaaraa, yoo nu qaqqabuu baattan yeroo muraasaan booda du'uu keenya'' jechuun gaafata namoota danqaman keessaa inni tokko viidiyoo sanarratti.

Dhaabbanni miti-mootummaa godaantoota Galaana Meeditiriyaanii keessatti balaarratti argaman baraaruurratti hojjatu tokko, godaantota kanneen keessaa tokko du'uufi kanneen lubbuun jiran ammoo beelaa fi qorraan miidhamaa jiraachuu hime.

''Isaan keessaa tokko kan du'e yoo ta'u, baayyeen isaanii dhuukkubsataniiru. Nyaataafi bishaan dhugaatilleen hin qaban, qorra galaanaafis saaxilamoodha. Kanaafu yeroo baayyee balleessuu hin qabnu'' jechuun aanga'oonni Awuurooppaa atattamaan baraarsaaf akka saffiisan gaafate.

Waraanni Tuniziyaa godaantoota saaxilamtoota kanneeniif deeggarsa atattamaa waan hin kennineef qeequudhaan, Waldaan Baraarsa Meeditiriyaanii kun godaantoonni kunneen akka gara Tuniziyaatti akka deebiifneef gaafate.

''Maaloo nu baraaraa, beelaafi qorraan du'aa jirra. Kunoo ilaalaa obboleessi keenya akka itti beela'ee jiru. Qorraa fi beelaan du'aa jirra,'' jedha ergaa deeggarsa gaafachuuf godaantoonni dabarsan.

Buufanni boba'aa Miskaar kan qabeenyaa Boba'aa Biritish ta'e fi amma godaantoonni keessatti dahatan kunis galaana Meeditiraaniyaanii walakkaatti Tuniziyaa fi Odola Laampeduusaa jidduutti argama.

''Daa'imman, dubartoonniifi dhiironni guyyaa afur dura Liibiyaa bahan erga bidiruunsaanii dhidhimteen booda buufata gaazii Miskaar keessa dahatan'' jedha waldichi.

Godaantonni kunneenis dahoo tokko malee bubbee, qorra, roobaa fi aduuf saaxilamaa jiru.

Garee baraarsaa gara biraa, Sea Watch International, xiyyaarri siviil Sambataa fi Wiixata godaantota kanneen gubbaan balali'aa ture jechuun aanga'oonni Awurooppaa deeggarsa atattamaa akka taasisaniif waamicha godhe.

Namoota Galaana keessatti buufata boba'aa keessatti danqaman

Madda suuraa, Mediterranea Saving Humans

Waraabbii viidiyoo gadi dhiifame sanarratti, godaantoonni bakka dhiphoo keessaa walirratti hirkatanii mul'atu.

Gariin isaanis kan baayyee dadhaban fakkaatu. Dambaliifi bubbeen yoo bubbiisuu ni dhagahama.

''Guyyoota shaniif Libiyaan ala galaana irra jirra. Amma buufata boba'aa Tuniziyaa fi Xaaliyaanii jidduutti argamu keesstti bubbeedhaan dadhabaa jirra'' jedhan dargaggeessa viidiyoo sanarratti dubbatu tokko.

"Obboleettiiwwan keenyas nu waliin asitti argamu, sababii qorraatiin dhukkubsataa jiru... maaloo maaloo carraa xiqqoo qabnaatii nu gargaaraa.''

Waggaa waggaadhaan godaantoonni kumaatamaan lakkaa'aman wayita Libiyaarraa gara Awurooppaatti imaluuf galaana Meeditiraaniyaanii qaxxaamuruuf yaalaniitti lubbuu dhabu.

Godaantonnis gariinsaanii walitti bu'iinsa, waraana, dararaa fi sarbama mirgaa biyyasaanii keessaa baqachuun biyyoota Awurooppaatti koolu galtummaa gaafachuuf imala balaafamaa kana filatu.