Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammiin Israa'el Netaaniyaahuu akka ajjeesuuf 'Iraan qacarte' to'atame
Lammiin Israa'el ta’e tokko shira Iraan Ministira Muummee Israa’el Benjaamiin Netaaniyaahuu fi aanga’oota olaanoo biroo ajjeesuudhaaf xaxaa turte keessatti hirmaate jedhame tokko to’annoo jala oolfamuu waajjirri nageenyaa Israa’el beeksise.
Poolisiifi waajjirri nageenya biyya keessaa Israa’el akka jedhanitti, namni kun marsaa lama dhoksaatiin gara Iraan deemuun karoorichaaf kaffaltaa fudhatee deebiyeera.
Waajjiraaleen lamaan ibsa waloo baasaniin akka ibsanitti, namni kun daldalaa Turkii keessa jiraataa ture yoo ta’u, akka inni gara Iraan deemu kan haala mijeessaniif michoota isaa Turkirraa ta’anidha.
Qaxanaa sana keessatti masaanota kan ta’an Israa’eliifi Iraan yeroo muddama hamaa keessa jiran kanattidha oduun shira ajjeechaa kun kan dhaga’ame.
Ibsichi akka jedhutti, namni maqaan isaa hin ibsamiin ji’a darbe keessa ture to’annoo jala kan oolfame.
Shira ajjeechaa kanaaf kan irratti xiyyeeffatame MM Israa’el Benjaamiin Netanaiyaahuu, Ministira ittisaafi itti-gaafatamaa nageenya biyya keessaati jedhameera.
Akka ibsa kanaatti taanaan, Ebla fi Caamsaa darbe si’a lama gara magaalaa Samaandag jedhamuti Turk keesssatti argamtu deemuun dureessa Iraan Eedii jedhamu waliin kan wal arge yoo ta’u, lammiileen Turkii lama gargaaraa turaniiru.
Namni Eedii jedhamu Iraan keessaa bahu waan hin dandeenyeef namni Israa’el kun Turkirraa gara Iraan akka deemu taasifameera jedhan.
Namni kun erga gara Iraan deemeen booda Eediiniifi “ogeessota nageenyaa Iraan” waliin akka wal argan eera ibsi kun.
Eediin namicha Israa’el kana “Israa’el keessatti sirna bulchiinsa Iraan keessaa ajajawwan garagaraa darban akka raawwatuuf” gaafateera jedha ibsi bahe kun.
Maallaqaafi shugguxii daddabarsuu, Israa’el keessatti bakkawwan namoonni itti baayyatan suuraa kaasuun Iraaniif kennuu, akkasumas Israa’elota biroo Iraanitti hojiin itti kenname doorsisuun ergamoota itti kennaman keessaati.
Namni Israa’el kun si’a lamaffaa gara Israa’el wayita deemetti hojjetoonni nageenyaa biyyattii namni kun Israa’el keessatti haleellaa shorokeessaa akka raawwatuuf, keessumaa Netaaniyaahuu, ministira ittisaa Galaantiifi itti-gaafatamaa waajira nageenyaa Rooneen Baarn akka ajjeesuuf gaafataniiru jedha.
Ajjeechaa gaggeessaa Hamaas Ismaa’el Hanniyyaa Iraan keessatti raawwatame haaloo ba’uuf jecha ministira muummee duraanii Israa’el Naaftaalii Baaneet fi namoota beekamoo biroo ajjeesuudhaaf karoorfamee akka ture qorannootiin mirkanaa’uu ibsi kun eereera.
Iraan ajjeechaa Ismaa’el Hanniyyaatiif Israa’eliin itti gaafatamtuu gootus Israa’el garuu gocha kana keessatti hirmaachuushee hin amannes, hin waakkannes.
Qorattoonni akka jedhanitti, namni Israa’el un karoora isaa kanaaf dolaara miliyoona tokko qabdii fudhateera.
Namoonni gocha kana raawwachuudhaaf karoorsaniiru jedhaman Awurooppaafi Ameerikaa keessatti mormitoota mootummaa Iraan ajjeesuudhaaf, akkasumas namoota Mosaadiif (dhaabbata basaasaa Israa’el) adamsanii “odeeffannoo akka fidan” gochuuf yaadaniiru jedhamee shakkameera.
Namni Israa’el kun namoota kanneen waliin taa’ee waan odeesseef Yuroo kumni shan akka kaffalameeruuf ibsi kun mul’iseera.
Waajirri nageenya biyya keessaa Israa’el “hojjetoonni nageenyaa Iraan lammii Israa’el kana qacaranii Israa’el keessatti haleellaa shororkeessuu raawwachuuf yaalii taasisaniif agarsiiftuudha,” jedheera.
Bulchiinsi Iraan bara 1979 warraaqsa Islaamummaan erga gara aangootti dhufeen booda Israa’eliifi Iraan diina walii ta’anii turaniiru.
Iraan jiraachuu Israa’eliif beekamtii kan hin kennine yoo ta’u, gareewwan warra akka Hamaasiifi Hezboollaah Israa’el lolaniif ammoo deeggarsa taasifti.
Keessumaa sababa waraana Gaazaa keessa jiruun gaarefannaan Iraaniifi Israa’el gidduu jiru kan hammaate yoo ta’u, keessumaa ji’oota muraasaa asitti biyyoonni lamaan haleellaa kallattiin hin taane walirratti raawwataniiru.