Looraa Luumar: Dubartiin ejjannoo farra Islaamaa qabduufi Tiraamp biraa hin dhabamne eenyuudha?

Dubartiin tun kan ilaalcha warra shira haarbeessitoota hard-right ( hard-right conspiracy theorist) jedhamanii qabduudha. Maqaanshee Looraa Luumar kan jedhamu yoo ta'u, Doonaald Tiraamp biraa hin dhabamtu.

Looraan ejjannoo farra Islaamaa calaqqisiisuun beekamti. Xinxalawwan shiraa ragaa malee ta'an babal'ifti.

Dubartiin tun duula filannoorratti Doonaald Tiraamp cinatti argamuun ishee Rippabilikaanota tokko tokko dabalatee gaaffii kaaseera.

Aadde Loomar haleellaan Fulbaana 9/11 ''gochaa keessoo'' mootummaa Ameerikaatiin raawwatame jechuu dabalatee yaadota shiraa babal'isuudhaan beekamti.

Roobii darbe sagantaa haleellaa 9/11 yaadachuuf qophaa’e irratti Tiraampi waliin argamuunshee, miidiyaalee Ameerikaa tokko tokko irratti aarii guddaa uumeera.

Akkasumas Kibxata darbe ammoo, dubartiin ganna 31 tun xiyyaara Tiraampiin gara Filadalfiyaatti imaluun falmii pirezidaantummaa magaalattii keessatti gaggeeffamuuf ture.

Falmii pirezidantiin duraanii Donaald Tiraampii fi ittaantuu pirezidantii ammaa Kaamalaa Haariis jiddduutti tureen dhimmi ijoo ta'ee ture waa'ee baqattoota seeraan ala Haayitii irraa dhufan ilaalchisuun jecha ''sareefi adurreen osoo hin hafne'' beeladoota manaa sooratu jedhee ture.

Aanga'oonni bulchiinsa Ohaayoo, magaala Sipiirngi Fiild kan sareefi adurrooti keessatti yaaddoo keessatti argamu jedhamee, ''ragaan himannaa kana mirkanneessuu omtuu hin jiru'' jechuun BBCtti himan.

Tiraamp kana kanan jedhe odeeffannoon TV irraa argadheen jedhu. Ittaanaa Pirezidantiisaanii ta'un kan dorgoman Jeedii Vaansiim kanurra deebi'an.

Miidiyaa hawaasaa X irratti hordoftoota miiliyoona 1.2 kan qaban Luumar ture kan yeroo jalqabaatiif yaada kana tamsaasan.

Walitti dhufeenyi dubartiin tun Tiraamp waliin qabdu ifa ta'u baatulleen, Tiraamp yaada kana akka falmii duula filannoo irratti kaasaniif kan jajjabeessite isheedha jedhamuun komii irratti ka'aa jira.

Maddeen Tiraampiitti dhiheenya qaban akka jedhaniitti, Luumar walitti dhiheenya isheen Tiraamp waliin qabdu baayyee yaaddeessaa jira.

Miseensoonni paartii Riipablikaanii kan turan ejdhaman Tiraamp osoo dubartii tana baayyee ofitti dhiyeessuu baatee gaariidha jechuun yaada kennan.

Seenaatarri Noorz Kaarooliinaa, Toom Tiiliis, ''dubartiin Looraa Luumar jedhamtu dubartii maraatuu paartii Riippablikaanootaa keessatti qoodiinsa uumuudhaaf ergamteedha'' jechuun himatan.

Guyyaa Jimaataa gaazexessitootaaf ibs akan kennan Doonaald Traamp Looraa jechuun, ''deeggartuudha'' jechuun, yaadawwan ishaan dhiheenyatti Kaamalaa Haariisiifi haleellaa 9/11 ilaalchiisuun dubbattee omaa akka hin beenke dubbatan.

''Anii Looraa hin to'adhu. Waan barbaaddee dubbachuun mirgasheeti. Nama miira bilisaa qabduudha'' jedhan.

Looraa Luumar gaaffii irra deddebiin BBC irraa dhiyeeteef deebii hin kenniine.

Haata'u malee toora X kan duraan Tiwitara ture irratti ''of andeessee akka sochootuu fi'' nama abdii dhumaa biyyattii jettuun ''Tiraamp deeggaruudhaaf akka hojjattuu'' barreessitee jirti.

''Yeroo yeroodhaan si dubbiifan jechuun gaazexeessitoota barreessitaniif deebiinkoo hin ta'uudha. Ani hojii qorannoo mataakoo hojjachuudhaaf yeroon natti gabaabbata. Yaada rimee shiraa keessaniif yeroo hin qabu'' jette.

Bara 1993tti bulchiinsa Ariizoonaatti kan dhalatte Looraan, gaazeexessituu qorannoo dhuunfaasheetiin sochootuufi dhaabbilee garaa garaatti ammoo aktivistiifi maddiisiiftuu yaadaa ta'uun hojjattee jirti.

Filannoo Ameerikaa bara 2020tti bakka buutuu ummataa paartii Riippablikaan bulchiinsa Filooriidaa ta'uudhaaf Tiraampiin deeggarsa argattee garuu osoo hin milkaa'iiniis hafte.

Irra deebiin bara 2022tti filannoo duraa bulchiinsa Filooridaatti gaggeeffame keessatti hirmaachuun osoo sagalee gahaa hin argatiin haftee jirti.

Amma ammoo yaadawwan shiraa qabatamaa hin taane tamsaasaa jirtuun beekkamtiin ishee dabalaa dhufeera. Kaamalaa Haariis gurraattii miti, ilmi biiliyeenarichaa Joorji Sooroos Tiraamp akka ajjeeffamuuf ergaa icciitii dabarseera fi yaadawwan shiraa kaan gaggeessaa jirti.

Sababii kanaatiin Facebook fi Instagram irraa kan dhorkamte yoo ta'u, waa'ee konkolaachiiftoota Islaamaa irrattis yaada kenniteen ammoo appiiwwan taaksii Ubar fi Liifti jedhaman irraas dhorkamte jirti. Ofiisheetiis ''boontuu islaama jibbitu'' gochuun ibsiti.

Looraa Luumar duula filannoo Tiraampgaggeessan garaa garaa irratti kan argamtu yoo ta'u, dallaa bakka jireenyaa Tiraamp kan ta'e Mar-a-Lago keessattis mul'attee jirti.

Gabaasa The New York Times bara darbe baaseen, Doonaald Tiraamp dubartiittii dursituu duula filannoosaanii taasisuudhaan karoorsuudhaan deeggartoota isaanii irraa mormiin isaan mudateera jedhe.

Looraa namoonni dhiiga Hindii qaban Waayiti Haawuus kan seenan yoo ta'u, ''urgaa kaarii jedhamu qabaataa'' jechuun yaada kennite. Kaariin (curry)n nyaataa Hindiitaa jaalatamaa yoo ta'u, yaadashee kanaanis hedduurraa komiin irratti ka'eera.

Tiraampiin kan deeggaran miseensi mana maree beekamoon, Maarjoorii Teeyilar Giriin, yaada Looraa kanaan ''jibba sinyii fi kan paartii riippablikaaniis ta'e garee Tiraamp bakka hin buuneedha'' jedhan.