Ameerikaan haleellaa Godina Addaa Saba Oromoo fi Shawaa Kaabaan yaadda'uu ibsite

Madda suuraa, US EMBASSY AA/FB
Walitti bu'iinsa Naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromoo fi Godina Kaaba Shawaa keessatti mudataa jiruun lubbuun namaa darbuu, miidhaan qaamaa qaqqabuu fi qe'eerraa buqqa'uun lammiilee akka isa yaaddessu mootummaan Ameerikaa ibse.
Imbasiin Ameerikaa magaalaa Finfinnee jiru ibsa miidiyaa hawaasummaa isaa (Facebook) irratti maxxanseen hidhataas ta'e qaamni kamiyyuu jeequmsa uumuun uummata qe'eerraa gussuu akka hin qabne akeekkachiise.
Imbasichi ibsa isaa keessatti lammiileef eegumsi akka taasifamu fi rakkoo siyaasaa walxaxaa fi rakkoo nageenyaa Itoophiyaa keessatti yaaddessaa ta'aa dhufeef fala kaa'uuf kutannoon marii nagaa akkaan murteessaa ta'uu dhaame.
Tibbana Naannoo Amaaraa daangaa Godina Shawaa Kaabaa fi Godina Addaa Saba Oromoo gidduutti hidhattoonni haleellaa raawwachuun lubbuu lammiilee galaafachuun gabaafamaa ture.
Godina Addaa Saba Oromoo keessaa aanaaleen haleellaa kanaaf saaxilaman Aanaa Harxummaa Fursee fi Aanaa Jiillee Dhummuugaa ta'uu BBCn jiraattota irraa mirkaneeffateera.
Jiraattonni akka jedhanitti haleellaa jalqaba ji'a Ramadaanaa irratti eegale kana garee hidhattoota Faannootu raawwate.
Haleellaa kanaan lubbuun namootaa darbuu, qabeenyi manca'uu fi hedduun qe'ee fi qabeenyasaaniirraa buqqa'uu jiraattonni himaniiru.
Rakkoo kanarraa ka'uun Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Arviin Maasingaa taateen kun mootummaasaanii akka yaaddessu ibsan.
''Haleellaan kamuu yoo mudate jiraattonni qe'eesaaniirraa buqqa'uu hin qaban,'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mootummaan naannoo Amaaraas ta'e kan federaalaa rakkoo godinaalee kunneen keessatti mudate ilaalchisuun hanga yoonaa homaa hin jenne.
Wayita haleellaan kun mudataa turetti viidiyoowwan waraabamanii miidiyaa hawaasummaarratti gadhiifamaa turan manneen hedduun wayita gubatan agarsiisu.
BBCn viidiyoowwan kunneen dhugaa ta'uu fi dhiisuu qaama walabaarraa hin qulqulleeffanne.
Jiraattonni Godina Addaa Saba Oromoo, Aanaalee Harxummaa Fursee fi Jiillee Dhummuugaa irraa BBC'f yaada kennan gamasaaniin haleellaa kanaan manneen gubachuu fi lubbuun namootaa darbuu ibsaniiru.
Haleellaa fi walitti bu'iinsa torbanii oliif godinaalee kunneen keessatti raawwatamaa tureen booda raayyaan ittisaa gara naanna kanaatti bobba'eera.
Kana hordofee godinaalee kunneen keessatti nageenyi haga tokko argamus garuu ammallee jiraattoonni yaaddoo keessa jiraachuu himan.
Jiraattonni haleellaa kanaaf garee hidhattootaa Faannoo ofiin jedhan, kan mootummaan finxaaleyyii Amaaraa jedhee waamu komatan, raayyaan ittisaa wayita haleellaan mudatu gidduu seenee tasgabbeessuun nageenya uummataa eeguurra bakka nagaa qabu filatee jiraata jechuun komatan.
Naannoo Amaaraa keessatti rakkoo nageenyaa ji'oota saddeetiif walitti aansuun mudate hordofee labsiin yeroo muddamaa kan labsame yoo ta'u, daandiin guddaan godinaalee lameen gidduutti argamu nageenya lammiileef jecha komaand postii naannawa kanaan erga cufamee ji'a tokko ta'eera.
Godinaalee lameen keessatti walitti bu'iinsi fi haleellaan deddeebi'ee mudata, hawaasi naannawa kanaas rakkoo kanaaf quba walitti qaba.












