Lakkoofsi namoota Aanaa Noonnootti hidhattootaan ajjeefamanii 16 gahuu jiraattonni himan

Baay'inni lakkoofsa namoota haleellaa Kamisa darbe Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnootti hidhattootaan namoota nagaarratti raawwatameen ajjeefamanii 16 gahuu jiraattonni BBCtti himan.

Jiraattonni aanichaa BBC'n haasofsiise haleellichi Kamisa darbe ALI Adoolessa 3, 2017 galgala naannoo sa'aa 1:30 eegalee Aanaa Noonnoo Magaalaa Daargee iddoo addaa Naannoo Guddinaa jedhamutti raawwatamuusaa himan.

Jiraataan aanichaa nageenyasaaniif jecha maqaansaanii akka hin eeramne gaafatan, "haleellaan kun hidhattoota finxaaleyyiitiin kan gaggeeffame. Sa'aatii sanatti osuma mana jirruu dhukaasa dhageenye" jechuun himan.

Dhukaasni itti fufiinsaan daqiiqaawwan 30 ta'uuf turuu kan himan jirataaan kun, "sa'aatti 2:00tti yemmuu asii ol baanu namuma dhumedha kan argine" jedhan.

Haleellichaan battalatti namoonni 14 ajjeefamuufi namoonni 5 ammoo yaalaaf gara Hospitaala Walisootti ergamanii akka ture himan.

Namoota shan hospitaala seenan keessaa ammoo namoonni lama lubbuun akka darbes jiraattonni BBCn haasofsiise himan.

Jiraataan aanaa Noonnoo kan biraan, "daa'ima ji'a 8 irraa kaasee hanga nama waggaa 60 ol ta'utu dhume. Kaan osoo irbaata nyaatuu, kaan osoo buna dhuguu dhume" jechuun haleellaan hidhattoota kanneen raawwatame kan namoota adda hin baafne akka ture himan.

Jiraataan kun haleellichaan namni Obbo Birhaanuu Shamsaddin jedhaman haadha warraa isaaniifi ijoollee isaanii shan dabalatee, waliigalatti namoonni jaha jalaa ajjeefamuu himaniiru.

Boodarras milishaan aanichaa qaqqabuun hidhattoota kunneen naannichaa keessaa baasuu jiraattonni himaniiru.

Hidhattoonni kun eenyu?

Yeroon haleellaan guyyaa Kamisaa itti raawwatame dukkana ta'uusaatiin wal qabatee lakkoofsi hidhattoota haleellicha raawwatanii hagam akka ta'e akka hinbeekamne kan himan jiraattonni aanaa Noonnoo, tilmaamaan 40-60 akka ta'an dubbatan.

Hidhattoonni jiraattonni aanichaa 'Finxaaleyyii' jechuun waaman kun naannawa daangaa aanaa Noonnoo fi naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa kan jiraatan ta'uu jiraattonni himu.

Hidhattoonni kun maqaa Faannoo jedhuun kan of waaman akka ta'e jiraataan aanichaa tokko himaniiru.

Gama biraatiin, hidhattoonni kun haleellaa biraa raawwachuuf dhaadachaa jiraachuu kan himan jiraattonni, yaaddoon nageenyaa qabaachuu dubbataniiru.

"Ammallee "ni dhufna" jedhanii fakkaraa jiru. Ummanni yaaddoo guddaa qaba" jedhan jirataan aanichaa BBC'tti dubbatan.

Yaaddoofii sodaa haleellaan raawwatamuu mala jedhuunis jiraattonni qe'ee isaaniitii buqqa'uuf qophiitti jiraan jiraachuus himaniiru.

"Mootummaan karaa ta'een furmaata akka nuuf kennu jechuu barbaanna. Kana ta'uu baannaan buqqaatiifii dhumaatiin ummataa akkanumatti itti fufa jechuudha" jedhan.

Haleellaawwan irra deddeebii naannichaa

Godina Shawaa Lixaa keessatti kan argamtu aanaa Noonnootti hidhattoonni yeroo garagaraatti haleellaawwan irra deddeebii raawwachaa turaniiru.

Jiraataan aanichaa dhimma kanarratti yaadasaanii kennan, "irra deddeebiin waan taasifamaa turedha, bartee taasifataniiru" jedhan.

Jiraataan aanichaa inni biraan immoo haleellaan guyyaa Kamisaa kun haleellaa afraffaa ta'uu dubbatan.

Haleellaa hidhattoonni kun ALA Waxabajjii 2024 mana cidhaarratti raawwataniin yoo xiqqaate namoota 24 ajjeesuusaanii angawaan aanichaa BBC'tti himanii ture.

Waqtichatti Komand Postii aanichaa kan turan Obbo Tashoomaa Sobboqaa, hidhattoonni kun manneen 22 ol tahanitti abidda qabsiisuun gubuusaaniis himanii turan.

Kana malees ALA Ebla 2022 haleellaa hidhattoonni kunneen aanichatti raawwataniin lubbuun namootaa baduu fi manneen jireenyaa qonnaan bultoota 40 ol fi beeladoonni gubachuu waajjirri Komunikeeshinii Aanichaa beeksisuunsaa ni yaadatama.

Gama biraatiin waa'ee haleellaa guyyaa Kamisaafii haala nageenyaa aanichaa ilaalchisee yaada akka nuuf kennan Bulchaa Godina Shawaa Lixaa kan ta'an Obbo Didhaa Guddataaf irra deddeebiin bilbillus bilbila nujalaa hin kaasne.