Mootummaan rakkoo nageenyaa fi qaala'iinsa jireenyaa to'achuu qaba- Waldaalee Hojjettoota Itoophiyaa

Mootummaan Itoophiyaa rakkoo nageenyaa fi qaala'insa jireenyaa Itoophiyaa keessaa to'achuu akka qabu Konfedereshiniin Waldaalee Hojjettoota Itoophiyaa gaafate.

Rakkoon nageenyaa bakkeewwan biyyattii garagaraatti itti fufe hojjettoota ajjeechaafi hidhaaf, darbees qarshiif jecha akka butamaniif saaxile jechuun akka furamu Konfedereeshinii Waldaalee Hojjettoota Itoophiyaa gaafate.

Pirezidantiin konfedereeshinichaa Obbo Kaasaahun Foolloo turtii addatti BBC waliin taasisaniin rakkoon nageenyaa hojjettoonni sodaa keessa akka dalagan taasisuu himan.

Guyyaan Dafqaan Bultootaa sadarkaa idil-addunyaatti guyyaa har'a (Roobii, Caamsaa 01, 2024) kabajama.

Waggoota shanan darban rakkoo nageenyaaf kan saaxilamte Itoophiyaan hojjettootni bilisaan bakkaa bakkatti socho'anii hojjetanii jiraachuuf rakkoo tahuu kan himan ammoo gorsaa pirezidaantichaa kan tahan Obbo Daawwee Ibiraahimidha.

''Qabeenyi warshaalee ni saamama, ni gubata, kun ammoo jireenya hojjettootaa irratti dhiibbaa qaba'' jedhan.

Itti dabaluun rakkoon nageenyaa Itoophiyaa keessaa karaa nagaa hiikamuu qaba jedhan.

''Marii nagaa fi dhugaa barbaaduun haala gaariin deemuu qaba. Haqni yeroo ce'umsaa murtaa'uu qaba,'' jedhan.

Rakkoon nageenyaa biyyattii keessaa jireenya hojjettootaa balaarra buusuu kan kaasan gorsaa pirezidaantii waldichaa Obbo Daawwee Ibiraahim rakkinni biraa hojjettootni qaban kaffaltii waliin wal qabata jedhan.

Gaaffiiwwan 13 jaarmiyaan dhimma hojjettootaaf falmu kuni Ministira Muummee Abiy gaafate keessaa lama qofa deebi’uu BBC’n odeeffateera.

Obbo Daawween gaaffii MM Abiyyiif dhiyeessan 13 keessaa deebii osoo hin argatiin kan turan keessaa tokko rakkoo nageenyaa, walitti bu'insaa fi waraanaati jedhan.

Kun jireenya hojjettootaa irrattis tahe uummata biyyattii irratti dhiibbaa guddaa qaba jedhan.

Kan biraa osoo hin deebi'iin ture ka'umsa kaffaltii miindaa hojjettootaa [minimum wage] tahuu eeran.

''Boordiin ka'umsa kaffaltii miindaa akka sirratuuf gaafatamee deebii hin arganne. Gaaffiin keenya MM Abiy bira gaheera. Isaanis gorsitoota isaanii fi ministera Haqaaf qajeelfama kennaniiru. Waldaan keenyas xalayaa barreessaa turrus ammayyuu deebii gahaa hin arganne,'' jedhan.

Dhimma kana kan ilaalu boordiin hundaa'uu qaba jennee gaafannus ammas dafee deebii hin arganne. MM garuu qajeelfama kennaniiru.

Itoophiyaan biyyoota kaffaltii miindaa ka'umsaa baay'ee gadi bu'aa qaban keessatti argamti.

Obbo Kaasahun gibirri hojjetaa irraa akka hir'atu gaafannee ammayyuu deebii hin argatiin jirra jedhan. Gama biraan mirga gurmaa'inaa ilaalchisee kanneen irratti hojjetamaa jiran jiru jedhan.

'Hojjettoota irra miidhaan ajjeechaa fi hidhaa gahaa jira'

Pirezidaantiin Konfedereeshinichaa Obbo Kaasahun Foolloo bakkeewwan adda addaatti hojjettooota irra miidhaan dhaqabaa jiraachuu himu.

Obbo Kaasahun akka fakkeenyaatti yoo kaasan dhiyeenya hojjettootni warshaa sukkaaraa Wanjii shan tahan qabamuun ajjeefamanii argamuu himan.

Ajjeechaa kana raawwachuuf qaamni itti gaafatama isaa fudhate hin jiru.

Naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessa rakkoo nageenyaa jiraachuu kan himan Obbo Kaasahun, ''hojjettootni lafa hojii isaaniitii qabamuun ni ugguramu, akkasumas ni ajjeefamu,'' jedhan.

Taatee dhiyeenyaa yoo kaasan hojjettootni 60 tahan osoo konkolaataan deemaanii qabamanii guyyaa sadii erga bulanii booda gadhiifamuu himu.

Dabalataan namoota qabanii ''maallaqa fidi'' jechuun waan jiruuf kun hojjetaan tasgabbaa'ee akka hojii isaa irratti hin xiyyeeffanne gochaa jira jedhan.

''Hojjetaafis uummata Itoophiyaafis waa'een nageenyaa kan dursudha, kan barbaachisudha. Waan nyaatanii fi dhugan caalaa nageenyi dursuu qaba.''

Obbo Kaasahun warra qabame ykn ajjeefame caalaayyuu warri nagaa jiraniyyuu dabareen koo yoomi jechuun yaaddoon waan jiraatuuf dhiibbaa qaba jedhan.

''Furmaata jennee kan yaadnu mootummaan nageenya kana fiduuf gahee olaanaa qaba. Waraannis furmaata fidee waan hin beekneef kun hubatamee mareen furamuu qaba jenna,'' jedhan.

Obbo Kaasahun gaaffiin hojjetaa inni guddaan daballii miindaa osoo hin taane ka'umsi miindaa murtaa'uu qabaachuu fi gibira kaffalu hir'suudha jedhan.