Gaazexeessituu Firehiwoot Taammiruu badhaasa idil-addunyaa badhaafamte

Madda suuraa, Firehiwoot Taammiruu
Gaazexeessituu Firehiwoot Taammiruu badhaasa idil-addunyaa ‘Focus On Ability’ jedhamu injifachuun badhaafamte.
Awustiraaliyaatti kan gaggeeffamu badhaasni ‘Focus On Ability’ dorgommii fiilmiiwwan gaggabaaboo kan daqiiqaa shanii gadi ta’aniifi milkaa’inoota namootni miidhama qaamaa qaban ittiin agarsiifamu.
Gaazexeessituu Firehiwoot Taammiruu waggootaan dura balaa konkolaataa isheerra gaheen miilashee tokko erga dhabdee osoo miidhamaaf abdii hin kutatiin hojiisheetiin cinaatti namoota miidhama qaama qaban biroos hamileessuufi onnachiisurratti hojjechaa turte.
Badhaasa namootni miidhama qaamaa qabaniifi osoo isaan abdii hin kutatin milkaa’an waa’eesaanii dokumantariin qopheessanii ittiin dorgoman kanarrattis yeroo jalqabaaf barana hirmaatte.
“Dokumantarii waa’ee kiyyarratti xiyyeeffatu daqiiqaa lamaafi sekondii 30 ta’enin dorgome. Dokumantarii kana dhaabbara ICRCtu naaf hojjete. Dorgommichi ulaagaan tokko sagalee uummanni kennuun ture. Uummanni keenya baayyee sagalee naaf kenneera,” jetti.

Madda suuraa, Focus on Ablity
Baayyina sagalee karaa ‘online’ kenname kanaanis Firehiwoot dorgomtoota hunda caalaa nama sagalee argatte yoo taatu, sagaleen ‘online’ kenname kunis dhaabbatichi erga badhaasa kana jalqabee isa olaanadha jedhame.
Kanaanis Firehiwoot badhaasa kana sadarkaa tokkoffaa bahuun badhaasa doolaara 5,000 argatteetti.
“Sagantaa badhaasaa kaleessa Awustiraaliyaatti adeemsifame kana ani karaa ‘online’ hordofe. Tokkoffaa baheen doolaara 5,000 badhaafame. Isaan alas carraa leenjii online leenjisaan naaf qacaramee akkan argadhu himame,” jetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dorgommii ‘Focus on Ability’ jedhamu kana ammaan duralleen lammiileen Itoophiyaa itti hirmaatan jiraatanilleen hanga ammaa namni mo’ate hin turre.
Firehiwoot badhaasa sadarkaa addunyaatti ta’e kana waan injifatteef biyya keessaatis badhaasa kan biraa akka argattu himteetti.
Dorgommii kana akka injifattuuf kan ishee tumsaa ture hawaasa bal’aa karaa online sagalee kennuun akka moo’attuuf gumaaches galateeffatteetti.
Namootni miidhama qaamaa qaban abdii kutachuun manatti hafuurra carraafi dandeettii qaban baasanii mul’achuu akka qaban gochuun kaayyoo kooti kan jettu Firehiwoot, badhaasni kunis namoota miidhama qaamaa qaban biroof hamilee gaarii akka uumu himti.
Gazexeessituu Firehiwoot Taammiruu waggootaaf miidiyaa OBN keessa hojjechaa kan turte yoo ta’u, yeroo ammaa ammoo dhaabbata piroomooshinii dhuunfaa hundeessuun hojjechuurratti argamti.
Dorgommii miidhaginaa bara 2001 Adaamaatti qophaa’erratti injifatte kan turte Firehiwoot, magaalichatti ambaasaaddara ta’uun hojiiwwan tola ooltummaa heddurratti hirmaachuun gumaacha taasisaa turte.
ALI bara 2006 hojiidhaaf Finfineerraa gara Adaamaatti osoo imalaa jirtuu balaan tiraafikaa isheerraa qaqqabe kan maatiif hiriyootashee hunda rifachiise ture.












