Ji'oota ja'an darbanitti gatiin beenzila liitira tokkoo dhibbeentaa 28'n dabale

Konkolaattota tooraan magaalaa keessa jiran

Mootummaan Itiyoophiyaa deeggarsa yeroo dheeraaf oomishaalee boba’aaf taasisaa ture erga kaase booda, ji’oota jahan darban keessatti beenzilli liitiriin tokko birrii 13n dabaleera.

Ministeerri Daldalaa fi Hariiroo Naannoolee gatii gurgurtaa boba’aa irratti jijjiirama erga taasisee booda daballiin gatii boba’aa ji’oota ja'an darbanitti dhibbeentaa 28.14'n gaheera.

Adoolessa bara 2014 [ALI] irraa kaasee boba'aan liitira tokko birrii 47 fi saantima 83'n gurguramaa ture.

Akkaataa fooyya'iinsa gatii boba'aa haaraa Amajjii 01/2015 irraa eegalee hojiirra ooluutti yoo ta'e, beenzilli liitiriin tokko Birrii 61 fi saantima 29n gurgurama.

Mootummaan deeggarsa damee boba’aaf taasisu suuta suutaan kaasuu isaa hordofuun, ji’oota darban keessa gatii boba’aa irratti daballiin guddaan mul’ateera.

Akka mootummaan jedhutti ji’atti giddu galeessaan birrii biiliyoona 10 oomisha boba’aa deeggaruuf ba’a.

Inumaa gatiin boba’aa magaalaa Finfinnee keessatti ittiin gurguramaa jiru, akkaataa gatii boba’aa gabaa addunyaatiin yoo shallagamu gatiin gurgurtaa naafxaa liitira 1 Birrii 91 fi saantima 23, beenzila liitira tokkoof Birrii 82 fi saantima 07 ta’uu qaba jedha mootummaan.

Kutaalee biyyattii biroo keessatti ammoo gatiin isaa kana caalaa dabala.

Haa ta’u malee, mootummaan baasii guutummaa boba’aa fayyadamtoota irratti fe'uurra baasii guddaa ofiisaatii baasuun gatii boba’aa dabalaa tureera.

Deeggarsi mootummaan damee boba'aaf taasisu kun gatii guddaa waan baasiseef mootummaan deeggarsa kana suuta suutaan kaasuuf karoora qabatee hojiitti hiikaa jira.

Adeemsi deeggarsa kana kaasuu hawaasa irratti dhiibbaa akka hin uumne mootummaan ibsee jira.

Ministeerri Daldalaa fi Hariiroo Naannolee gatii beenzilaa dabaluun alatti gatii naafxaa adii, keeroosiinii, naafxaa gurraacha salphaa fi ulfaataa akkasumas boba’aa xiyyaaraa fooyyessee jira.

Ministeerri kun naafxaa adii birrii 67 fi saantima 30, keeroosiinii birrii 67 fi saantima 30, naafxaa gurraacha salphaa birrii 49 fi saantima 67, naafxaa gurraacha ulfaataa birrii 48 fi saantima 70 fi boba'aa xiyyaaraa birrii 67 fi saantima 91 ta’uu ibseera.