Daballi gatii boba’aa haaraan har’aa kaasee hojiirra oole

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan akkaataa tumsa [diggomaa] boba’aaf taasisuu kaasuuf karoora qabateetiin marsaa jalqabaan daballi gatii olaanaan omishaalee bob’aarratti taasifame.
Ministeerri Daldalaafi Qindomina Qaxanaa ibsa gatii gurgurtaa omishaalee boba’aa haaraa ALI Waxabajjii 29 hanga Adooleessaa 30, 2014tti hojjetu kaleessa ifa taasiseera.
Haaluma kanaan gatiin beenziila leetira tokkoo duraan birri 36.87tti gurguramaa ture, birriin 10.96 itti dabalamuun har’a irraa kaasee birrii 47.83tti gurgurama.
Naafxaa adiin ammoo baatiiwwan muraasa darbe keessatti daballii birria 14 agarsiiseera. Baatii Eblaa 30 irraa kaasee liitiriin tokko birrii 35.42tti gurguramaa kan ture naafxaa adiin, amma yeroo tokkoon birria 13.59 dabaluun gatiin liitira tokkoo birria 49.02 ta’uun ibsameera.
Ibsa Ministeerichi jijjirama gatii omishaalee boba’aa ilaalchisuun Kibxata galgala baaseen, gatiin keroosinii birrii 49.02, kan naafxaa gurraacha salphaa birri 53.10, kan naafxaa gurraacha ulfaataa 52.37 fi boba’aan xiyyaaraa birria 98.83 ta’uu beekissiseera.
Daballi gatii omishaalee boba’aa tibbana taasifameef kan kanaan duraa irra olaanaa ta’ulleen, mootummaan ammaalleen bob’aadhaaf tumsa olaanaa taasisaa jiraachuu ibseera.
Mootummaan kanaan dura omishaalee boba‘aatiif tumsa waliigalaa taasisaa kan ture ta’ulleen, amma garuu tajaajilawwan geejjiba ummataatiif tumsi akka taasifamu himameera.
Baatiiwwan darban muraasa keessatti, mootummaan Itoophiyaa gatii gurgurtaa qinxaaboo bob’aa irratti walitti fufinsaan daballii taasiseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Fakkeenyaaf, ALI Ebla 30, 2014 irraa kaasee jijjirama gatii gurgurtaa qinxaaboo omishaalee boba’aa irratti taasifameen, beenziilli dabala gatii %15 taasisuun kan birrii 31.74tti gurguramaa ture gara birrii 36.87tti dbalee ture.
Sababiiwwan daballii gatii olaanaa kanaaf ka’an keessaa tokkoo gatiin bob’aa sadarkaa idil -addunyaatti dabaluusaati. Kanaan wal qabatees mootummaan tumsa omishaalee boba’aatiif taasisuun, baasiin birrii biiliyoonaan lakkaa’amu taasisuun dhiibbaa itti uumaa jiraachuusaati.
Abbaa Taayitaa To’annoofi Inarjiitti Daarektarri Qorannoo Sadarkaalee Boba’aa, Obbo Lammeessaa Tullluu akka jedhaniitti, mootummaan sababii tumsa boba’aaf taasisuutiin wagga waggaan doolaara miiliyoonotaan lakkaa’amu baasii taasisa.
Guyyoota 30n Caamsaafi Waxabajjii jidduutti argaman keessatti qofaatti, mootummaan birrii biiliyoona 16 ykn doolaara miiliyoona 268 tumsa boba’aatiif baasii taasisuu Obbo Lammeessaan dubbataniiru.
Akkuma kanaan dura hubatameetti, yeroo daballi gatii boba’aa taasifamuutti omishaaleefi tajaajilawwan biraa irrattis gatiin waan dabaluuf tarii qaala’insa jireenyaa badaa harbeessuu mala jechuun baayyeen yaaddoo keessa galcheera.












