Dhimma alaabaa egeree siyaasaa biyyattii irratti gaaffii kaasaa jiru

Muummichi ministeeraa mootummaa ce'umsaa haaraa Sooriyaa Mohaammad al-Baashir alaabaa falmisiisaa lama gama mirgaan mul'atu.

Madda suuraa, Reuters

Ministirri Mummee yeroo haaraan Sooriyaa, Mohaammad al-Baashir, gaafa Mudde 10 walgahii isaanii jalqabaa Damaasqoo keessatti dursanii turan.

Al-Baashir duuba alaabaa lamatu dhaabbate mul'ata, isaanis; "alaabaa warraaqsa" Sooriyaa, bifa magariisaa, adii fi gurraacha ta'ee, gidduu isaa irratti urjii diimaa sadii kan qabu yoo ta'u, alaabaa adii ammoo kakuu amantii Musliimaa gurraachaan barreeffame kan agarsiisudha.

Alaabaan lammaffaan ammoo kan gareen Islaamummaa Haayaat Taahriir al-Shaam (HTS) kutaalee Sooriyaa to'achuun ifatti kan itti fayyadamu yoo ta'u, innis alaabaa Taalibaa, gareen Islaamummaa yeroo bara 2021tti deebisee biyyattii to'atu Afgaanistaan ​​keessatti deebi'ee hojiirra oole fakkaata.

HTS fi gareewwan hidhatan mormitootaa biraa, Muddee 8 yeroo sirni pirezidaantii duraanii Bashaar al-Asaad kufeetti Sooriyaa to'atan. Gareen kunis dhuma baatii Sadaassaa keessa bakka itti deeggarsa cimaa qabu kaabalixaa Sooriyaa, bulchiinsa Idlib irraa gara kibbaatti tarkaanfatee ture.

Ergasii as, hogganaan garee kanaa Abu Mohammad al-Jolaani (kan amma Ahmed al-Shaaraa jedhamuun beekama), mootummaan tokkummaa fi gareewwan xixiqqaan adda addaa biyyattii keessa jiran hunda bakka bu'u akka jiraatu fi gareen himatamu akka hin jirre lammiilee mirkaneessuuf yaalaa ture.

Akkasumas sirna bulchiinsa Islaamaa sodaachuu akka hin qabne namoota tasgabbeessuuf yaalaa tureera.

Haata'u malee, mul'achuun alaabaa adiin kun waa'ee egeree siyaasaa Sooriyaa ergaa akkamii akka dabarsu lammiilee Sooriyaa biratti falmii kaaseera.

Taalibaan Afgaanistaan ​​to’achuu isaa waggaa lammaffaa kabaju

Madda suuraa, Getty Images

'Aarii' fi sodaa miidiyaa hawaasaa Sooriyaa irratti

Taatee kun ''namoota hedduu rifachiise'' jechuun gabaasaan Addaa BBC Arabic Feeraas Kilaan, Sooriyaa irraa gabaaseera.

''Mootummaan haaraan kun fakkaattii Taalibaan hordofuun Mootummaa Islaamaa seera Shari'aatiin bulfamu uumuu akka danda'u agarsiisa,'' jedha Kilaan.

Namoonni tokko tokko gara miidiyaa hawaasaatti bahuun tarkaanfii kanaan "mufannaa" isaanii ibsaniiru.

Aktiivistiin siyaasaa fi Gaazexeessaan Sooriyaa, Raamii Jaarraah al-Bashiir wayita ummata Sooriyaatti haasa'aniitti duubaan alaabaa Islaamaa agarsiisuu ''arrabsoodha'' jedhan.

"Namni kun silaa lammiilee Sooriyaa amantii hunda qaban bakka bu'a jedhamee yaadame, kun garuu hunda keenyaaf arrabsoo guddaadha," jechuun toora X irratti barreesse.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X, 1

Kaan ammoo dhaabbilee mootummaa keessatti malee "alaabaa warraaqsaatiin ala alaabaa kamiyyuu" dhaabuutti mormuu isaanii ibsaniiru.

"Paartii Ba'aa waliin qabsoofnee jirra, marsaa jeequmsa biraa keessa seenuu hin barbaannu," jedha Gaazexeessaa Needaal Al-Amaari toora X irratti.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X, 2

Haata'u malee, lammiileen Sooriyaa kaan ammoo alaabaa adii dhaabuun "miidhaa tokkollee" akka hin qabaanneetti ilaalu. Isaanis, alaabicha dhaabuu jechuun dirqama fakkeenya mootummaan Taalibaan Sooriyaa keessatti hordofamu ta'a jechuu miti jedhanii amanu.

Gariin isaanii alaabaa kana ammoo, Sooriyaa keessatti "hanga paartileen siyaasaa biroo bakka bu'ummaa akka qabaatan hayyamanitti," akka alaabaa dhaaba isaaniitti ilaalamuu danda'a jedhu.

'Alabaan Taalibaan' gaaffii kaasa

Dursaa HTS

Madda suuraa, Reuters

Taalibaan Afgaanistaan ​​keessaa, ilaalcha garmalee Sunnii fi jihaadistii hordofa. Gareen kunis erga bara 1996 Afgaanistaan ​​keessatti yeroo jalqabaaf aangootti dhufanii as alaabaa adii kakuun amantii Musliimootaa gurraachaan irratti barreeffame fayyadamaa turan.

HTSnis alaabaa walfakkaatu kana fayyadamaa kan ture yoo ta'u, dhaabbilee siiviilii tajaajila kennan Idlib keessatti ni mul'ata.

Alaabaan HTS fi Taalibaan walfakkaataa ta'ee osoo jiruu, qondaalli olaanaa mootummaa Taalibaan tokko gareen lamaan "wal irraa hin gargalchine" jechuun BBCtti hima.

Mootummaan Taalibaan Afgaanistaan ​​injifannoo siyaasaa fi waraanaa HTS Sooriyaa keessatti argate kan gammade yoo ta'u, biyyattii keessatti "mootummaa Islaamaa" akka hundeeffamu abdii qabaachuu ibseera.

Deeggartoonni Taalibaan fi michoonni isaanii tokko tokkos walga'iiwwan bulchiinsa hedduu keessatti Asaad aangoo irraa kaafamuu isaa kabajuuf mi'ooftuu raabsaa turan.

Alaabaan guddaan Taalibaan Adoolessa 25 bara 2024 Kaabuul keessatti tulluu Wazir Akbar Khan irratti balali'aa jira

Madda suuraa, AFP

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Hidhanni ilaalchaa" Taalibaan fi HTS gidduu jiru sababiiwwan waan isaan wal fakkeessuu keessaa isa tokkodha.

Qondaalli olaanaa Taalibaan waajjira pirezidaantii keessa hojjetu tokko toora X isaanii irratti "seenaan Kaabulii fi Damaasqoo tokko, lamaan isaanii Dilbata to'ataman, lamaan isaaniiyuu guyyoota 11 keessatti kan to'ataman yoo ta'u, hoggantoonni biyyoota lamaaniitu baqataniiru" jechuun barreesse.

Alaabaan sunis "alaabaa warraaqsaa" waliin torban darbe, gaafii f deebii Al-Jolaaniin CNN waliin taasisanii irratti duuban kan mul'ate.

Gaaffii fi deebii sanarrattis namoonni sirna bulchiinsa Islaamaa sodaachuu akka hin qabne ibsuun, gareewwan hawaasa Sooriyaa adda addaa hundi bakka bu'ummaa akka qabaatan mirkaneessan.

Ogeessi garee Islaamummaa (IS) jedhamu dabalatee, gareewwan Islaamummaa Sooriyaa, Aymenn al-Taamiimi BBC'tti akka himanitti, itti fayyadamuun alaabaa kanaa, HTS "pirojektii bulchiinsa Islaamaa" Sooriyaa keessatti bakka bu'uu akka barbaadu agarsiisa.

"Alaabaan kun ejjennoo [HTS] yeroo dheeraa waliin kan walsimu yoo ta'u, bakka bu'aa Sunnii Sooriyaa ta'ee of agarsiisa," jechuun itti dabalatu.

Haata'u malee, al-Taamiimii akka ibsetti, "HTS'n sababiin hawaasni [Sooriyaa] bal'aan daangaawwan akka shamarran barnoota olaanaarraa dhorkuu ykn hundeeffama mootummaa abbaa irree filannoo ummataa dhorku hin fudhanneefuu," fakkaattii bulchiinsa Taalibaan hordofuun baay'ee rakkisaa ta'a.