Zimbaabwetti daa'imni shubbistoota aadaa akkaan sodaachisan baqachuutti lubbuun darbe

Zimbaabwetti daa'imni ganna sagalii shubbistoota aadaa baqachuutti kuftee lubbuun darbuun himame.

Taateen kun bakka Mabvuku jedhamuufi dhiyeenya magaalaa guddoo Harareetti argamutti mudate.

Ibsa poolisiin gaafa Roobii baaseen, intalti daa'imaa kun shubbistoota Nyau jedhamaniifi mana barumsaa Mabvukutti agarsiisaa turan baqachuun wayita fiigdu, kuftee du'uu hime.

Poolisiin odeeffannoo dabalataa kennuurraa kan of qusate ennaa tahu, qorannoon dabalataa gaggeeffamaa jiraachuu hime.

Shubbistoonni Nyau maqaa dhibii Afaan Shoonaatiin - zvigure/izitandari jedhamuunis kan beekaman ogguu tahu, ragadaafi uffata isaanii adda taheen ijoollee naasisu.

Gareen kun waqtii oomishni sassaabamee galutti gara caalu kan taphatan ennaa tahu, marroo cidhaa, owwaalchaa fi kaanittis ni ragadu.

Shubbistoonni Nyau uffata addaa mukaafi marga fa'i irraa midhaaaffame uffatu. Kanaanis fakkoommii bineensota bosonaa, afuura nama du'ee, gurgurtoota garbaa fi kaanis qabachuun agarsiisa dhiyeessu.

Ragadasaanii akkaan nama hawwatuun alatti, shuubistoonni Nyau gaheessota biratti icciitii hedduu qabu jedhamuun ilaalamu.

Daa'immaniif garuu gareen shubbistootaa kun, bulguu nama rifaasisutti ilaalamu jechuun miidiyaan biyya keessaa gabaaseera.

Shubbistoonni Nyau qaama hawaasa Chewa jedhamuufi kaaba-lixa Zimbaabweetti argamuuti.

Kana malees sabni kun biyyoota akka Maalaawii fi Zaambiyaattis ni argamu.

Gareen shubbistootaa kun aadaa, duudhaa fi seenaa saba Chewa dhaloota dhufutti dabarsuu keessatti gahee guddaa qabu.