Guyyaan Neelsan Mandeellaa maaliif kabajama?

Madda suuraa, Getty Images
Kibxata Adoolessi 18 guyyaa Neelsan Maandeellaati.
Guyyaa dhalootaa Maandeellaa gumaacha hogganaan Afrikaa Kibbaa seenaa keessatti hojjatanii darbaniif beekamti laachuuf kabajama.
Guyyaan Neelsan Maandeellaa bara 2009 Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin kan eegalame wayita ta’u, guyyaan kanatti jireenya fi Maandeellaarra waan dhaalametu yaadatama.
Mata dureen bara kanaa: 'Harka keessa jira" kan jedhu yoo ta’u, akkatti nyaanni jijjiirama qilleensaatiin hubamu hubannoo uumuu fi namoonni ayyaana kabajan hawaasa isaanii keessatti biqiltuu fi waan nyaatamu akka dhaaban gaafachuu kan kaayyeeffatedha.
Qindeessitootni sagantichaa addunyaa guutuutti biqiltuu miliyoona tokko dhaabuuf karoorfatan.
Neelsan Maandeellaan hogganaa sadarkaa idil-addunyaatti beekamanii fi jaarraa 20ffaatti dhiibbaa guddaa uumanii darbanidha.
Kana qofayyuu miti, Maandellaan jaarraa 21ffaa bocuuf gargaaraniiru, jireenya lammiilee Afrikaa Kibbaa hedduuf jijjiirama guddaa fiduuf hojjechaa turan.
Maandeellaa nama ijoo maaltu taasise?
Neelsan Maandeellaan bara 1994 filannoo dimokiraatawaa Afrikaa Kibbaatti filatamuun pirezidantii gurraacha Afrikaa Kibbaa isa jalqabaa ta'an, achi ga'uuf garuu karaan salphaa fi gabaabaa hin turre.
Maandeellaan yeroo dargaggeessa turanitti Afrikaa Kibbaatti namoonni adii fi gurraachonni waan tokko waliin hojjechuun hin eyyamam.
Sirna Appaartaayidii jedhamu jalatti adda fo'amanii jiraatu turan.
Namoonni adiin, kanneen ummata keessaa harka muraasa ta’an Afrikaa Kibbaa keessatti waan hunda to'atu/ajaju turan.
Gurraachonni mirga muraasa qofa waan qabaniif sagalee kennuu hin danda'an ture.
Warri adiin hojiiwwan gurraachonni qabaachuu danda'an fi eessa akka jiraatan to'atu turan.
Warreen adiin manneen barnootaa fi hospitaalota fooyya’oo ta’an argatu turan.
Neelsan Maandeellaan sirni Appaartaayidii Afrikaa Kibbaa akka xumura argatu waan barbaadaniif mormaa turan.
Maandeellaan mana hidhaa buufaman
Yeroo sana Afrikaa Kibbaatti mormiin sirna Appaartaayidii muraasni jeequmsa kan uume yoo ta’u, sababa kanaan Maandeellaa fi deeggartoota isaanii shororkeessitoota jechuun qeeqxonni maqaa itti moggaasan.
Bara 1964 Maandeellaan biyya ganuu fi mootummaa miidhuuf yaaluun yakkamaadha jedhamuun hidhaan umurii guutuu itti murtaa'e.
Yeroo kana Odola Roobiin jedhamutti Madibaan hidhamani.
Afrikaa Kibbaa, qarqara galaanaa Keep Taawonitti kan argamtu odolli Roobiin waggoota 300'f bakka mana hidhaa ture.
Neelsan Maandeellaa dabalatee hidhamtoonni irra caalaan isaanii dhiirota warreen gurraacha yakka siyaasaatiin hidhaman turan.
Haa ta'u malee, namoonni hedduun addunyaa guutuutti kaayyoo Maandeellaa deeggaruun akka hiikamaniif duulaa turan.

Maandeellaan mana hidhaatii bahan
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhumarratti bara 1990'tti, Maandeellaan waggoota 27'f mana hidhaa erga turanii booda, Pirezidantii adiin Afrikaa Kibbaa F. W. de Kileerk Maandeellaan bilisa baasuun barri haaraan biyyattii keessatti akka dhufu akeekan.
Maandeellaan kan mallattoo diddaa sirna Appaartaayidii ta’an, hidhaarraa hiikamuun Mandeellaa Afrikaa Kibbaa qofa osoo hin taane, guutuu addunyaatti gammachuu uume.
Maandeellaan Maadiibaa jedhamuunis beekamu.
Maadiibaan hidharra hiikamanii waggaa tokko booda bara 1991 Sirni Appaartaayidii goolabame.
Waggaa sadii booda ammoo Afrikaan Kibbaa filannoo jalqabaa guutummaatti dimokiraatawaa ta’ee fi gurraachonni, akkasumas adiin akka sagalee kennan eyyamame geggeessite.
Neelsan Maandeellaan pirezidantii ta'uun filatamaniie namoota sanyii adda addaa walitti fiduuf yaalan.
Maadibaan bara 1993'tti hojii hojjaniif badhaasa Noobeelii Nagaa - badhaasa isaa olaanaa warra nagaa buusuu keessatti gumaacha qabaniif kennamu gonfatan.
Bara 1995 Afrikaan Kibbaa dorgommii ispoortii guddaa isa jalqabaa - Waancaa Raagbii Addunyaa qopheessite.
Maandeellaan garee raagbii Afrikaa Kibbaa kan irra caalaan isaanii dhiirota warreen adii irraa ijaarame deeggaran, akka gareen kun biyyattii tokkoomsuuf garicha bira dhaabatan.
Gareeb 'Springboks' jedhamuun beekamu kun waancaa fudhachuu itti fufe.
Maandeellaan hoggantoota addunyaa hanga ammaatti beekamoo ta'an keessaa tokko ta'uun seenaa keessatti kan galmaa'an yoo ta'u, ergaa dhiifamaa fi walqixxummaa jajjabeessuun namoota hedduun yaadatamu.












