Tiraamp bu'aa filannoo bara 2020 geeddaruuf yaalan jedhamuun himataman

Pirezidantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp filannoo Pirezedantummaa bara 2020 injifataman geeddaruuf shira xaxuun himataman.

Tiraamp US gowwomsuuf shira xaxuu, namoota ragaa bahan doorsisuu fi mirga lammilee irratti shira xaxuu dabalatee yakkoota afuriin himatama.

Himannaan kun qorannoo taateewwan jeequmsa Amajjii 6, bara 2021 Kaappitaal Hiil, Ameerikaa keessatti mudate duuba turerratti xiyyeefata.

Ammas pirezedantii ta'uuf kan dorgoman Tiraamp, maanguddoon ganna 77, badii hojjechuu isaanii ni haalu. Miidiyaa hawaasaarratti dhimmichi waan hin taane, ''qoosaa'' jedhan.

Qondaalli siyaasaa warra Rippaabilikaan kan ta’an Tiraamp, kana dura dhimmoota biroo lamaan himatamaniiru.

Dhimmoonni kunneen: sanadoota dhoksaa seeraan ala qabachuu fi galmee daldalaa sobaa kaffaltii taatoo saalqunnamtiif kaffalame haguuguuf dhiyeessuun himataman.

Qorannoon filannoo kun gocha Tiraamp ji’oota lama keessatti wayita Joo Baayideniin mo’amanii fi jeequmsa Waashingitan DC keessatti uumameen walqabata.

Waashingitan DC keessatti yeroo miseensonni seera baastootaa injifannoo paartii Dimookiraat mirkaneessanitti deeggartoonni Tiraamp Kongireesii weeraran.

Namichi qorannoo kana hoogganaa ture, abukaatoon addaa Jaak Ismiiz, "haleellaan Guraandhala 6, bara 2021 magaalaa guddoo biyya keenyaarratti raawwatame, haleellaa tasa raawwatame teessoo dimokiraasii Ameerikaarratti qiyyaafate" jedhan.

‘’Akkuman ibsametti, himannichi dhararratti kan hundaa’e,’’

Abukaatoo kan ta’an Obbo Ismiiz ibsa kennaniin ''dhaddacha ariifataa" akka barbaadichisu eeruun, Pirezedantiin duraanii kun ''hanga balleessaan isaa mirkanaa'utti yakkarraa bilisa ta'ee fudhatamuu qaba'' jechuun cimsanii dubbatan.

Obbo Tiraamp Kamisa dhufu mana murtii Waashingitan DCtti dhiyaachuuf jiru.

Himannaan fuula 45 qabu kun namoota shira waliin xaxan maqaan isaanii hin ibsamne ja’a tarreessa: abbootii seeraa afur, qondaala kutaa haqaa fi gorsaa siyaasaa dabalata.

Sanadni mana murtii kun Obbo Tiraamp mootummaa federaalaa ''laamshessuuf shira xaxuu, danquufi karaa amanamummaa hin qabneen hojii mootummaa injifachuuf, gowwomsuuf shira xaxan'' jedha.

Obbo Ismiiz himannaan Tiraamp filannoo burjaaja’uu bara 2020 himatan abbootiin alangaa akkas jedhan:’’ himaannaan kun dhara, warri falmaniif kana beeku,’’ jedhan.

Kana malees Tiraamp Joo Baayidenii Amajjii, 2020 Pirezedantii ta’uusaaniif beekamtiin akka hin kennamne Pirezedantii ittaanaa Ameerikaa yeroo sana kan turan Maayik Peensi amansiisuuf yaalanii hin milkoofne jedhan abukaattoonni.

Himannichi qondaaltoota Ameerikaa fi warreen Tiraampiif duula gaggeessan, kanneen pirezedantichi injifatamuun itti himameefi filannoon akka hin burjaajofne himannichi tarreessa.