Ameerikaan gosa boombii 'balfame' maaliif gara Yukireenitti ergiti?

Konkolaataa dulloomaa lafa tapha ijoollee jiru

Madda suuraa, JOEL GUNTER/BBC

Ameerikaan gosa boombii falmisiisaa tahe Yukireenitti erguuf gaaffii biyyattiirraa dhiyaate akka tole jette beeksisteetti.

Tarkaanfiin kuni garee falmitoota mirga namoomaan kan qeeqame yoo tahu biyyooti 100 ol keessatti gosti boombii kilaastaraa faayidaarra akka hin oolleef dhorkameera.

Boombiin kilaastaraa maali?

Boombiin kilaastaraa boombiiwwan xixiqqoo baay'ee rookkeetii, misaayelii ykn meeshaa waraanaa biraa irraa malatti lafa bal'aa irratti bittinsani dha.

Gosti boombii kuni akkuma lafa bu'een akka dhohu tahus kaayyoonsaa garuu keesumaa lafa jiidhaa fi lallaafaarra yoo bu'e dhuka'uu dhiisuu mala.

Boombiin kuni kan dhuka'u boodarra namni gaafa kaasu tahuu danda'a. Kanaanis ajjeesuu ykn qaama miidhuu mala.

Ija ogummaa waraanaan yoo ilaalame daangaa diinaa keessatti boolla keessatti yoo awwaalame iddoo bal'aa waan qabatuufi balaafamaa waan taheef hamma baafamee naannoon sun mirkanaa'utti, diinni socho'uuf ni rakkata.

Gosti boombii kuni maaliif dhorkame?

UK, Firaansii fi Jarmanii dabalatee biyyooti 100 ol waliigaltee idila addunyaa Convention on Cluster Munitions jedhamu mallatteessuun fayyadama meeshaa waraanaa kanaa seeraan ala godhaniiru.

Sababiin isaas meeshichi namoota nagaa irrattillee otoo hin qoodiin miidhaa qaqqabsiisuu waan maluuf.

Boombiin xixiqqoo qodaa taphaa ijoollee waan fakkaattuuf lafa qonnaa fi iddoowwan jireenyaa keessatti yoo awwaalamee hafe daa'imman taphaaf lafaa fudhuun ittiin miidhamuu danda'u.

Gareewwan mirgoota namoomaaf falman fayyadama boombii kilaastaraa kana ''waan balfame' fi yakka waraanaati ittiin jedhu.

Hamma yoonaa kan itti fayyadamaa jiru eenyu?

Raashiyaa fi Yukireen waraanni Guraandhala 2022 erga jalqabee meeshaa waraanaa kana fayyadamaa turan.

Biyyoonni lameen kunneen waliigaltee meeshaa waraanaa kana dhorku hin mallatteessine.

Ameerikaanis akkasuma waliigaltee kana keessa hin jirtu garuu Raashiyaan meeshaa kana fayyadamuu balaaleeffachaa turte.

Boombiin kilaastaraa Raashiyaa harka 40 tahu kan battalaan kan hin dhukaaneefi boodarra kan miidhaa fidu dha.

Tahus giddugalaan harka 20 qofatu otoo hin dhukahiin hafuun irra ture.

Pentaagoon gama isaan boombiiwwan xixiqqoo yeroo barbaadamuun alatti carraan dhuka'uu isaanii harka 3 gadidha jedhe.

Yukireen maaliif gaafachaa jirti?

Humnoonni Yukireen meeshaaleen waraanaa gurguddoo jalaa dhumaa jiru.

Sababiinsaas akkuma Raashiyaa baay'inaa fi saffisaan waan fayyadamaniifi.

Deeggartoonni Yukireen immoo meeshaalee waraanaan kunneen saffisa barbaadamuun bakka buusuufi hin danda'an.

Keessumaa adda waraanaa kibbaa fi baha Yukireenitti adeemsifametti meeshaalee waraanaa lafootu baay'inaan hojiirra oole.

Boombii kilaastaraa

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Boombii kilaastaraa

Humnoonni Yukireen yeroo amma weerartoota Raashiyaa daangaa adda waraanaa km1,000 dheeratu keessaa baasuuf hojii guddaatu isaan eeggata.

Hanqinni meeshaa waraanaa lafoo gurguddoo Yukireen Ameerikaadhaan boombii kilaastaraa akka gaafattu taasise.

Murtoon Ameerikaa kuni haala salphaan kan taasifame miti.

Dimookiraatotaafi falmitoota mirga namoomaa biratti akkaan qeeqame. Falmiinis baatiiwwan ja'aaf adeemaa ture.

Murtoon kuni dhiibbaa akkamii qaba?

Dhiibbaan inni battalaa, ejjennoo Ameerikaan waraana kanarratti qabdu saaxiluunsaa waan hin hafne tahuusaati.

Yakki waraanaa Raashiyaa akkaan kan galmaa'e tahus tarkaanfiin kuni garuu qeeqa Ameerikaan of tuultuudha jedhu fiduu hin hafu.

Boombiin kilaastaraa meeshaa waraanaa addaan otoo hin qoodiin miidhu gatii taheef biyyoota addunyaa baay'eetti dhorkameera.

Tarkaanfiin Ameerikaa miilanaa kuni michoota ishee wajjiin garaagarummaa fiduun hin oolu.

Adda addumman kamiyyuu kan biyyoota Lixaa gidduutti mudatu immoo waan Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin barbaadanidha.