Boombiin iddoo Itoophiyaa garaagaraatti dhohee lubbuu namoota nagaa galaafatu eessaa dhufaa?

Boombii lafa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bakkeewwan Itoophiyaa adda addaatti bombiin gatame dhohee lubbuu lammiilee nagaa galaafataa jira

Guyyoota muraasa dura gama kibba baha Itoophiyaa Magaalaa Shaashamanneetti boombiin iddoo balfi gatamutti dhohee daa'imman miseensa maatii sadii galaafateera.

Akka Itti Gaafatamaan Milishaa Magaalaa Shaashamannee Obbo Shukrallaa Kamaal BBC'tti himanitti, daa’imman kunneen hojii ‘Qoraaliyoo’ hojjettu.

Magaalota Itoophiyaa adda addaatti dargaggoon sibiila gataman sassaabuun gurguruun of jiraachisan maqaa qoraaliyoo jedhuun waamamu.

Obbo Shukrallaan akka Naannoo Oromiyaatti 'diinni dhokatee' magaalota adda addaa keessatti adeemaa waan jiruuf, magaalaa keessa sakatta’insi geggeefamaa jiraachuu dubbatu.

Yeroo baay'ee aangawoonni Naannoo Oromiyaa hidhattoota WBO kan mootummaan Shanee jedhuufi waggoota muraasa darbaniif mootummaa lolaa jiru 'diina' jechuun waamu.

‘’Warri meeshaa kana mana kaa’atee jiru akka irratti hin argamneef iddoo balfi jigfamutti gatanii,’’ jechuun himan.

Akka BBC'tti himanitti, ijoolleen boombii tahuusaa addaan otoo hin baasiin fuudhanii wal bira taa’anii dhakaadhaan tumaniiti kan irratti dhohe.

Boombiin haala kanaan magaalaa Shashamannee keessatti dhohuun waan barame akka hin taaneefi, ’’kuni kan jalqabaa’’ tahuu dubbatan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namni sakatta’insa sodaa baasee achitti gate malee, ‘’eenyu akka tahe hamma yoonaa waan adda baasne hin jiru,’’ jedhan.

Kanaan dura garuu meeshaan waraanaa mana namootaa keessatti qabamaa ture jechuun ibsan.

Boombiin harka daa’mmanitti dhuka’ee lubbuu baase kuni 'S1 jedhama'.

Magaalota adda addaatti boombiin gatame dhohee daa'imman, namoota daandiirra jiraataniifi kaan yoo miidhu kuni yeroo jalqabaaf miti.

Magaalaa Finfinnee, Naannoo Amaaraafi Afaar dabalatee bombiin dho'ee miidhaa geessisu gabaafamaa ture.

Bara darbe Mudde keessa Finfinneetti giroosarii [mana dhugaatii] tokko keessatti boombii dhoheen namoota torbarratti miidhaan qaamaa dhaqqabuu poolisiin magaalaa Finfinnee beeksisee ture.

Poolisiin magaala Finfinnee ibsa baasee tureen dhohiinsi boombii eenyun akka gaggeeffame kan hin ibsine yoo ta'u, "Nageenya magaala keenyaa kan jeequ waliin taanee humnoota farra nageenyaa faccisuu qabna" jedhe.

Waggaa sadii duras Finfinneetti bombiin namoota hin beekamneen jedhameen karaa gubbaarratti dhohee namoota shan miidhee, sadii ammoo lubbuu galaafateera.

Namoonni du'an sadeen kanneen daandiirra jiraataniidha jedhee ture poolisiin magaalattii.

Mudannoowwan wal-fakkaataa Naannoo Affaariifi Amaaraa keessatti mudatanii turan.

Dhimmi kuni hangam yaaddessaa dha jechuun Poolisii Federaalaa gaafanneerra.

Dubbii Himaan Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Obbo Jeeyilaan Abdii, meeshaa waraanaa karaa seeraan alaa biyya galutu rakkoo kana fidaa jedhan.

Dhimmi nageenyaa kuni akka isaan yaaddessu himuun ummanni meeshaa waraanaa naannootti gaafa argu homaa otoo hin godhiin eeruu akka kennuuf gorsu.

Haa tahu malee, ''qaamni addaa boombiiwwan kana iddoo amma itti dhohaa jiraniitti fidee gatu jira jennee hin yaadnu,'' jedhan.

''Biyyooonni daangaa Itoophiyaarra jiran yoo nagaa hin qabaanne hamma jiranitti meeshaan waraanaa seeraan alaa galuunsaa hin hafu,'' jechuun himan.

Kana ittisuuf ammoo Sudaan Kibbaa fa'i waliin waliigaltee taasifamee gama lamaaniinuu hojjetamaa jiraachuu ibsan.

Akka qondaala kanaatti, meeshaan waraanaa karaa daandii konkolaataa qofa osoo hin taane farda, gaarii fi baajaajiin fa'i gara biyyaa seenuu danda'a.

''Warri nageenya biyyattii hin barbaanne bakka wal-dhibdeen jirutti meeshaa kanatti fayyadamuu,'' jechuun ibsu Obbo Jeeyilaan.

Itoophiyaan daddabarsa meeshaan ala to'achuuf bara 2020 seera haaraa baasteetti.

Akka seera kanaatti nami kam meeshaa kam hidhachuu danda'a kan jedhu adda baasee ibsa.

Haa ta'u malee, yeroo poolisiin sakatta'insa jalqabu akka irratti hin qabamneef gadi baasanii gatu jedhu Obbo Jeeyilaan.

Meeshaa waraanaa seeraan alaa kana to'chuudhaaf akka mootummmaatti qajeelfama baasuun dabalataan, ''teekinolojii fayyadamuun nama meeshaa waraanaa qabachuun ni murteeffama,'' jedhan.

Haala kanaan meeshaa seeraan ala to'achuu akkasumas eeruu karaa hawaasaan kennamuun haala kana to'achuuf poolisiin yaalaa jira jedhaniiru.

Bulchiinsi magaalaa Shaashamannees iddoo balfa gatamuufi bombiin dhohetti dallaa ijaaruuf yaada qaba.

Daa’immanis iddoo balfi akkasii gatamutti dhaqanii waa akka hin gurreef hawaasaaf hubannoon kennamaa jiraachuu qondaalli BBC'tti himaniiru.

Kanaaf hawaasaaf hubannoo kennuun alatti tarkaanfiin fudhachuu rakkisaa ta'uu himu.

Obbo Shukrallaa haalli kuni akka isaan yaaddessu himuun sakatta'insii fi hawaasaaf hubannoo kennuun akka itti fufu dubbataniiru.

Itoophiyaa biyya wal waraansi dhihoo keessa tureefi bakkeewwan adda addaatti walitti bu'iinsi ammallee jiru keessatti, daddabarsi meeshaan alaa immoo hammaata.

Rakkoon nageenyaa biyyoota ollaa hammaachuufi kaanillee rakkoo kanaaf akka gumaachan ogeeyyiin himu.