US kilaastar boombii addunyaarratti dhorkame Yukireenif erguufi

Kilaastar boombii

Pirezidaantin US Joo Baayidan kilaastar boombii Yukireenif kennuuf murteessuusaanii "murtee baay'ee rakkisaa" jechuun ibsanis deeggarsa kana Yukireenif gochuun sirrii akka ta'e himan.

Kilaastar boombin meeshaa waraanaa balaafamaafi lammiilee heddu ajjeesuurraan kan ka'e addunyaarratti akka fayidaarra hin oolleef dhorkameera.

Kilaastar boombii Yukireenif erguu murteessuf "yeroo kan itti fudhate" ta'uu kan ibsan Baayidan "Yukireen meeshaan waraanaa harkatti haphataa jira waan ta'eef" murteessuf dirqaman.

Murtee Joo Baayidan kana Yukireen yoo jajju Mooskon ammoo dheekkamte. Biyoonni 120 ol ta'an kilaastar boombii akka hin fayyadamne waliif mallatteessaniiru.

Baayidan turtii CNN waliin taasisanii waa'ee murteesaanii kana biyyoota michuusaanii ta'anitti himuu ibsan.

Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa US Jaak Suulivan ibsa Jimaata Adoolessa 07, 2023 Waayit Haawusitti kennaniin kilaastar boombin hin dhuka'in yoo hafe namoota nagaarratti miidhan akka qaqqabsiisu hin haalle.

Yukireen meeshaa waraanaa fixaa waan jirtuuf hanqina sana guutufi hanga omishni meeshaalee waraanaa biyya keessatti omishamee qophaa'utti fayidaarra akka ooluf ta'uu himan Jaak Suulivan.

"Yeroo waraani gaggeeffamu kanatti Yukireen bifa kamiinuu qophaatti dhiisuu hin feenu," jedhan qondaalli Waayit Haawus kun.

Kilaastar boombin kun gara fuulduraatti miidhaa inni geessisurratti falmii kaaseera, sababni isaa kilaastar boombin osoo hin dhohin bakkee keessatti faca'ee waan hafuufi miidhaa namarraan waan gahuuf.

Jaak Suulivaan tuuta gaazexeessitootatti akka himanitti, kilaastar boombin Ameerikaan Yukireenif ergaa jirtu kan Raashiyaan Yukireen keessatti itti fayyadamaa jirtu caalaa miidhaa kan hin geessifneedha.

Kilaastar boombin US osoo hin dhohin hafee miidhan inni geessisu 2.5% gadi akka ta'eefi kan Raashiyaa ammoo osoo hin dhohin hafee miidhan inni namoota nagaarram gahu 30-40% akka ta'e himan Jaak Suulivan.

Yeroo Raashiyaan Yukireen weerartu oduun Raashiyaan kilaastar boombiifi vaakiyuum boombii fayyadamteetti jedhu odeeffamnaan US "kun dhugaa taanan yakka waraanati" jettee turte.

Amma garuu ofiifuu kilaastar boombii Yukireenif ergaa jirti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

USfi michoonni ishee waraanni Yukireen akka hammaatu gochaa jiru jechuun pirezidaantin Raashiyaa Vilaadmir Puutin dubbatanii turan.

Pirezidantin Yukireen Volodmir Zeleniskiin deeggarsa US tasifte kana dinqisiifachuun deeggarsi kun gara mo'ichaatti akka isaan geessu fuula Tiwitara irratti barreessan.

Haleellan deebisanii qolachuu Yukireen ji'a tokko dura eegalte baha Doneetiskiifi kibba baha Zapporeezhiyaa keessatti gaggeeffamaa jira. Torbee darbe gaggeessan humna waraana Yukireen Valeerii Zaluzhinii haleellan Yukireen hanqina dhiyeessii meeshaa waraanarraa kan ka'ee danqamaa akka jiru ibsanii turan.

Biyyooni lixaa deeggarsa meeshaa waraanaa waadaa galanis akka jedhanitti dhiyeessaa akka hin jirre himuun haleellan isaan gaggeessan danqaa godhachuufi loltoonni isaanii nuffaa jiraachuu ibsan.

Raashiyaan ji'a gutuu dahannoo qotaa turtee qophaa'aa turte waan ta'eef haleellan Yukireen gaggeessitu baay'ee gatii kan kaffalchiisu akka ta'e himan dubbi himaan Peentagon Koolin Kaahil.

Kilaastar boombii

Baayidan kilaastar boombii Yukireenif erguu murteessuu hordofee qondaaltota paartii Rippaabilikaanotaa irraa deegarsa argataniiru. Yukireen daanga Raashiyaadhan jalaa fudhatame deebisuuf tarkaanfii cimaadha jedhan.

Biyyoonni michuu US ta'an waa'ee murteesaanii kana hanga ammaa homaa akka hin jenne dubbatan Baayidan.

Barreessaa Waliigalaa NATO kan ta'an Jeens Istoltenberg waa'ee kilaastar boombii gamtaan isaan gaggeeessan wa'ee kanaarratti walii galtee homaa akka hin qabne himan.

Biyyoonni 120 ta'an kilaastar boombii fayyadamuu, omishuu, dabarsanii gurguruufi kuusuu akka hin qabne walii kakataniiru. Garuu US, Yukireenifi Raashiyaan walii galtee kana keessa hin jiran. Kanaaf walii galteen kun isaan hin ilaallatu.

Jarman qaama walii galtee kanaa ta'uusheetin kilaastar boombii Yukireenif akka hin ergine beeksifteetti, garuummoo Ameerikaan maalif Yukireenif kilaastar boombii akka kennitu nan hubadha jetteetti.