Zeleniskiin odola loltoonnisaanii 'gootummaan' Raashiyaa dura dhaabbatan daawwatan

Volodmir Zeleniskii

Madda suuraa, TELEGRAM

Ibsa waa'ee suuraa, Volodmir Zeleniskiin odola Snake Islanditti yeroo daawwannaa gaggeessan

Raashiyaan erga Yukireen weerartee guyyaa 500 guutera.

Guyyaa 500ffaa waraanni kun eegaletti pirezidaantin Yukireen Voloodmir Zeleniskiin bakka itti loltoonnisaanii qubaan lakkaa'aman Raashiyaaf harka hin laannu jedhanii hanga dhumaatti lolan daawwatan.

Pirezidaant Zeleniskiin osoo odola kana daawwataa jiranii viidiyoo of-waraabuun miidiyaa hawaasaa irratti gadi lakkisan.

Odolli Snake Island mallattoo qabsoo Yukireen ta'uun tajaajilaa jirti jedhan.

Yeroo waraanni Yukireen eegalu loltoonni humna galaana Raashiyaa loltoota Yukireen lakkoofsaan muraasa turaniifi odola xiqqoo Snake Island eegaa turan akka harka laataniif ajajan.

Loltoonni Yukireen garuu "harka hin laannu" jechuun ajaja humna galaanaa Raashiyaa didan.

Baay'ee osoo hin turin humni waraana Raashiyaa misaa'ila doonii waraanaa irraa dhukaaseen odola xiqqoo sana barbadeessuun to'ate.

Baay'ee osoo hin turin Yukireen haleellaa gaggeessiteen deebistee Snake Island to'atte.

Zeleniskiin daawwannaa odola kanatti taasisaniin "bakka mo'ichaa" jechuun ibsan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo humni galaanaa Raashiyaa loltoonni Yukireen akka harka laataniif fageenyarraa ajaja kennaa turan, loltuun Yukiren deebisee osoo arrabsuu dhagahamaa ture.

Kanarraa ka'uun fakkiin loltuu Yukireen doonii waraanaatti osoo 'quba isaa gidduu' agarsiisu beekamaa ta'aa dhufuun teembiriin biyyattiituu ittiin maxxanfamuu eegale.

Viidiyoo Telegraamii irratti maxxanfamerratti Zeleniskiin Snake Island daangaan Yukireen fudhatamee hafu akka hin jirre agarsiistuudha jechuun ibsan.

Odolichatti argamuun viidiyoo gadi lakkisaniin, "bakka kana, iddoo mo'ichaa dhaabadhee tokkoon tokkoon loltoota keenya guyyaa 500ffaa kanaaf galateeffachuun barbaada," jedhan.

Bara darbe Raashiyaan akkuma waraana banteen dooniin waraanaa Raashiyaa beekamtuun 'Moskova' jedhamtu naannoo Snake Island'tti dhiyaachun loltoonni Yukireen meeshaasaanii lafa kaa'anii akka harka kennatan ajaja dabarsite.

Sagaleen qondaala waraana Raashiyaa doonii waraanaa Raashiyaa 'Moskova' keessaa, "Dhangala'uu dhiigaafi du'a hin malle hambisuuf meeshaa keessan akka lafa keessanin isin gorsa. Diddan taanan, dhumuu keessani," jedhu loltoota Yukireenif ergame.

Mallattoo diddaa loltuu Yukireen

Madda suuraa, UKRAINE POSTAL SERVICE

Deebin loltuun Yukireen deebiseefi arrabsoon inni jedhe sana booda addunyaarratti mata duree dubbii ta'ee ture: "Yoo barbaadde Si'ool dhaqi!" jechuun deebiseef.

Gootummaan loltoota Yukireen odolattii qabamuurraa hin oolchine.

Loltoonni haleellaarraa hafan loltoota Raashiyaatiin booji'aman.

Raashiyaan odola Snake Island erga to'atteen booda Yukireen haleellaa gaggeessiteen deebistee to'atte.