Loltuun Beeljiyeem tokko suura ministira muummee biyyattiirratti dhukaasnaan hidhame

MM Beljiyeem Alexander De Croo

Madda suuraa, Reuters

Loltuun duraanii Beeljiyeem tokko viidiyoon osoo inni suura muummee ministeera Beeljiyeem kan ta'an Alexander De Croo irratti dhukaasuu argamnaan haleellaa shorokeessummaan shakkamee Norweey keessatti to'atame.

MM Alexander De Croo sodaa kanaaf jecha sagantaa gaafa Jimaataa Adoolessa 7, 2023 qaban hin haqne.

Garuu, poolisiin mana loltuu kanaa magaala Li'opoldisbarg kan kaaba Beeljiyeem keessatti argamtu sakatta'eera.

Gaafa Jimaataa viidiyoon bahe akka agarsiisutti, loltuu duraanii Beeljiyeem kan ta'e wayyaa gurraacha uffatee osoo suura muummee ministeera Beeljiyeemitti dhukaasuu mul'ate.

Maqaan isaa Sam H kan jedhu qofaatu mul'ata. Barreeffamni viidiyicharraa mul'atu ammoo mootummaan Beeljiyeem aangoo gadi dhiisuu qaba, hin ta'u taanan "dhiigatu dhangala'a" kan jedhu akka ta'e maddi oduu Beeljiyeem De Standaard jedhamu gabaase.

Ministiirri Ittisaa Beeljiyeem Luudviin Dedonder akka jedhanitti namni ganna 29 suura MM Alexander De Croo irratti osoo dhukaasuu mul'ate kun loltuu biyyattii kan tureefi garee 'baandaa' yakka garaa garaarratti hirmaatan waliin hidhata qabaachurraa kan ka'e waraana keessaa hari'amee hordoffii jala akka ture himan.

Muummeen Ministeeraa Beeljiyeem Alexander De Croo daaawwannaa magaala Pepinsteritti taasisan irratti: "Gorsa qaamoleen nageenyaa naaf kennan dhagaheera. Akka isaan ilaalanitti akkan dhokadhuuf yaaddon nageenyaa qabatamaan homtuu hin jiru," jedhan.

Kana duras bifuma wal-fakkaatun bara 2021tti loltuun mooraa waraanaa keessaa hidhannoo guutun bahee bade tokko yaaddoo uumee ture.

Booda barbaacha ji'a lamaan reeffi isaa argamee ture. Sababni du'a isaatii of-ajjeessuu akka hin oolletu himame.