Biyyoota WhatsApp ugguran keessatti miiliyoononni dhoksaan itti fayyadamaa jiru

Akkuma aappiiwwan kanneen biroo warra lixaarraa dhufanii WhatsApp biyyoota akka Iraan, Kooriyaa Kaabaafi Siiriyaa keessatti ugguramee jira. Ji'a darbe ammoo Chaayinaanis aappicha dhorkuun biyyoota sadan kanatti makamteetti.
Biyyootni akka Kataar, Masrii, Jordaaniifi Yunaayitid Arab Emireets ammoo aappichaan sagaleen walitti bilbiluun akka hin danda'amne ittisaniiru.
Mootummoonni biyya isaanii keessatti murtee kana dabarsuun dhorkaa kaahanis, kaampanichi garuu maamiltootni isaa eessa akka jiran adda baasee beekuu ni danda'a.
Hogganaan aappii kanaa Wiil Kaatkaart yaada BBCf kenneen namootni miiliyoonota kudhaniin lakkaa'aman tooftaa adda addaan biyyoota uggura kaahan keessatti dhoksaan fayyadamaa jiru jedhe.
''Hamma namootaa mala adda addaa fayyadamuun aappichatti dhimma bahan yeroo argitu ni raajeffatta'' jedhe.
Biyyoota ugguran keessa mudannoowwaniifi fayyadamtoota miiliyoonaan lakkaa'aman argaa jiraachuu Kaatkaart dubbateera.
Chaayinaan Apple namootni bilbilacha qaban biyya keessatti aappicha buufachuu akka hin dandeenye akka ittisu ajajjeetti.
Hoogganaan aappichaa tarkaanfii kana ''carraa dhabuudha'' jechuun ibse. Garuummoo gabaa guddaan aappichaa Chaayinaa ture.
Apple dhiibbaa mootummaan aappicha buusuun akka hin danda'amne godhuu kan himu Kaatkaart, bilbilootni andirooyidii garuu aappicha buufachuu hinuma danda'u jedhe.
VPN fi sarvarootni WhatsApp Waxabajjii darbe eegalaman lammiileen dhorkaa jalatti aappicha akka itti fayyadaman hiree uumeeraaf.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
WhatsApp fi Signal iccitii odeeffannoo maamiltootni waliif dabarsan fi walitti dubbatan eeguuf sirna end-to-end encrypted, itti fayyadaman qabu.
Kaatkaart aappiwwan biyyoota lixaa kunniin duudhaalee Dimookrasii walabaa bal'isuuf gahee murteessaa bahaniiru jedha.
Ilaalchi inatarneetni bilisaa fi banaa ta'uu qaba jedhu garuu icciitii maamilaa eeguurratti balaa akka uumu dubbata.
''Dubbii namoota gidduutti godhamu icciitummaansaa kan eegame akka ta'u, mootummaa abbootii irreerraa bilisa gochuun, saansuurii mootumaa hambisuu keenyaan ni boonna'' kan jedhu Kaatkaart, dhiyeenya kana garuu dhiibbaa fi qormaatni itti jabaachaa akka jiru hime.
UK sirna icciitii maammiltootaa eegu (end-to-end encryption) hambisuufi poolisiin ergaawwan maamiltootaa akka argu dhiibbaan gochaa jirtu kan isa yaaddessu ta'uu dubbate.
''Dhimma kanarratti muggutiin godhamu ammallee hin xumuramne. Namootni iccitiin isaanii eegamuurratti xiyyeeffannaa kennu, end-to-end encryption maal akka ta'ee fi akkamiin akka hojjetu beekuu baatanis.''
Kanarraa kan ka'e adeemsi icciitii eeguu kun akka hafu dhiibbaa godhamurratti dubbachuun akka barbaachisu amana.












