Eenyuutu bakka Hasan Nasrallaan bu'uun Hezbollaa dursuuf filatamaa laata?

Madda suuraa, EPA
Hogganaa Olaanaa Hezboollaa, Hassan Nasrallaa, haleellaa qilleensaa guyyaa Jimaata waajjira muummee dhaabichaa, kan naannoo kibba magaalaa guddoo Libaanos -Beerut keessatti argamu irratti xiyyeeffateen ajjeefamaniiru.
Hezboollaanis, Narsarraan kan waggoota 32'f dhaabicha dursaa turan ajjeefamusa mirkaneesse.
Dilabata kaleessaa ammoo waraanni Israa'el Narsallaa waliin qondaaltoota olaanoo Hezboollaa kanneen sadarkaa adda addaa irra turan dabalataa 20 guyyuma sana ajjeessuu beeksiise. Dhimma kanarratti Hezboollaa irraa hanga ammaatti kan dhagahame garuu hin jiru.
Haata'u malee haala taatee jijjirama siyaasaa ammaan tana mul'ataa jiruutiin wal qabatees, gaaffiileen hedduun ka'aa jiru.
Fakkeenyaaf, ittaanee Hezboollaa fi sochiileesaa eenyuutu hogganuu danda'a? Eeyyuu fa'ituu kanaaf filatama? Isaan keessaa hoo baroota dhufan keessa dhaabicha hogganuun kan milkeessuu danda'u kaadhimamaa sirriin eenyuudha? kanneen jedhan ka'aa jiru.
Xinxaltoonni hedduunis nama tokkootti quba qabaa jiraachusaanii BBC Arabic gabaaseera.
Haasham Saafieddine, dursaa mana maree hojii raawwachiiftuu Hezboollaa fi ajajaa gulantaa lammaffaa, Nasrallaa dhaaluudhaaf kaadhimamaa sirrii ta'utu himama.
Haasham Saafieddine eenyuudha?

Madda suuraa, Getty Images
Haasham Saafieddine ilma obboleessa Nasrallaa yoo ta'u, Qaassem Soleyimanii, kan ajajaa humnoota Quds, Warraaqsa Garee Eegdoota Iraan ( Quds Force of the Iranian Revolutionary Guard Corps) duraanii turan waliin ammoo karaa gaa'ilaatiin firooma qabu.
Haasham Saafiheddine bara 1964 tti kibba Libaanos naannoo Tire, magaalaa Deyir Qanowun al-Nahr keessatti kan dhalate yoo ta'u, akkuma Hassan Nasrallaa innis Naajaaf fi Qom keessatti barate.
Kana malees namoota bara 1982 keessaa Heboollaa hundeessaan keessaayis tokkoodha. Bara sanattis Hezboolaa hundeessuuf yaadnisaa barsiiftoota amantaa Musliimaatiin kan maddisiifame yoo ta'u, deeggarsa maallaqa Iraantiin cimuudhaan adda durummaan weerara Israa’el Libaanos irratti raawwatte ittisuuf ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 1994 keessa, Nasrallaa bakka bu’ee itti gaafatamaa mana maree hojii raawwachiiftuu Hezbollaa akka ta'uuf kan gaafatame ture yoo ta’u, kunis Abbaas al-Musawiin barreessaa olaanaa dhaabichaa erga ta’ee waggaa lama booda Israa’el haleellaa helikooptaraan isa ajjeesuushee hordofeeti
Xinxaltoonni akka amananitti, bara 1994 irraa eegalee, innis erga magaalaa Iraan kan taatee Qoom keessatti baratee booda, dhaabicha akka hoogganuuf qophaa'eera.
Saafieddine hojii siyaasaa, hawaasummaa, aadaa fi barnootaa hezbollaa akka to'atuuf itti gaafatamummaan kan itti kenname yoo ta’u, miseensota mana maree Shuraa Hezbollaa bulchaa jiru keessa filataman torba keessaayis tokkodha.
Muuxannoowwan kanneen hubannoo keesa galchuudhaan amma bakka Nasrallaa bu’uuf nama sarara irra jiru akka ta’e himama. Ameerikaa fi Sa’uudii Arabiyaan Caamsaa 2017 keessa Saafieddin shororkeessaa jechuun farrajaniiru.
Saafiheddine Iraan waliin karaa sodduummaatiin hariiroo cimaa qaba. Obboleessi isaa Abdullaa Saafiheddine, Tehraan keessatti bakka bu’aan Hezboolaa, intala dursaa amantaa Shiyaa kan ta'an, kan Mohammad Ali al-Amin fudheera.
Mohammad Ali al-Amin akkasumas, miseensa qaama Shariyaa Mana Maree Ol’aanaa Islaamaa Shiyaa Iraaniidha. Akkasumas, Ilmi isaa Rezaa ammoo bara 2020 keessa intala ajajaa beekamaa Iraan jalqaba, baruma sanaa haleellaa diroonii USn Bagdaad keessatti raawwateen ajjeefamee, intala Zeyinab Qaassem Soleeyimani fuudhe.
Maaltuu Nasrallaan isaan wal fakkeessaa?

Madda suuraa, Reuters
Nasrallaa bakka bu’uudhaaf carraa ittiin Saafiheddine filatamusaa dabaluu danda'an keessaa tokko, inniifi Nasrallaan lamaan isaanituu dhaabicha hoogganuu keessatti muuxannoo wal fakkaataa qabaachuusaanii ta’uu amanu ogeeyyiin.
Maqaan Saafiheddine yeroo dheeraaf erga gahee dhoksaa taphachaa turee booda, tarkaanfiin haala nageenyaa naannawa Nasrallaa jiru irratti cimeen booda ture akka fuulduratti bahu kan ta'e.
Haalichis sochii dhaabichaa keessatti yeroo hedduu Nasrallaa bakka bu'uudhaan akka dhiyaatu isa kakaase. Keessumaa sirna awwaalchaa miseensotaa fi hooggantoota Hezboollaa Libaanos keessatti ajjeefamanii, ykn kanneen paartiichi Siiriyaa keessatti pirezidaantii Bashar al-Asad deeggaruuf mormiitootaan lolan du'aniif taasifaman irratti Nasrallaa bakka bu'uun mullatu ture.
Kaanis waggoota Saafi al-Diin magaala Iraan Qoom keessatti dabarseetti ilaalchsa siyaasaa isaarratti dhiibbaa akka uume amanu. Barreeffamota isaa keessaa tokko irratti, Saati al-Diin muxannoon barsiiftoota amantaa Qoom keessaa fi dhiibbaa inni ilaalcha siyaasa Shiiyaati Libanos keessaarratti uume barreessanii ture.
Safi al-Din dhimmoota waraanaa dhaaba Hezbollaa keessattis hirmaannaa qabaachuun beekamu. Gariin isaanii kutaa nageenyaa Hezbollaa keessatti gahee olaanaa akka qabu amanu.
Kunis ammoo hariiroo idil-addunyaa dhaabichaa keessattuu Iraan fi Siiriyaa waliin ijaaruu keessatti nama murteessaa isa taasisa, jedha marsariitiin Giddugala Qorannoo Finxaalessuummaa Arabaa.
'Addabbiin dhufaa jiraa'

Madda suuraa, Getty Images
Hezbollaan Onkoloolessa 8, 2023 oppareshiinii waraanaa ji’ootaaf turu kan jalqabe yoo ta’u, haleellaa rookkeettii fi diroonii karaa kaaba Israa’el irratti dhukakasaaa akka turen ni yaadatama.
Raayyaan Ittisa Israa'elis haleellaa walitti fufiinsaan Hezboolaan raawwate kanaaf deebii kennuuf jecha Waxabajjii 11, 2024, wiirtuu ajaja Hezbollaa kan Jawaya kibba Libaanos keessatti argamu irratti haleellaa misaa’elaa raawwachuun Taalib Saamii Abdullaah, ajajaa dirree durii fi miseensota Hezbollaa kan biraa sadii ajjeese.
Saafiheddin sirna awwaalcha Abdullaah Waxabajjii 12 raawwatame irratti haasaa kan taasisan yoo ta’u, Hezbollaan haleellaa Israa'eel raawwattee sanaaf deebii akka kennu dhaadatan.
Galgaluma sanas Hezboollaan rookkeetota hedduu waajjira muummee waraana Israa’elii fi buufata to’annoo tiraafikaa qilleensaa waraanaa irratti xiyyeeffachuun dhukaase.
Haleellaa rookkeettii Hezboolaan raawwate kanaafis deebii kennuudhaaf waraanni Israa'el, Waxabajjii 14 haleellaa misaa’elaa mana Saafiheddine kan magaalaa dhaloota isaa Deyir Qanowun, kibba Libaanos keessatti argamu irratti xiyyeeffachuun dhukaase.
Maddeen miidiyaa akka gabaasanitti, haleellaan sunis kan Ittaanaa hogganaa Hezbollaa Saafiyedddine Nahim Qaassem fi hundeessaa dhaabichaa fi hogganaa duraanii Subhi Tufayli irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsan.
Dubbi himaan Hezboollaa kan eenyummaansaa hin ibsamne, haleellaichaan yeroo muraasa booda wayita haleellaan sun raawwatametti gamoo duwwaa akka ture dubbatan.
Ji’a Fulbaanaa 18 irratti ammoo, Safi al-Din haasawa sirna awwaalcha namoota dhoohinsa meeshaalee quunnamtii “Pagers” miseensota Hezboollaarratti xiyyeeffaten ajjeefaman hedduu irratti taasisaniin, dubbii barbaachi kun “adabbii mataa isaa akka qabaatu, fi adabbichi mudachuun saa hin oolu” jedhanii ture.
Itti dabaluudhaan: “Ummata duubatti hin deebine ta’uu keenya waan beektuuf, diina waliin adeemsa haaraa fi wal dura dhaabbannaa haaraa nu mudata,” jedhanii ture.












