Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Sadarkaa hammaataarra gahuu dura atattamaan falli haa kennamu' - Waldaa Hakiimota Itoophiyaa
Waldaan Hakiimota Itoophiyaa duula ogeeyyiin fayyaa gaggeeessaa jiran ilaalchisuun ibsa baaseen ogeeyyiin fayyaa hidhaman akka gadhiifamanii hojii idileetti deebi'an gaafate.
Waldichi ogeeyyiin hangamii duula kanaan walqabatee akka hidhaman hin ibsine. Gama kaaniin lagannaa hojiin walqabatee hojjettoonni fayyaa 80 tti dhiyaatan hidhamuu qindeessitoonni duula ogeeyyii fayyaa guyyoota muraasa dura BBCtti himanii turan.
Kanneen hidhaman kan himan qindeessitoonni BBC'n qaama walabaa irraa lakkoofsi kun dhugaa tahuu hin mirkaneessine.
Waldaan Hakiimota Itoophiyaa ibsa miidyaa hawaasaarratti Dilbata har'aa maxxansee keessatti gaaffii ogeeyyiin mindaan xiqqaachuu, fayidaan ogeeyyiin argachuu qaban akka eegamuu fi bakki hojii akka mijatuuf kaasan ''sirriidha'' jechuun deeggaree fala akka argachuu qabu gaafate.
Ministeera Fayyaa Itoophiyaaf gaaffii kun dhiyaachaa turuu ogeeyyiin duula kana deeggaran BBCtti himanii turan.
Waldichi hojjattoonni fayyaa tajaajilli fayyaa fi barnoonni fayyaa hubamuun hawaasa, ogeeyyii fayyaa fi sirna eegumsa fayyaa akka waliigalaatti akka hubu ibsa baase kana keessatti akeekkachisuun, dhimmichi mariidhaan saffisaan akka hiikamu gaafate.
Dabalataan Waldichi fala barbaadurratti qaamolee qooda qaban waliin akka hojjatu ibse.
''Haalli kun sadarkaa hammaataatti guddachuu dura Ministeerri Fayyaa qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin ta'uun marii biyyaalessaafi gulantaasaa eeggate atattamaan gaggeeffamee furmaatni akka argamu waamicha godha.''
Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa maal jedhe?
Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa sochii lagannaa hojii ogeeyyiin fayyaa tibbana bakka garaa garaatti taasisaan ilaalchisee ibsa baaseen, ogeeyyii muraasa hojii idileerra hin jirre jedheratti tarkaanfiin akka fudhatamu beeksise.
Duulli lagannaa hojii kun ''maatii ofii, fira, aanteefi hawaasa mara kan miidhuu ta'un alatti, gama naamusa ogummaa fi namoomaatiinis fudhatama kan hin qabneedha'' jechuun balaaleeffateera.
Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa ibsa Caamsa 15, 2025 baaseen, ''ogeeyyiin fayyaa lagannaa hojiirra jiran garri caalu odeeffannoo sobaan kan burjaaja'an, muraasni ammoo badiisa kaayyoo kan godhatanii" jechuun ibse.
Daballii mindaafi faayidaalee akkasumas haala hojii mijataa dabalachuun gaaffilee ijoo 12 tarreessuun sochiin ogeeyyiin fayyaa ji'a tokkoof taasifamaa ture gara lagannaa hojiitti erga seenee guyyoota muraasa ta'eera
Mootummaan faayidaa ogeeyyii fayyaa haala waaraan mirkaneessuuf labsii baasee xiyyeeffannoo itti kennee hojjechaa jiraachuu ibseera.
Boordiin Sochii Ogeeyyii Fayyaa Itoophiyaa (EHPM) gaaffiin ogeeyyiin fayyaa dhiyeessaa jiraan deebiisuuf tarkaanfiin atattamaa akka fudhatamuu irra deddeebiin gaafata jira.