Bu'aa argametti gaddineerra, ummata Itoophiyaa dhiifama gaafanna- Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa qabxii Tookiyootti argamuun gadduu ibse

Bu'aa gadi aanaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Tookiyootti galmaa'eef Federeeshiniin Atilleetiksii Itoophiyaa dhiifama gaafate.

Gareen biyyaalessaa Itoophiyaa shaampiyoonaa atileetiksii Tookiyoorratti meedaaliyaawwan meetii 2 fi maaldaa 2 qofa argachuun xummuruunsaa ni yaadatama.

Biyyattiiniis waggoota 34 booda yeroo jalqabaaf shaampiyoonaa atileetiksii addunyaarratti warqee osoo hinargatin hafteerti.

Waa'ee Shaampiyoonaa Atileetiksii Tookiyoo ilaalchisee waajjirasaa magaalaa Finfinneetti miidiyaaleef ibsa kan laate Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa, "Bu'aan argame baay'ee gadi aanaafi biyya keenya Itoophiyaa kan hin ibsinedha" jedheera.

Pirezidaantiin federeeshinichaa Silashii Sihin, "Ummanni keenya shaampiyoonaa kanarraa bu'aa gaarii eegaa ture. Bu'aa qabeessummaa keenya eegsisuu dhabuu keenyatti ummata dhiifama gaafachuu barbaanna" jedhan.

Dabaluunis "Bu'aa argametti garichi baay'ee gaddeera. Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaas gaddeera" jedhan.

Itoophiyaan shaampiyoonaa kanarratti meedaaliyaa warqee 3, meetii4 fi maaldaa 4 waliigala meedaaliyaawwan 11 argachuuf karoorfattee turte.

Waltuffii, wal loluu fi alseerumaa

Gareen atileetiksii Itoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Tookiyoorratti hirmaate qophiirraa eegalee rakkoolee garagaraa kan qabu akka ture ka'eera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Atileetiksii Itoophiyaa keessa alseerummaan akka jiru kan kaasan Pireezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Silashii Sihin, leenjistoonni walitti bu'an akka jiran eeran.

Kana malees leenjistoonni gareedhaan hojjechuuf fedhii dhabuun akka irraa mul'ates himaniiru.

"Leenjistoonni waliin hojjechuuf gonkumaa fedhii hinqaban. Wayita shaakalliin eegalamu keessattuu dhiirotaan meetira 10,000 waliin akka hojjetan tattaaffii goonee ture. Haa ta'u malee hundi afaaniin 'tole' jedhu. Garuummoo fedhiin hinjiru" jedhan.

Kana malees haalli qilleensaa Tookiyoo hoo'aa ta'uusaatiin atileetonni Itoophiyaa magaalota haala qilleensaa walfakkaataa qaban keessatti akka shaakalaniif federeeshinichi haala mijeessuus hojiirra akka hin oolle ka'eera.

"Fakkeenyaaf yeroo keenyatti gara Soodaree, Mojoo fi Wanjii deemuun shaakalaa turre. Mala sana hojiira akka oolchaniif bajata ramadnee geejibas qopheessineerra. Garuu baay'eensaanii heeyyamamoo hinturre" jedhan.

Shaampiyoonicharratti atileetonni Itoophiyaa 7 dorgommiisaanii osoo hinxummuriin adda kan kutan yemmuu ta'u, sababni atileetonni kunneen dhiyeessan 'haalli qilleensaa nutti cime' kan jedhu akka ta'e ibsicharratti ka'eera.

Kana malees leenjistoota atileetotaa biratti miirri jaalala biyyaa dhabamuun atileetonni cimanii akka hin dorgomee taasisuus himan.

Kallattii gara fulduraa

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa atileetiksii biyyattii kufaatii mudaterraa kaasuuf fulduratti hojiilee garagaraa akka hojjetu ibsa laateerratti himeera.

Tarkaanfilee fudhataman keessaa tokkommoo garee biyyaalessaa atileetiksii waggoota dura diigame deebisanii ijaaruudha.

"Deebi'uun garee biyyaalessaa dirqamadha. Kanas ji'a Sadaasaa keessa yaa'iidhaan raggaasisnee gara hojimaata duraaniitti akka deebinuuf tattaafiin ni taasifama" jedhan pireezidaantichi.

Kana malees atileetonni waamicha federeeshinichaa kabajanii fudhachuun akka hojjetaniif ciminaan akka hojjetus pirezidaantiin federeeshinichaa himaniiru.

"Alseerummaan ni jira. Seeronni ni jiru garuu hulaawwan waan turaniif hojiirra oolaa hinturre. Kana booda garuu seerota kana hojiitti ni hiikna" jedhaniiru.