Arsenaal mo'amaa? Liiverpuul qixa baha, Maan Yuunaayitid hoo?- Tilmaama Saatan

Madda suuraa, Getty Images
Kiristaal Paalaas imala %100 Liiverpuul bara kanaa dhaabuu danda'aa? Liiverpuul shaampiyoonaa tahuun kan xumure bara dorgommii darbee caalaa bara kana bifa haaraan of ijaareera.
Xiinxalaan Ispoortii BBC Kiriis Saatan leenjisaa Oliiver Gilaasiner jalatti Kiristaal Paalaas garee ajaa'ibaa taheera'' jedhe.
Ebereche Eezzee erga dhabaniiyyuu garee akkaan jabaatee fi qindaa'e tahuu isaanii argineerra jedhe Saatan.
Liiverpuul ammoo inumaayyuu kubba baay'ee bareedaa taphachuu baatus haalatti mo'atee bahu irratti hojjeteera. Kanaan hanga ammaa milkaa'aniiru jedhe.
Garuu taphni kun isaaniif qormaata jabaa taha jedhe. Huugoo Ekitiikee taphataa haaraa gahumsa gaarii irra jirudha.
Gatii rikardii Biriiten taheen kan mallatteesse Aleeksaander Isaak ammoo gahumsa qaamaa isaa irratti hojjechaa ture.
Tapha kanas jalqabuu danda'a. Maallaqa guddaan itti bahee gahumsa irraa eegamu haga ammaatti hin agarsiifne jedhamuun kan qeeqamu ammoo Filooriyaan Wiirzidha.
Liiverpuul taphoota shan irraa qabxii 15 walitti qabachuun tokkoffaan dursaa jira. Kiriis Saatan tapha kana yoo tilmaamu:
Kiristaal Paalaas 0-0 Liiverpuul jechuun tilmaame. Isin hoo?

Madda suuraa, Getty Images
Sanbata Duraa, Fulbaana 27, 2025
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bireentifoordi bara kana leenjisaa isaanii Toomaas Firaankii fi taphattoota jajjaboo sadii dhabaniiru.
Biriyaam Embuumoo gara Maanchister Yuunaayitid, Yoonee Wiisaa gara Niwkaasil deeman. Kiristiyaan Noorgaard ammoo Arsenaal gale.
Bara dorgommii darbe yeroo gareen kun guutuun wlaiin ture Bireentifoordi 4-3'n Maanchister Yuunaayitidiin mo'ataniiru.
Amma immoo Embuumoon Maan Yuunaayitidiif taphata. Yuunaayitid bara kana carraa galchii hedduu uumuun Piriimer Liigii keessaa dursaa jiru. Garuu carraa argatan kanatti fayyadamanii taphoota hunda hin mo'anne.
Erga Cheelsii mo'atanii haamilee gaariin dammaquun Bireentifoordi mo'atu jedhanii kan tilmaamanis jiru.
Kiriis Saatan garuu Ruuben Amoorim irraa waan guddaa akka hin eegne hime.
Kiriis Saatan: Bireentifoordi 1-1 Maan Yuunaayitid
Isin hoo Maanchister Yuunaayitid tapha kana hin mo'atu jettuu? Maanchister Yuunaayitid Amoorim jalatti yeroo jalqabaaf tapha Piriimer Liigii walitti aansee mo'achuun bayyannachuu danda'a.
Taphni kun garee Eenzoo Maareshkaaf baay'ee murteessaadha. Baayern Muunikii fi Maanchister Yuunaayitidiin erga mo'amee tapha murteessaa kana taphata.
Biraayitan yeroon yaadu waanuma yeroo hundaa galchii lakkoofsisan natti fakkaata.
Rakkoon isaanii itti fufinsa hin qaban. Cheelsiin miidhamaan Kool Paalmeriin yoo dhabe miidhama guddaadha.
Cheelsiin taphattoota Biraayitan hedduu bitateera. Kanaaf taphni kun Biraayitanii fi taphattoota Biraayitan durii gidduutti kan gaggeeffamu fakkaata jedhe Kiriis Saatan.
Tilmaama Kiriis: Biraayitan 1-1 Cheelsii
Gareen Peep Gaardiyoolaa tapha Arsenaal wlaiin taasisanii qixa xumuran irratti akkuma Joosee Moorinihoo durii karra cufachuun taphataa turan.
Ittisa irratti qofa xiyyeeffatan. Taphattoonni Maan Siitii gahums aguddaa osoo qabanii Gaardiyoolaan haala akaksiin taphachuun namoota hedduu raajeffachiiseera.
Haalaand Arsenaal irratti dabalatee galchii lakkoofsisuu itti fufeera.
Gareen Barnile bara kana ol guddate kubba qabatanii taphachuu irratti rakkoo hin qabu. Galchii lakkoofsisuun injifannoon bahuutu dadhabina isaaniiti.
Kiriis Saatan; Maanchister Siitii 3-0 Barnilee
Isin akkamiin tilmaamtu?
Kiriis Saatan taphoota kaanis akaksiin Tilmaameera.
Aston Viilaa 1-1 Fuulhaam
Tootenhaam 1-0 Woolvis
Nootiingihaam Fooresti 2-1 Sanderlaand
Everteen 2- 0 West Haam
Dilbata Fulbaana 28, 2025
Bara 2023 Niwkaasil dirree isaa St jeemsi Paarki irratti Arsenaaliin waan mo'ateef tapha haloof of keessaa qabus taha.
Arsenaal taphoota sadii darban Niwkaasil wlaiin taphatan mo'amaniiru.
Inumaayyuu mo'amuu miti qixa bahuuniyyuu Arsenaaliin hedduu miidha. Sababni isaa Liiverpuul kan mo'atu yoo tahe ammumaan akka qabxii guddaan caalamu hin barbaadu.
Arteetaan akkamiin tapha kana mo'achuuf qophaa'e kan jedhu beekuun ulfaataadha. Taphoota ulfaatoo irratti gara fuulduraatti bahuun gootummaan taphachuu irratti hanqina qabu.
Niwkaasil kileba galchii hedduu lakkoofsisu miti. Garuu galchii isaan irratti lakkoofsisuunis ulfaataadha.
Tapha kanaaf tarii Eezzeen furmaata tahuu mala. Kiriis Saatan Eezzee fi Bukaayoo Saakaa fayyaa guutuu irra waan jiraniif tapha kana Arsenaal mo'ata jedheen tilmaama jedhe.
Gabri'eel Martineeliinis akkasuma gahumsa gaarii irra jira.
Kiriis Saatan: Niwkaasil 1-2 Arsenaal
Itti waliigaltuu? Tilmaama keessan nuuf barreessaa.












