Aanga'aan Ispeen yeroo Waancaa Addunyaa taphattu dhungate qarshiin adabame

Hogganaan fedreeshinii kubbaa miilaa duraanii Ispeen Luwiis Ruubiyaales taphattuu kubbaa miilaa Jeenii Hermoosoon hayyamashee malee hidhiirra dhungachuun haleellaa saalaan balleessaa jedhame.

Kanaanis yuroo 10,800 akka adabamu Dhaddachi Olaanaa Ispeen murteesseera.

Taphattuu kana dhunguun sun waliigalteen taasifame akka jettu dirqisiiseera himannaa jedhurraa bilisa baheera.

Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa dubartootaa bara 2023 Awustiraaliyaa Sidniitti adeemsifameen Ispeen Ingilaand mo'attee yeroo taphattoonni medaaliyaa isaanii fudhatan Rubiyaales taphattuu kana qabee hidhiirra dhungate.

Taateen kuni mormii erga kaaseen booda Rubiyaales aangoo irraa akka ka'u waamichi dhiyaataa ture.

Murtoo kennameen Rubiyaales lafa Hermoosoon argamturraa meetira 200 akka fagaatu akkasumas waggaa tokkoof akka ishee hin dubbisne dhorkamu ibsi bahe agarsiisa.

Waayilooti hogganaa federeeshinii duraanii sadii dirqamaan taphattuu amansiisuu keessatti hirmaataniiru jedhamnis himannaa irratti dhiyaaterraa bilisa jedhamaniiru.

Abbootiin alangaa Ruubiyaales hidhaan akka adabamu gaafataa turan namni kuni ishee dhungachuun dura isheen eeyyama kennuu baattullee akka isheen waliigalteetti ''guutumaatti amanee'' ture jedhan.

Rubiyaales dhunguu kana ''waan jaalalaafi waan akka tasaa mudate dha'' jechuun ibseera.

Hermoosoon ragaa bahumsa jalqabaa waggaa kanaatti kenniteen nama kanaaf eeyyama akka hin kennine akkasumas taateen mudate ''jireenya ishee keessatti guyyaa gammachuu irratti xalaa buuse,'' jette.

Ruubiyaaless haleellaa saalaa fi Hersoomoodhaan dirqamaan akka isaaf eeyyamte amansiisuuf yaaluun himatamee ture.

Taateen kuni TV'dhaan miiliyoonti, namooti isteediyeemii turaniin akkasumas gareen biyyaalessaa Ispeen waancaa addunyaa 2023 mo'ate daawwateera.

Dhimmi kuni Ispeenitti dheekkamsa kan kaase yoo tahu sosochii tapha dubartootaa irratti loogii jiru loluuf kaayyefates jalqabsiiseera.

Rubiyaales torbanootaaf diduun booda Fulbaana 2023 aangoo kan gadhiise yoo tahu Fifa'n isa ugguruun booda abbaan alangee Ispeen himannaa irratti bane.