Barataan Pirezidantii Yugaandaa qeequun viidiyoo TikTokii hojjete attam ta'e?

Barataan yunivarsitii lammii Yugaandaa ergaa viidiyoo TikTokii waa'ee Pirezidantii biyyattii Yuweeree Museveenii hojjetee ji'a lama dura achi buuteen isaa dhabame.

Viidiyoo kanarratti barataan kuni bulchiinsa pirezidantii Yugaandaa qeeqee dubbate.

Eegasii booda garuu hidhamuun isaa dhihoo dhagahameera.

Elsoon Tumwinee ji'a lama dura yeroo achi buuteen isaa dhabame qondaalonni paartii mormituufi rogeeyyiin butameeti, ejantoota waraanaan seeraan ala hidhame jechuun himatan.

Erga komiin cimee booda baatii dura waajjira poolisiitti mul'ate, kompiitara haala sirrii hin taaneen fayyadamuufi komnikeeshinii safuu cabseen himatame.

Innis balleessuu isaa himee dhiifama gaafate. Manni murtii Inteebees yaada isaa kana ilaalee gaafa Wiixataa hidhaa ji'a lamaa itti mure.

Haata'u malee, hidhaan itti murameefi himannaan butamuu isaa filannoo waggaa dhufu biyyattiin taasistuu dura rogeeyyii mirga namoomaa yaaddesseera.

Dhaddacha irratti barataan waggaa sadaffaa Yunivarsitii Maakaareree viidiyoo maxxansuu amaneera.

Abbootiin alangaa viidiyoon kuni ''xiqqeessuufi jibba uumuuf'' yaadame jechuun himatu.

Deebiii dhiifama kana dura Pirezidant Museveeniin ummata Bagandaaf taasisan irratti Af-yaa'iin kennan sagalee isaanii waliin dhahuun himatameera.

Ummati Bagandaa saboota Yugaandaa keessaa lakkoofsaan baay'eedha, sirna bulchiinsa Bugaandaas qabu.

Bara aangoo Museveenii waggoota 40'tti dhihaatu keessatti takka takka sirna gonfoo sirna saba kanaa waliin dhibdeen tutture.

Sirni gonfoo saba kanaa aangoo qabaachuudhaas baatu dhageettii olaanaa garuu qaba.

Qabiyyeen barataan kuni TikTok gubbaa baase pirezidantii ganna 80 bara waggaa dheeraaf aangorra turwn dhimmoota biroorratti dhiifama hin jenne jechuun himata.

Yeroo Tumwineen ji'a lama dura achi buuteen isaa dhabame, Yunivarsitiin Maakaareeree lafa barataan kuni deeme baruuf birmannaa gaafatee ture.

Waa'ee barataan kuni butame, akkasumas dararame jedhanirratti aangawoonni Yugaandaa deebii kennan hin qaban.

Akkaataa adeemsa seeraa kana ogeessi seeraafi rogeessi Goodwin Tokoo jedhamu qeeqaniiru.

Barataan kuni abukaatoowwan dhaabbilee biroo yookiin kan dhaabbilee mormituu akka isa bakka bu'an hin feene jedhan.

''Nama butame, ji'ootaaf hidhame, akka yakkamaa ta'u dirqame, achii hidhaan itti murame,'' jechuun yakki guddaa raawwatu himatu.

Umrii isaa kanatti maqaan isaa yakkaan ka'e jechuun miidiyaa hawaasummaa X gubbaa kataban.

Jalqaba waggaa kana dargaggeessi ganna 21 Imaanu'el Naabugodi jedhame viidiyoo Pirezidant Museevenii arrabsa jedhame maxxanseen ji'oota 32'f hidhameera.

Isa durammoo nami biraa haasaa jibbinsaafi maatii Museeveenii ''miidhuuf'' odeeffannoo gadhiise jedhame hidhaan waggaa jahaa itti muramee ture.