Biyyoota Afrikaa saddeet albuudaan badhaadhan beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoonni alaa (Yunaayitid Isteet, Chaayinaa, Raashiyaa, Kanaadaa, Yunaayitid Kingidam, Gamtaa Awurooppaa, Indiyaa fi biyyoota Arabaa) fi kampaanonni isaanii fedhiin Afrikaarraa albuuda argachuuf qaban guddaa waan ta'eef yeroo gaggeessitoota Afrikaa waliin wal argan ajandaan isaanii ijoon dhimmuma kanadha.
Kampaaniiowwan biyya alaa kunneen yeroo albuuda ardittiirraa ba'uu guddaa dolaara biliyoonotaan lakkaa'amuun argachaa jiranitti, Afrikaan garuu ammallee iyyummaa keessa jirti. Dargaggoonni ardittiis rakkoo hojii dhabuu hamaa keessatti argamu.
Biyyoonni Afrikaa baayyeen albuudota gati-jabeeyyii baayyee barbaadmaan hedduu qabu.
Qabeenyawwan albuudaa kunneen Kobaalt, Giraafaayit, liitiyeem, baawuksaayit, niikel, mangaaneez, PGMs (Platinum Group Metals), akkasumas alboodata Dacheerratti darbanii darbanii qofa argaman dabalata.
Albuudota kanneen keessaa gariin isaanii hojii baatirii fooyyeessuuf kan gargaaran yoo ta'an, kanneen biro ammoo konkolaatwwan elektiriikii, bilbila mobaayilii, akkasumas tarbaayinii qilleensaa ittiin omishuuf gargaaru. Kana malees,siistemoota artiifishaal intelijensiifi annisaawwan haareffaman ittiin hojjechuuf albuudota gargaaranidha.
Afrikaan akaakuuwwan albuudotaa 60 kan qabdu yoo ta'u, kunis kuusaa albuuda hunda addunyaarra jiru harka sadii keessaa tokko jechuudha.
Inistitiyuutiin Misooma Waara'aa Idil-addunyaa ardittiin kuusaa albuudota garee Pilaatiiniyeem jedhamanii kan addunyaa %90 (%80 koltaan, %60 kobaalt, %70 tantaalem, %46 diyaamandii, %40 warqii fi %10 zayita boba'a) qabdi jedhee tilmaama.
Dimokiraatawa Rippablika Koongoo (DRC)
DRCn qabeenya albuudota garagaraafi guddaa qabduun beekamti. Biyyattiin albuudota warra akka kopper, kobaalt, koltaan, liitiyeem, warqii, diyaamandiifi yuraaniyeemii, kkf qabdi.
Omisha kobaaltiifi omisha wantota awutoomootivii hojjechuuf gargaaranii akka addunyaatti kan dursa qabatteettu DRCn, kopperii omishuudhaanis Afrikaa keessatti tokkoffaadha.
Akka ragaan IMF irraa argame mul'isutti, biyyattiin omisha kobaaltiidhaan kan guutumaa addunyaa %70 ta'u qabatteetti. Akkasumas kuusaa albuudota barbaachisoo biro akka kopperii, qorqoorroofi tantaalemii qabdi.
Fakkeenyaaf, bara 2025 keessa sektarri albuudaa galii biyyattii %30 qabateera.
Afrikaa Kibbaa
Afrikaa Kibbaa keessatti, sektarri albuudaa seenaafi misooma biyyattii keessatti humna guddaa dinagdee sochoosudha.
Afrikaa keessatti dinagdee guddaa dursarra jiru kan qabduufi ardittii keessatti ammoo biyya hunda caalaa misoomte kan taate Afrikaan Kibbaa, albuudota warra akka diyaamandii, warqii, kopperii, mangaaneez, kiroom, pilaatiiniyeem, polaandiyeem,… kkf baayyee badhaatuudha.
Afrikaan kibbaa kuusaa yuraaniyeemii addunyaarratti guddaa ta'e qabdi. Biyyattiin omisha Polaandiyeem fi Pilaatiiniyeemiin addunyaarratti dursa qabattee kan jirtu yoo ta'u, omisha albuudota kanneen lamaanii addunyaarratti omishaman keessaa duraafi duubaan %43 fi %73 qabatu.
Afrikaan Kibbaa kuusaa yuraaniyeemiin addunyaarratti Austiraaliyaatti aansuun sadarkaa lamaffaarratti argamti.
Bara 2021 sektarri albuudaa GDP biyyattii keessatti dolaara biliyoona 15.5 gumaacheera.
Botiswaanaa
GDP dolaara biliyoona 19 kan qabdu Botiswaanaan, Afrikaa keessatti albuudaan biyya beekamtu keessaa tokkodha.
Akka Biiroo Istaatistiksii Biyyaalessaatti, sektarri diyaamandii hsrafa alaa biyyattiin argattu keessaa %90 kan qbatu yoo ta'u, galii mootummaa ammo %30 hanga %40 kan qabatudha.
Diyaamandiin alattis, Botiswaanaan koopperii, nikeelii, soodiyeemii kaarboneetii, potaashii, cilee, ayirenii fi silveriis ni qabdi.
Zimbaabuwee
Akka Waldaa Albuudaa Zimbaabuweetti, biyyattiin kuusaawwan akaakuu albuudota gara garaa 60 qabdi. Kunis warqii, garee sibiilota pilaatiniyeemii, diyaamandii, nikeelii, kiroomiyemii, cilee, litiyeem fi giraanaayitii gur'aacha dabalata.
Kana malees, biyyattiin kanneen hanga ammaa hin baafamiin ayireenii, taangisteen fi giraafaayitii qabdi jedhama.
Biyyoon biyyattiis fosfarasii, dhakaa gati-jabeeyyii (akuwaamaraayin, raabii, ameetist, emerald) tantaalaayit, mangaaneez, vermaakulaayit, laayim istoon fi maayikaa qaba.
Akka Komishinii Daldalaa Federaalaa US jedhutti, GDP biyyattii (Zimbaabuwee) keessatti sektarri albuudaa %12 kan gumaachu yoo ta'u, galii sharafa alaa biyyattin argattu keessaa ammo %70 qabata.
Zaambiyaa
Afrikaa keessatti kopperii omishuutiin lammaffaa kan taate Zaambiyaan, addunyaarratti ammoo biyyoota 10 omisha kopperiin beekaman keessaa tokkodha.
Ardii afrikaarratti kuusaan kopperii kan argamu DRC fi Zaambiyaa naannoo mudhii kopperii (copperbelt) jedhamu gidduuttidha. Biyyoonni lamaan omisha kopperiitiin addunyaarratti sadarkaa torbaffaafi 11ffaarratti argamu.
Alboodota kanarratti dabalataan, biyyattiin qabeenya biro kanneen akka kobaalt, yuraaniyeem, mangaaneez fi emmiraaldiin badhaatuudha. Kopperiin garuu hunda caalaa lafee dugdaa dinagdee biyyattii ta'uun, GDP biyyattii keessatti %18 kan gumaachu yoo ta'u, galii sharafa alaa biyyattiin argattu keessaa ammo $70 qabata akka ragaa mootummaarraa argame agarsiisutti.
Angoolaa
Angoolaan Naajeeriyaatti aanee zayita boba'aa omishuun Afrikaarratti lammaffaa yoo taatu, akka ragaa Baankii Misooma Afrikaatti galii biyyattii waliigalaa keessaa harka caalu qabata.
Angoolaan omishawwan albuudaa qabdu keessaa diyaamandiin adda dureedha. Biyyattiin omisha diyaamandiitiin ardittii keessatti warra adda duree keessaa tokko yoo taatu, omshni ishee waggaatti tilmaamaan karaatii miliyoona 9 ta'a jedhamee yaadama
Angoolaatiif omisha albuudotaa keessaa diyaamandiin tilmaamaan waggaatti galii dolaara biliyoona 7 maddisiisaaf jedhama. Qabeenya albuudaa kanaan alattis, biyyoon Angoolaa albuudota biro kanneen akka ayiranii, fosfarasii, kopperii, warqii, baawuksaayit, yuraaniyeem, mangaaneez, kkf qaba jedhamee amanama.
Rippabilika Giinii
Rippabliki Giinii Awustiraaliyaatti aansitee qabeenya baawuksaayitiin addunyaarratti sadarkaa lamaffaarratti argamti. Rippabliki Giinii addunyaa irratti kuusaa (%25) albuuda omisha alumiiniyeemiif gargaaru kana qabdi.
Akka Ministeera Albuudaa fi Ji'ooloojii Giiniitti, kuusaan albuuda kanaa biyyattiin qabdu toonii biliyoona 40 ol ta'a. Kun ammo toonii biliyoona 25 naannoo Bookee keessatti argamu kan dabalatudha.
Kana malees, biyyattiin kuusaa lafa ayirenii (toonii biliyoona 4), kuusaa diyaamandii karaatii miliyoona 30 hanga 40 mirkanaa'eeru, akkasumas warqii toonii 700 qabdi.
Akka raga Minnisteera Dinagdee, Faayinaansiifi Industirii Faransaay irraa argameetti, sektarri albuudaa mangaaneez, kobaalt, nikel fi yuraaniyeemii biyyattii sadarkaa lamaffaa qabachuun GDP waliigalaa %18 qabata.
Gaanaa
Duraan maqaa Goold Kost jedhamuun kan beekamtu Gaanaan, Afrikaa keessatti omisha warqiitiin (toonii 136)n Afrikaa keessatti adda duree yoo taatu, addunyaarratti omisha warqii Kanaan sadarkaa 10ffaa irratti argamti.
Warqiin biyyattii keessatti gara caalu gama Lixaa fi naannoo Ashaantii jedhamu (gama Kibbaa) beekama. Naannoowwan kunneen omisha warqee biyyattii %97 qabateera.
Akka ragaan mootummaa Gaanaarraa argame mul'isutti, madda galii sharafa alaa biyyattiin argattu keessaa %39 kan gumaachu sektara omisha albuudaati.
Omishini warqii bara 2024 keessa (toonii 136) galii sharafa alaa seeraan galmaa'een dolaara biliyoona 5 maddisiiseera.
Kana malees, Gaanaan, albuudota kanneen akka mangaaneez, baawuksaayit, diyaamand, litiyeem fi kanneen biroo barbaachisoo ta'an ni qabdu.












