Dhagaan Maarsii Niijar keessatti argame guddichi caalbaasiin doolaara miil. 4.3tti gurgurame

Dhagaa maarsii haalluu daalacha qabu kaa'amee

Madda suuraa, Getty Images

Cabaan dhagaan Maarsii ''haala hin amannee'' fi kan hanga ammaatti lafa irratti argame keessaa isa guddaa kan ta'e, caalbaasii Kibxata darbe Niiw Yoorkitti gaggeeffameen doolaara miiliyoona 4.3 (£3.2m)tti gurgurame.

Dhagaan (Meetiyooraayitiin) 'NWA 16788' jedhamuun beekamu kunis kan ulfaatina kiilogiraama 24.5 qabu yoo ta'u, dheerinni isaa gara seentii meetira 38.1akka ta'e 'Sotheby' ibseera.

Dhagaan addaa kunis Sadaasa bara 2023 keessa naannoo baadiyaa fagoo biyya Afriikaa Niijar keessatti kan argame yoo ta'u, innis dhagaa Maarsii guddaa ittaanee argame irraa %70n guddaa ta'uu manni caalbaasiichaa beeksiseera.

Meetiyooraayitoonni haftee dhagaa erga asteroyidii ykn koomeetiin qilleensa lafaa keessa darbee booda umamuudha.

Dhaabbanni caalbaasicha gaggeessee 'Sotheby', meeteeyoritiin, dhagaa diimaa gara magaalaatti dhaquu kanaan, ''haala hin amanamnetti baay'ee kan hin argamnedha'' jechuun ibseera. Meetiyooraayitoonni Maarsii gara 400 qofatu lafa irratti argame.

"Kunis pilaaneetii lafaa irratti cabaa Maarsii isa guddaadha. Carraan waan akkasii kun Maarsii irraa gara lafaa ga'uu isaa akka qorannoo hawaatti baayyee xiqqaadha," jechuun ittaanaan dura taa'aa saayinsii fi seenaa uumamaa 'Sotheby's' Kaasaandraa Haatoon, viidiyoo toora interneetii irratti maxxanfameen dubbataniiru.

"Tilmaamaan harki 70 fuulli dachee bishaaniin akka haguugame yaadadhaa. Kanaafuu, wanti kun walakkaa galaanaa bakka itti arguu hin dandeenyee osoo hin taane, lafa godaa ta'e irra qubachuunsaa carraa ajaa'ibaa qabna."

Odeeffannoon waa'ee gurgurtaa kanaa icciitiidhaan kan qabamu yoo ta'u, meetirooraayitiin kun eessa akka gahu ammallee ifa miti.

Gibirrii fi kaffaltiin dabalataa gatii waliigalaa dhagaa kanaa gara doolaara miiliyoona 5.3tti ol guddiseera jedha dhaabbanni caalbaasiicha gaggeesse.

Caalbaasii Roobii kaleessaa gaggeeffame kana irratti meeshaaleen 100 ol ta'an kan agarsiisan yoo ta'u, lafeen 'Ceratosaurus' kan bara dhuma 'Jurassic' irratti turees doolaara miliyoona 26n gurgurame, mataan Pachycephalosaurus ammoo doolaara miliyoona 1.4n gurgurameer jedhameera.