Wanti labooba ibiddaa fakkaatuufi samii kibba Itoophiyaafi kaaba keeniyaatti mul'ate maali?

Madda suuraa, SM
Kamisa Amajjii 9, 2025 galgala naannoo sa'aatii tokkoon booda samii kibbba Itoophiyaa fi kaaba Keeniyaa irratti laboobni ibidda fakkaatu samii keessa yeroo adeemu waan hawaasni hedduun arguun miidiyaalee hawaasummaa irrattis haalan qoodamaa ture.
Namoonni tarii ibiddatu samiirraa bu'uuf deema sodaa jedhuun taateen kun yaaddoo keessa kan buuse akka turan BBCn oddeffateera.
Ofii ogeessi taatee kana akkamiin ibsu?
Dr. Gammachuu Faantaa Inistituutii Saayinsii Hawaa fi ji'oospaashaalii Itoophiyaatti qorataa Olaanaa Saayinsii Atomoosferiiti.
Taateen mul'ate kun akka saayinsii Hawaa amma jiruutiin haala lamaan kan ibsamudha jedhan.
"Inni tokko wantoota namtochee samirra jiran yeroo yerootti caccabanii gara dacheetti bu'uu danda'u. Yeroo qilleensa naannoo keessa seenan saffisa cimaadhaan waan seenaniif rigata uumamuun gubachaa ibidda uumuu danda'u," jechuun ibsan.
Itti dabalunis, "Wantoonni namtolcheen samiirraa bu'an kunneen saatalaayitoota yeroosaanii xumuran, haftee rookeetotaa ta'uu malu. Buufataalee hawaa biyyoonni adda addaa erganis kan yeroosaanii fixan ta'u malu," jedhan.
Taateen inni lammaffaan haala amma kibba Itoophiyaa samii keessatti mul'ate kana uumuu danda'an ammoo wantoota yeroo hawaan kun uumamu pilaaneetii ta'uurraa hafanii dhagaa fi sibiilota adda addaa ta'an ta'uu malu jedhan.
Kanaaf fakkeenya kan ta'u ammoo, sirna soolaarii keessatti 'Asteroid Belt' kan jedhamuu fi dhagaa hedduu maarsii fi Juppitarii gidduu kan naanna'anidha.
Dhagaaleen kunneen yeroo tokko tokko orbiitii isaaniirraa bahuun gara dacheetti kufuu akka danda'anis himu.
"Dhagaaleen kun yeroo gara lafaatti dhufan qilleensa naannoo waliin yeroo wal argan abidda uumu. Isaan keessaa warri karumatti gubatanii dhuman Mitoraayit kan jedhaman. Warri qabiyyeen isaanii sibiila ta'ee fi guddina qaban qilleensa dandamatanii lafa gahan ammoo Asterooyid kan jedhamaniidha" jechuun ibsan oggeessi kun.
Qilleensumarra deeme malee wanti lafa gahe hin jiru
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taateen gaafa Kamisa galgala samii kibba Itoophiyaa fi Kaaba keeniyaatti mul'ate kanaan walqabatees ragaa hanga ammaatti adda baafameen waan qilleensumarra deeme malee lafa gahuu ragaan agarsiisu nu hin geenye jedhan Dr Gammachuun.
"Odeeffannoo hanga ammaa qabnuun wanti lafa gahe hin jiru. Tarii hawaasni wanti samiirra deemaa ture kun bakka lafa gahee argan yoo jiraate ammoo nuun gahuu danda'u," jedhan.
Asterooyidoonni ulfaatina gurguddaa qabanii fi Maarsii fi Jiputarii gidduu marsan gara lafaa yoo bu'an balaan geessisuu danda'an olaanaa waan ta'eef haalli irra jiran yeroo yeroodhaan akka hordofamu himu ogeessi kun.
"Asterooyidoonni gurguddoonii fi diyaameetiriin isaanii meetira 100 caalan sirritti hordofamu. Isaan xixiqqaan garuu yeroo yeroodhaan lafas ta'e pilaanetoota biraarra bu'aa oolu," jedhan.
Qabiyyeen lafaa dachee ta'ee fi namni irra jiraatu qabiyyee waliigalaa lafti qabdurraa harka xiqqaa waan ta'eef asterooyidoonni yeroo hedduu kan bu'an ta'us miidhaan geessisan gadi aanaa akka ta'es himan.
"Kaan Bishaan keessa bu'u, kaan bakka namni hin jiraanne Bosona keessafaa bu'uu danda'u. Akka ragaan agarsiisutti, waggaa tokko keessatti asterooyidoonni 6,100 ta'u gara lafaatti bu'u. Kana jechuun giddugaleessan guyyaatti 17 lafa bu'a jechuudha," jechuun haala baramaa ta'u ibsu.
"Yeroo baayyee bakka namni hin arginetti kan bu'an. Sababnisaas qabiyyee lafaa namni irra jiraatu kan waliigalaa irraa harka afurii hanga ja'aa waan hin caalleef," jedhan.
Rifaatuu guddaa wanti uumu hin jiraatu
Taateen akkanaa erga uumama hawaa irraa eegalee dhala namaa waliin kan jiraachaa turee fi yeroo hedduu miidhaa kan geessise waan hin taaneef sodaa guddaa keessa seenuun akka hin barbaachisne dhaamu Dr Gammachuun.
"Qorannaan nibarbaachisa. Dhaabbilee hedduutu qorannoo taasisa. Waan qorannoon adda bahe uummataaf ni ibsama. Ammatti yeroo kamitti eessatti bu'u kan jedhu baruun hin danda'amu. Gara fuulduraatti baruun ni danda'ama," jedhan.
Qorannoo hanga ammaatti jiruun bara 2029tti Asterooyidii guddaan diyaameetirii isaa meetira 100 caalu qabu lafatti siqee akka darbu barameera. Dhiibbaan inni geessisuu danda'u siritti hubatamee teeknolojii fayyadamuun kallattii isaa jijjiirsisuunis ni danda'ama jedhan.
Hawaasni yeroo wantoonni akkanaa uumaman kallattii wanti kuni itti adeemu hubachuun jalaa baqachuun barbaachisaa ta'uus eeru.
"Asterooyidii isheen xiqqoodha jedhamtu yoo lafatti buute miidhaa Atoomik boombii tokkoon walmadaalu geessisuu dandeessi jedhama. Kanaafuu kallattii kamiin deema kan jedhu sirritti hubatanii jalaa baqachuun barbaachisaadha," jedhan.
Ragaa hanga ammaatti jiruun garuu Asterooyidiin bakka uummanni jiraatutti bu'eefi miidhaa geessise jedhamu galmaa'ee kan hin jirre ta'uus himan ogeessi saayinsii Hawaa kun.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook gubbaa hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












