Ronaaldoo waliin suura ka’uuf jecha deeggartoonni dirree cabsanii seenuun yaaddoo uume

Yeroo deeggaraan dirree cabsee seenuun Ronaaldoo waliin suura dhuunfaa ka'aa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Taphattoota waliin suura dhuunfaa [selfie] ka’uuf jecha deeggartoonni humnaan dirree weeraruun “yaaddoodha” jedhe leenjisaan garee biyyaalessaa kubbaa miilaa Poorchugaal Roobertoo Maartiinez.

Leenjisaan kun kana kan jedhe gareen isaa tapha Waancaa Awurooppaa 2024 (EURO 2024) Dilbata kaleessaa taphatee 3-0n Turk mo’aterratti deeggartoonni humnaan cabsanii dirree seenuun Kiristaanoo Ronaaldoo waliin suura dhuunfaa ka’uu hordofeeti.

Namoonni shan dirree seenuun dursaa taphattootaa Poorchugaal kan ta’e Kiristaanoo Ronaaldoo waliin suura ka’uuf yaalanii ture, tapha Jarmanii Istaaniyeemii Doortimanditti taphatanii 3-0n Turk mo’atanirratti.

Yeroo deeggartoonni kunneen cabsanii diree bakka Ronaaldoon jiruun fiiganii seenanitti poolisoonni ari’anii qabanii baasaa turan. Taatee kana kan ilaalaa turan deeggartoonni kaaniifi taphattoonni ammoo sodaan isaanii dabalee ture.

“Wantichi yaaddessaadha. Har’a wanta deeggartoonni yaadanii godhan gaarii ture. Nuti hundi keenya deeggartoota taphataa jabaafi fakkeenya ta’e akkasiif beekamtii kennuusaanii ni jaal’anna,” jedhe Roobertoo Maartiinez.

“Wanti isaan yaadan dogoggora taanaan yeroon rakkisaa ta’e jiraachuu hubachuu qabdu. Ta’uu hin qabu-dhimmi nageenyaa hedduutu jiru.

“Deeggartootatti himuu qabna sababiin isaa kun karaa sirrii miti. Kun gara fuula duraatti caalaa hammaachuu danda’a. Taphattoonni dirree keessatti akkas saaxilamuun gaarii miti.”

Deeggaraan jalqaba dirree cabsee seene gurbaa ol adeemaa tokko yoo ta’u, osoo Ronaaldoo waliin kokkolfaa suura dhuunfaa hin ka’iin dura isa hammatee ture.

Haata'u malee, yeroo gareen Poorchugaal rukkutaa koornarii ittisuutti jiran namni sadaffaan yeroo cabsee seenu Ronaaldoon aaree ture. Battaluma sana poolisiin fuula gooliirratti nama kana qabanii baasaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo taphni dhumee dirree keessaa bahaa jiranitti ammoo deeggaraan shanaffaan waliin suura ka'uuf yeroo dhufetti Ronaaldoon ofirraa dhiibe; miseensonni poolisii ammoo itti marsuun dirree keessaa isa baasan.

Taphataan Poorchugaal Bernaandoo Silvaa garuu deeggartoonni dirree weeraruun kun "akka dhuunfaa kootti yaaddoo qaba jedhaa hin yaadu" jedhe.

"Xiqqoo yeroo hunda tapha gidduutti seenanii akka taphni dhaabbatu isa taasisanitu nama aarsa malee [kaan rakkoo hin qabu]" jedhe Silvaan.

"Kun addunyaa kubbaa miilaa keessatti beekamaa ta'uukeetiifi taphataa akka Ronaaldoo garee keenya keessaa qabaachuutiin gatii ati baastudha jedheen yaada.

Gama balaa qabaachuu danda'a jedhuun garuu, kun ni mudata jedhee hin yaadu ani akka dhuunfaa kiyyatti."

Gabaasaan kubbaa miilaa BBC Raadiyoo 5 buleessa ta'e Iyaan Deniis bakka yaada itti kenan irratti, "nageenya ilaalchisee gaaffiin gaafatamuu qaba," jedha.

"Bakka kanatti nageenyi ni hanqata. Istaadiyeemiin kun tapha xumura wlakkaa keessummeessuuf ta'a -nageenya sirriitti cimsanii eeguu qabu," jedha itti dabaluun.

Dhimma kanarratti qaamni UEFA naamuusa to'atu tarkii gara fuula duraatti fudhatu osoo hin murteessiin dura gabaasa aanga'ootarraa eega.

Biyyi Kiristaanoo Ronaaldoo, Poorchugaal, Turk mo'achuu hordofee ERUO 2024 kanaan ramaddiishee dursuudhaan biyyoota dhumaa 16 calalaman keessa galuu mirkaneeffatteetti.

Goolii taphataan Maanchester Siitii, Silvaan daqiiqaa 21 irratti galcheen dursuu kan jalqabu Poorchugaal, daqiiqaa 28 irratti ammoo goolii taphataan sarara ittisaa Turk, Saamet Akaaydiin osoo bakka karraa eegaan jiru hin ilaaliin itti erge irratti lakkaawamte Poorchugaaliif lamaffaa taate.

Taateen kun deeggartoota Turk kuma hedduun istaadiyeemii dhiphisanii turnitti bishaan naqxe.

Their team sealed the win when Cristiano Ronaldo unselfishly teed up Bruno Fernandes for a tap-in to make it 3-0 before an hour was played.

Kiristaanoo Ronaaldoon kubbaa argate galchee ofiif lakkofosisuu osoo danda'uu, Biruunoo Ferenaandeeziif kennuun inni lakkoofsise 3-0n akka goolaban gargaareera.