'Mesii warra Turkii': Ardaa Gular Waancaa Awurooppaarratti riikardii Ronaaldoo qooddate

Madda suuraa, UEFA EURO 2024
''Mesii warra Tukii'' jedhuun. Umriinsaa reefu 19. Kibxata galgala tapha waancaa Awurooppaa Turki Joorjiyaa morkattee 3-1 injifatte irratti goolii galchuun ola adeemaa ganna 20 gadii goolii galche ta'eera.
Seenaa kana amma dura taphattoota lamatu raawwachuu danda'e. Ferensi Beenee bara 1964tti biyyasaa Hanagariif goolii galcheen oladeemaa jalqabaa ta'e. Waggoota 40 booda ammo, ergasii mootii kubbaa miilaa ta'uu kan mirkaneesse Kirisitiyaanoo Ronaaldoo waltajjii kanatti mul'ate.
Amma Ardaa Gular seenaa namoota lamaan kanaa qooddateera. Gular taphataa umrii 20 gadii Waancaa Awurooppaarratti goolii galche isa sadaffaa qofa osoo hin taane taphataa umrii xiqqaa hirmannaa isaa jalqabaanis goolii galche ta'eera.
Guleer Bitootessa darbe Fiinerbaacheerraa kilaba guddicha Awurooppaa, Riyaal Maadriiditti makame.
Gara jalqabaa gahumsi isaa gaarii ta'uu baatus booda keessa gooliiwwan shan galchee baricha injifataa laaligaa fi Shaampiyoonsi Liigii ta'uun xumure. Kanaanis taphataa jalqabaa Tarkii Shaanpiyoonsi Liigii injifate ta'eera.
Ittisni duraanii Weels Ashlii Wiiliyaams ''goolii ajaa'ibaati. Dorgommiin kun carraa guddaa irratti of beeksisu akka ta'e dubbachaa ture. Gurbaan kun sana gochuu akka danda'u agarsiise. Isarraa waa eegaa ture, ajaa'iba.''
Ittisni duraanii Ingilaand Isteefen Waarnook ammoo ''dirree keessatti Ardaa Guular sochii taasisuufi kubbaa dabarsu akka gaariitti daawwanne'' jedhe.
Goolii ajaa'ibaa galche kan jedhe Warnook ''wanta argine wanta gochuu danda'u irraa xiqqoosheeti'' jedhe.
Waancaa Awurooppaa kana irratti dargaggeeyyiin yeroo jalqabaaf dorgommicharratti hirmaatan tapha ramaddii isa jalqabaa Kibxata dhumerratti gahumsa addaa akka qaban agarsiisaniiru.
Jamaal Musiyaalaa, Lamiin Yamaal, Filooriyaan Wiirtiz, Juud Beelingihaam fi Konseesoo kanneen waltajjii kanarrattii maqaa of dhoofsisaa jiran keessaa adda dureedha.















