Kiiliyaan Imbaappee funyaansaa erga miidhamee 'fayyaa hin qabu'

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Faransaay Didiyeer Deeshaampis dursaan taphattootaa Kiiliyaan Imbaappee miidhama ''funyaansaa cabsuu danda'u'' booda ''fayyaa hin qabu'' jedhan.
Faransaay goolii taphataan Oostiriyaa ofitti galcheen goolii 1- 0n injifatte.
Pireezidantiin Federeeshinii Kubbaa miilaa Faransaay Fiiliip Diyaaloo yaada rippoortarootaaf kennaniin Imbaappeen ammatti ''waldhaansa baqaqsanii yaaluu hin fedhu'' jedhan. Hammi miidhama isaatiis ammatti adda hin baane jedhan.
Tapha kanarratti Imbaappeen kubbaa addaan rukutuuf yeroo jedhu fuullisaa gateetti taphataa warra Oostiriyaatti bu'e.
Taphataan ganna 25 kun dhiigni hedduun fuulasaarraa osoo yaa'uu mul'ateera, dirree keessatti waldhaansa erga argatee booda dirreedhaa bahe. Gareen Faransaay isa jijjiruuf osoo jedhuu dirreetti deebi'ee taa'e. Sababa kanaatti kaardii keelloo argate.
Boodas Oliiviyee Jiiruun bakka buufameera.
''Fayyaa hin qabu'' jedhan leenjisaa Deeshaampis tapha booda yaada miidiyaaleef kenneen.
Dabaluunis ''baayyee miidhame. Sirriitti ilaaluun nurra jiraatus walxaxaa fakkaata. Akkas taanaan nuuf carraa badaadha'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Gareen meedikaalaa isa qorachaa jiru. Iddoo masaajiin kennamurraa salphaatti ka'aa hin jiru. Ammayyuu ilaalamuu qabA, ammatti waayee haalasaa deebii ifa ta'e kennuu hin danda'u.''
Deeshaampis Faransaay tapha itti aanu Jimaata Beljiyeem waliin yoo taphattuu taphataan isaanii collee kun ni hirmaataafi hin hirmaatuurratti dubbbateera.
''Tilmaamuuf hin deemu, garuummoo gareen Faransaay Imbaappee waliin yeroomara jabaadha. Yoo oduun nu qaqqabu gaarii ta'uu baate garuu isa malee falmachuuf deemna'' jedhe.
Federeeshiniin Kubba Miilaa Faransaay, Imbaappeen gara kaampii taphattootaatti deebi'uu ibse. Ammatti tajaajila baqaqsanii yaaluu hin taasifamuuf kan jedhe federeeshinichi, maaskiin qophaa'eefii taphota kaan irratti akka hirmaatuuf hojjetamaa jira jedhe.
Imbaappeen Waancaa Awurooppaa kana irratti galchii lakkoofsisuun qormaata itti tahaas jira.
Imbaappeen Faransaay bakka bu'ee taphoota 80 irratti hirmaatee goolii 47 lakkoofsiseera. Isa abdataniis Waancaa kana yeroo sadaffaaf injifachuuf yaadu.















