Kana isin haa oolchu! Maal yoo ta’e namni hiriyaa isaa ajjeesee dhoksa?

Gara jabina nama tokko tokkoo jechi ibsuu hin danda’u. Dubartiin kun Micheel jedhamti. Hiriyaa ishee gara jabinaan erga ajjeeftee booda, reeffa ishee kukkuttee korojoo guddaa keessa gootee torbee lama booda ammoo baastee bosona keessatti gatte.

“Mitcheel gara jabinaan ajjeefte. Kaayyon ishee qarshiidha. Kuni baay’ee nama rifachiisa,” jedha poolisiin Landan Inspeektar Jim Iistwuud.

Hiriyummaan isaanii waldaa Kiristaanaa keessatti ture kan eegale. Dubartiin hiriyaa ishee gara jabinaan ajjeeste kun hidhaan umurii guutuu itti murtaa’era.

Taaten hamaan kun kan barame ammoo erga namoonni qaama namaa mataan irra hin jirre bosona keessatti gatame arganiin booda ture.

Dubartiin dhalattuu Maleeshiyaa Mee Kuwen Chong jedhamtuu fi kan umuriin ganna 67 turte tokko osoo reeffi ishee hin argamin dura guyyaa 16’f achi buuten ishee dhabamee ture.

Dubartiin lammii Maaleeshiyaa tun maqaa Dibooraa jedhamuunis ni beekamti turte.

Guyyoota 16 booda reeffi ishee addaan ciccite bosona Kaaba Lixa magaala Landanitti argamu tokko keessaa namootaan kan argame. Mataan ishee ammoo isaan booda guyyaa lama booda naannodhuma sanaa argame.

Waggaa tokko booda himannaa ajjeechaa irratti banameen eenyummaan dubartittii barame.

Diyaanaa Hiir KC abbaa alangaaf himata dhiyeessite: “Jeemaa Mitcheel dubartii haleeludhaan ajjeefte, sana booda reeffa ishee korojoo guddaadhaan feetee gatte.”

Dhaddacha torbee lamaaf tureen, Mitcheel karaa foddaa himata irratti baname dhaggeeffatti, maatin Choong ammoo dhaddacha kana karaa viidiyoo Maleeshiyaa taa’anii hordofaa turan.

Diyaanaa Hiir akka jettutti, kaayyon dubartin kun hiriyaa ishee ajjeefte tanaas qarshii argachuf jecha. Haati ishee Ministeera Dhimma Alaa keessa hojjataa turte. Awustiraaliyaatti dhalattee, achiis qabeenya qabdi.

Lamaan isaanituu kiristaana cimaadha jedhanii of waamu turan. Bara 2020 keessa waldaatti wal baran. Mitchel karaa ittiin wal jaalatan marsariitii onlaayinii Christian Connection baay’inaan fayyadamti.

Mee Kuwen Choong ammoo yeroo heddu ergaawwan Macaafa Qulqulluu baay’inaan qooddi.

Lamaan isaanii maaltu akka walitti fide beekamuu baatus, Choong yookin Dibooraan rakkoo fayyaa sammuu waan qabduuf Mitcheel ammoo dhuftee fayyina hafuuraa fi waldhaansa fa’aa gochaafii turte jedhame.

Choong gara laafinaan beekamti, namoota karaa irra jiraatan waamtee mana isheetti affeerti.

Haa ta’u garuu hiriyaan isheen amantee fi kiristaana jettee yaadden ajjeefamtee dhokfamte.

Mitchel hiriyaa ishee Choong erga ajjeeftee torbee lama booda bilbila ishee fayyadamuun konkolaataa kireeffattee reeffa Choong korojoo guddaa keessa gootee fuutee deemun bosona keessatti gatte.

Mitcheel ajjeechaa kana erga raawwaatteen booda Waxabajjii 6, 2021 erga qabamtee booda waa’ee ajjeechaa raawwatte kanaa homaa dubbachuu hin feene.

Inumaayyuu yakkamaa miti jettee haaltus yakka ajjeechatiin itti murtaa’era.