Mariin Hidha Abbayyaa Finfinneetti gaggeeffamaa ture hin milkaa'iin hafe, Itoophiyaafi Masiriin wal-komatan

Mariin dhimma Hidha Guddicha Laga Abbaayaa ilaalchisee marsaa arfaffaaf magaala Finfinneetti gaggeeffamaa ture bu'aa osoo hin argamsiisin hafe.

Marichi Itoophiyaa, Sudaanifi Masirii gidduutti Mudee 17- 19 guyyoota sadiif gaggeeffamaa kan ture yoo ta'u, biyyoonni sadanuu osoo walii hin galin gargar galanii jiru.

Itoophiyaafi Masiriin ibsa guyyaa kaleessaa, Mudde 19, baasaniin milkaa'uu dhabuu marii kanaaf quba walitti qabaniiru.

Itoophiyaan furmaata seeraafi teekinikaa fedhii biyyoota sadanuu egsisu fudhachuu dhabuusheerraa kan ka'e marichi milkii malee goolabame jechuun miidiyaan Masirii Ahram Online ibsa Ministreera Jallisiifi Bishaanii waabeffachuun gabaase.

Itoophiyaan gamasheen ibsa Masirii kana balaaleffachuun, inumaayyuu marichi akka hin milkoofne kan godhe Masiriin ilaalchuma bara gita bittaa qabattee dhiyaachuusheeti jette.

Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baasen, "Itophiyaan biyyoota yaa'a gadii [Sudaanifi Masirii] waliin yeroo marii marsaa arfanuu dhimmoota garaa garummaa ijoo ta'an irratti mariyachuun furmaata waaraa fiduuf dhimmiteefi fedhii guutun mariyataa turte.

"Faallaa kanaa Masiriin ilaalcha bara gita bittaa qabattee dhiyaachuun daandii furmaatarra gufuu keesse," jedhe.

Ministeerri Jallisiifi Bishaanii Masirii ammoo Itoophiyaan maqaa marii jedhuun daheeffattee walii galtee dhumaarra akka hin gahamneef dubbii lafarra akka harkiftu gooti jedha ibsa isaa keessatti eere.

"Itoophiyaan lafarra waan biraa hojjachaa, garuummoo isa jabeeffachuuf jecha marii akka golgaatti itti gargaaramuu filatte," jechuun Itoophiyaa komate.

Hidha Guddicha Laga Abbayaarratti Itoophiyaan ijaaraa jirtu ilaalchisee mariin addaan citee ture ji'a Adoolessaa keessa MM Abiyyiifi pirezidaantin Masirii Abdul Fattaa al-Siisin marichi irra deebiin eegalee furmanni akka argamuuf walii galuusaanii hordofeeti kan eegale.

Ergasii mariin marsaa afuriin kan gaggeeffame ta'us hanga ammaa biyyoonni kun yaada furmaataa irra gahan hin qaban.

Qajeelfamaafi dambii akkaataa bishaan itti guutamuufi oppireeshiniisaarratti mariin gaggeeffamu biyyoota sadan gidduutti wal-amanteen akka cimu gochuuf malee mirga Itoophiyaan qabeenyasheetti fayyadamuuf qabdu kan sarbu ta'uu akka hin qabne Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa beeksise.

"Itoopiyaan qajeeltoo itti fayyadama haqa qabeessafi amansiisaa ta'e bu'uura godhachuun fedhii dhaloota ammaafi gara fuulduraa guutuuf qabeenya bishaaniishee itti fayyadamuu akka itti fuftu jala murtee ibsuu barbaaddi," jedha ibsi gama Itoopiiyaan bahe.

Masiriin ammoo Itoophiyaan beekaa dubbii akka lafarra harkistu himuun, fedhii biyyaalessaashee kabachiisuuf guutinsa Hidha Abbayaarraa ijashee akka hin buqqifanneefi hordoffii cimaa akka taasistu dubbatte.

Mariin marsaa arfaffaa walii galtee malee xumuramuu hordofee ibsi Masiriin baaste maqa balleessifi seera Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii akkasumas kan Gamtaa Afrikaallee kan cabseedha jechuun gara fuulduraatti mariin akka itti fufuu fedhiifi hawwii akka qabdu Itoophiyaan beeksifte.