Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Marii hidha haaromsaa irratti fooyya'iinsi argame hinjiru' - Masrii
Mariin hidha haaromsaa marsaa lammaffaan magaalaa Finfinneetti taa'amaa ture waliigaltee malee Dilbata xumurameera.
Garee Itoophiyaa dhimma marii kanarra hirmaatu kan hoogganan Ambaasaaddar Silashii Baqqalaa garaagarummaa keenya dhiphisuuf kan gargaaran dhimmoota jajjaboo irratti mari'anneerra jechuun ibsan.
Miirri wal hubannaa jiraachuu kan ibsan Ambaasaaddar Silashiin, Itoophiyaan waliigaltee irra gahuuf maricha itti fufuuf kutannoo qabdi jedhan.
Gama biraan, miidiyaan Masrii ibsa Ministeerri Jallisii biyyichaa baase eeruun akka gabaasetti marii Finfinneetti taa'ame irratti ''fooyya’insi haaraan argame hin jiru,'' jedhe.
Biyyootni sadeen Itoophiyaa, Sudaanii fi Masiriin Sambataa fi Dilbata darbe magaalaa Finfinneetti dhimma qajeeltoo itti fayyadama hidhichaa fi oppireeshinii isaa irratti mari’ataniiru.
Mariin kun erga Itoophiyaan hidha guddicha Abbayyaa dolaara biiliyoona shanii oliin ijaaraa jirtu yeroo arfaffaafi isa dhumaaf jedhameen bishaaniin guutuu ibsitee torban lama booda gaggeeffame.
Mariin biyyootni sadeen taasisaa turan erga waggaa lamaa oliif adda citee, Hagayya 27-28 bara 2023 magaalaa Kaayirootti deebi’ee jalqabe.
MM Itoophiyaa Abiy Ahimad pirezidantii Masirii Abdul Fattaa al-Siisii waliin yeroo wal argan dhimma guutinsa bishaanii fi oppireeshinii isaarratti yeroo gabaabaatti waliigalteerra akka gahamu ibsanii ture.
Mariin yeroo garaagaraatti biyyoonni kunneen taasisaa turan furmaata fiduu hin dandeenye.
Marii tibbanaan Itoophiyaan ''...waan kana dura waliigalleerratti mallattoo gaabbii agarsiifteetti,’’ jechuun Ahram Online Dubbii Himaa Ministeera Jallisii biyyattii Mohaammad Giraam eeruun gabaase.
Itti dabaluun, Itoophiyaan wixineewwan akka ejjennoo ishee jijjiirtuuf gaafatanii fi dhimmoota teknikaa irratti waliigalamee turee dhiyaateef fudhachuu didde jechuun himate.
Dhimma kana irratti gama Itoophiyaa wanti jedhame jiraatus baatu kana duras wal himannaan tutture.
Kaayyoon Masirii hidhi guddaan kun waggoota meeqa keessatti bishaaniin guutamuu qaba kan jedhuu fi oppireeshinii isaa irratti waliiigaltee seeraa dhaabbataa irra gahuudha.
Masiriin guutinsa bishaanii hidhichaa ilaalchisee yeroo kana dura biyyootni yaa’ichaa irratti waliigalan keessatti raawwachuuf Itoophiyaan fedha agarsiisuu qabdi jetti.
Itoophiyaan ammoo akkaataa faayidaa biyyoota yaa'a gadii hin tuqneen hidhicha bishaaniin guutee misoomaaf oolfachuun qaba jetti.
Hidha guddicha Abbayyaa gaafa ijaaramee xumurame bishaan kuubik meetirii biiliyoona 74 qabachuu danda’a.
Hidhichi marsaa arfaffaaf guutamuu kan ibsite Itoophiyaan amma bishaan Kuubik Meetirii biiliyoona 42 kuufachuu ibsite.
Itoophiyaan ijaarsa hidhichaa waggaa kudha lama dura kan jalqabde yoo tahu biyyootni sadeen jaarsummaa Gamtaa Afrikaa fi Ameerikaa jalatti mari'ataa turanis waliigaltee tokko irra hin geenye.
Dhibbantaan 80 bishaan laga Naayil laga Abbayyaa kan Itoophiyaa keessaa madda.
Itoophiyaan qabeenya uumamaan goonfatte kanatti mirga fayyadamuu guutuu akka qabduufi hidhichi faayidaa biyyoota yaa'a gadii akka hin miine ibsiti.
Masriin garuu hanqina bishaanii natti fiduu mala jechuun yaaddoo ibsiti.
Waliigalteerra gahamuus baatu Itoophiyaan hidha kana bishaan guuttee waggaa dura eegaleemmoo humna anniisaa maddisiisuu eegalteetti.
Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa yoo xumuramu humna ibsaa meeggaa waattii 6,000 ol maddisiisa jedhamee eegama. Kunis, Afrikaarraa guddicha isa taasisa.