Duula 'seera kabachiisuu' naannoo Amaaraan namoonni kuma 12 ol to'atamaniiru jedhame

Hidhattoota naannoo Amaaraa

Madda suuraa, EDUARDO SOTERAS

Mootummaan naannoo Amaaraa ''tarkaanfii seera kabachiisuu'' fudhadhe jedhuun hidhattoota maqaa Faannootiin gurmaa’an yakka raawwatu jedhe shakke 12,400 ol to’achuu Komishinii Poolisii naannichaa wabeeffachuun miidiyaan naannichaa gabaase.

Shakkamtoota kana to’achuun kan barbaachiseef nageenyaa fi tasgabbii naannichaa karaa ittifufinsaan kabachiisuuf yaadamee ta’uu qondaaltoonni naannichaa Amaaraa Miidiyaa Korporeeshiniitti himan.

Hogganaa Biiroo Nageenyaa Naannoo Amaaraa Obbo Dassalanyi Xaasaw ''waraannii rakkoo namoomaa fi mancaatii qabeenyaa qaqqabsiise caala seera maleessummaa naannichatti uumame balleessuuf hojiin seera kabachisuu eegalame,'' jechuun Waaajjira Kominikeeshinii naannichatti himan.

Finciltoonni TPLF naannicha keessaa erga bahanii booda seera maleessuummaan naannicha keessatti hammaachuu fi balaa guddaa geessisuu eeran.

Seera dhabdummaa naannichatti hammaate ittisuufi balleessuuf tarkaanfii seera kabachiisuu eegalame jedhan Obbo Dassaalanyi.

Jiraatoonni naannicha BBC'n dubbise mootummaan ''Faannoo ariyachaa jira'' jedhanii komatanis turaniiru.

Shakkamtoonni Faannoo ofiin jedhan kunneen seeran ala gurmaa’uun yakkoota ajjeechaa, saamicha, gudeeddii fi naannicha jeequurratti hirmaachuun shakkaman to’atamuu isaanii Komishiinarri Poolisii Naannoo Amaaraa Takollaa Ayifokkiruu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koree Dhaabbii Dhimma Seeraa, Haqaa, fi Diimokiraasiitti himan jedhe.

Ministirri Muummee Abiyi Ahimad yaaduma kanan walfakkaatu tibba darbe paarlaamaa dubbatanii turan.

Faannoon eenyu?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Shakkamtoota to’ataman jedhaman keessaa 3,746 kanneen ta’an miseensota raayyaa ittisa biyyaa, poolisii humna addaa naannichaafi poolisota idilee keessa walitti bahanii jedhe.

Shakkamtoonni hafan 8,700 ol kanneen ta’an immoo caasaa nageenyaatiin ala kan ta’anifi yakkoota garaa garaa keessatti kan hirmaachuun kanneen shakkamanii jedhan Komishiinarichi.

Shakkamtoota kana keessaa 3700 kan caalan mirga wabii bahuufi qulqulleeffame gadhiifamaniiru jedhan.

Komishiinar Takollaan akka jedhanitti tarkaanfii fudhatamee Kanaan naannichatti dhukaasni seeran alaa fi yakkoonni raawwatamu hir’achuun, nagenyi fooyyeen argameera jedhan.

Kana malees, sakatta’iinsa keellaarratti taasifameen ,maallaqa birria miliyoona 37 ta’uu to’atame jechuun gabaase miidiyaan naannichaa.

Hidhattooti maqaa 'Faannoon' waamamaniifi uummata Amaaraaf dhaabbachuu himan eega yeroo dhihooti ajjeechaafi badii Oromiyaa, Benishaangul Gumuziifi Naannoo Amaaraatti raawwatuuf himatamaa jiru.

Naannoon Amaaraa garee dargaggoota meeshaa waraanaa hidhataniifi 'ummanni Amaaraa hubameera' jedhanii ka'aniirratti ifatti komii yeroo dhiheessu hin dhagahamu.

Namoonni siyaasaa fi rogeeyyiin naannichaa, akkasumas namoonni dhageettii qaban Faannoon 'gaachana uummata Amaaraa' ta'uu ibsu.

Faallaan jiraattonnii Naannoo Oromiyaa keessumaa badii waggaa baranaa kana bal'inaan mudataa jiruuf isaan himatu. Aangawoonni Oromiyaas garee 'finxaaleyyii' jedhanii waaman kana yakku.

Naannoo Oromiyaa keessatti hidhattoota WBO ['ABO-Shanee] fi Gumuzitti aansee hidhattooti Faannoo garee sadaffaa mootummaan alatti himannaan irratti dhihaatudha.

Gareen dhalattoota Amaaraarratti haleellaan raawwate jedhamaa ture booda maalummaa garee kanaa BBC'n gaggeessitoota garichaa, seenaa dudduubee jiru, komii irratti ka'uf deebii qaban akkasumas caasaa garee hidhate kanaa iyyaafachaa ture.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad gara aangoo osoo hin dhufin dura maqaan Faannoo kan dhahamaa ture qabsoo mormii ummataarratti ture.

Mormii bara ADWUI Naannoo Oromiyaafi kaanitti ture hordofee Faannoon Naannoo Amaaraa keessumaa bakkeewwan naannawa Gondaritti caasaa dhokatee sosso'u akka ta'e himama.

Eegasii keessumaa booda kana haleellaa bakkeewwan biyyattii garagaraatti raawwatu hordofee garee 'caasaa al-idilee hidhattootaa' ta'e mul'ateera.

Lola Kaaba Itoophiyaan keessumaa yeroo humnoonni Tigraay gara Naannoo Amaaraa ce'an waraana mootummaa waliin kallattiin hirmaachuu ajajoonni Faannoo ni dubbatu.

Namoonni achi dhuftee Faannoo yoo dubbatan, namni roorroon bosona galche, hacuuccaa jibbee qawwee qabate 'Faannoo' jedhama jechuun ibsu.

Akka namoota kanaatti Faannoon humna jijjiiramaa hacuuccaan dhaledha. Waggoota dheeraaf ummata Amaaraa keessa kan ture ta'uu dubbatu.

Dudduubee Faannoo

Sochiin Faannoo bakkeewwan Naannoo Amaaraa afuritti hundaa'ee jira. Kunneenis; Shawaa, Walloo, Gondariifi Goojjam keessadha. Taatullee, yeroon itti hundaa'eefi ergamni isaa gargari.

Obbo Zammana Kaasen walitti qabaa 'Humna Ummata Amaaraa Faannoo [Ye Amaaraa Hizbaawii Hayil Faannoo] ta'uu isaanii himu.

Baatiiwwan saddeet darbaniif Faannoo Goojjam jiru hundeessuufi ajajuun akka socho'an himu.

Yeroo hidhattoonni TPLF Naannoo Amaaraatti ce'un lola bananitti hiriiranii loluu himu. BBC'n maaliif maqaa 'humna ummata Amaaraa' jechuun of ijaartan jedhee gaafateera.

''Waraanni ummataa waan nutti banameef, waraana ummataa gaggeessuu qabna. Duulli ummataa nutti banameera, duula ummataan deebisuu qabna,'' jechuun deebisan.

Akka isaaniitti humni isaan ajajan Naannoo Amaaraa hundatti socho'a. Haa ta'u malee, caasaan cimaadha jedhan Goojjam keessa akka jiru dubbatu.

Caasaa biraa 'Faannoo Amaaraa Bahaa' jedhu immoo Faannoo Walloofi Shawaati walitti dhufee ijaare.

Garichaaf leenjiifi barnoota kennuu akkasumas dubbii himaa ta'un kan tajaajilan immoo Obbo Abbaba Fantaawidha.

ALI bara 2008 mormii ummataa ture hordofee Faannoon Raayyaa Ittisa Biyyaa jala dhoksaan ijaaramanii socho'aa akka turan dubbatu.

Eegasii garuu ALI Hagayya bara 2011 finciltoonni Tigraay weerara raawwatuu isaanii hordofee Dasee irratti Faannoo Dasee hundeessuu isaanii ibsu.

ALI hanga bara 2011 meeshaa hidhatanii socho'aa akka hin turre ibsu Obbo Abbaban. Leenjiinis ALI bara 2014 lola TPLF waliin walqabatee eegalee malee dura akka hin turre himu.

Humnoonni Tigraay gara Naannoo Amaaraa seenuu isaanii hordofee ''adda waraanaa hedduu Kibbaafi Kaaba Walloo'' Raayyaa Ittisaafi Humna Addaa waliin loluu dubbatu.

Obbo Zammanan gama isaaniin ALI Hagayya bara 2013 eegalee Faannoo ijaaruu kan eegalan humnoonni TPLF gara Naannoo Amaaraa ce'uu isaanii hordofee ta'uu himu.

Taatullee ''bakkeewwan biraatti humnoonni ummata Amaaraa diinummaan farrajan of ijaaruu yoo eegalan'' ummata Amaaraa baraaruuf of ijaaruufi leenji'uun akka barbaachisu himu.

Kuni, galma gabaabaa ta'uu himu. Galma dheeraa waliin walqabatemmoo waggoota kurnan darbaniif ''siyaasni Itoophiyaa jibba Amaaraarratti xiyyeeffate'' jechuun himatu.

Kunis, hedduun isaanii qe'eerraa akka buqqa'an, akka baqataniifi du'an gochuu himu.

Barri ummanni Amaaraa akkuma lammiilee Itoophiyaa biroo hundi 'walqixxummaan jiraatan dhufutti' ummata dammaqsuun, ijaaruun akka barbaachisaa eerun walitti qabamuu himu.

Ajajoonni Faannoo bakkeewwan Naannoo Amaaraa garagaraa jiran akka wal quba qaban himu. Dabalataan, gaaddisa tokko jalatti walitti qabamuuf akka yaada qaban ibsu.

''Faannoo ajaja tokko jalatti ajajamu ni hundeessina jennee yaadna,'' jedhu Obbo Zammana Kaasen. Kuni yoom akka raawwatu garuu hin ibsine.