Dubartiin bilbila ganna 17 dura kennaan argatte osoo hin saaqiin olkeessee $63,000tti gurguratte

Bilbila harkaa duraa

Madda suuraa, LCG AUCTIONS

Gosti bilbila harkaa Ayifoon jalqabaa caalbaasiidhaan doolaara kuma 63tti gurguramuuf ta’un dhagahame.

Kaaran Giriin waggoota 15 dura erga bara 2007tti bilbila harkaa Ayifoonii (Iphone) kennaadhaan argatteen booda waan namoonni baayyeen godhan hin raawwanne, saaqxe hin ilaale.

Giriin kennaa bilbila harkaa argattee osoo bantee hin ilaaliin olkeessee.

Bilbulli harkaa omisha jalqabaa Apple amma gabaadhaaf dhiyeessee keessaa tokko yoo ta’u, yeroo sanattis bilbilli harkaa kun doolaara Ameerikaa 599n bitame.

Guyyootaan dura garuu bilbillii waggoota kanneen hundaaf osoo hin saaqamiin olkaa’ame kunis doolaara Ameerikaa 63,356 (birria miiliyoona 3.3 olitti) gurgurame.

‘‘Kan jalqabaa kan ta’e, kan bara 2007tti gabaatti dhiyaatee fi akkuma warshaan saamseetti argachuun dhugaatti kun ajaa’ibsiisaadha’’ jedhannamni caalbaasiin dorgomanii kan turan Maark Monteeroo BBCtti wayita dubbataniitti.

Maallaqni caalbaasii dhaabbatichaan akka ka’umsaatti kaa’ame doolaara 2,500 yoo ta’u, bilbilli oomisha Apple jalqabaa kunis hanga doolaara 50,000 ni baasa jedhamuun tilmaamamee ture.

Haata’u malee namoonni erga yeroo 28’f caalbaasiicha irratti hirmaataniin booda, bilbilichi doolaara kuma 63 olittii gurgurame. Haata’u malee bilbilicha eenyuu akka bitatee ilaalchisuun maqaan dhahamee hin jiru.

Kaaran Giriin hojii haaraa argachu ishee sababeeffachuun ture hiriyyoonni ishee baga gammaddee ittiin jechuuf jecha bilbila abbaa Gigaa baayitii 8 kana bitanii kan akka kennaatti kennaniif.

Haata’u malee, Giriin bilbila gara biraa bitattee waan tureef bilbilicha osoo hin saaqiin akka olkeessee deebiifi gaaffii tokkoo irratti dubbattee jirti.

‘‘Ayifooniidha. Kanaafu yeroon akka irra darbuu danda’u hin yaadneen ture,’’ jechuun ture kana f-ggaaffii tokkoorratti dubbatte.

Haata’u malee bilbilicha yeroonsaa irra darbullee amma barbaadamaa ta’eera. Isheen daldala haaraa eegalte tokkoof maallaqni waan ishee barbaachiseef malee osoo olkkeessee tursiifte caalaa irraa buufachu akka dandeessuu Business Insider’tti himte jirti.

Namoonni oomishaalee Apple’f jaalala qaban maallaqa olaanaa akkasii yoo kanfalan kun kan jalqabaati.

Kanaan dura bilbilli Ayifoonii kan oomisha amma Giriin gurgurte kanaan wal fakkaatu tokko dolaara 40,035tti gurguramee ture.

Bara darbe keessa ammo kompitarri prototype Apple kan baroota 1970ma keessa hojjatame tokko dolaara kuma 677’tti gurguramee ture.