Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaaffii naannoo ta'uun walqabatee magaalota Guraagee keessatti hojii dhaabuun mormiin gaggeeffame
Godinni Guraagee Naannoo Ummattoota Kibbaa jalatti bulaa turuus gaaffii naannoo ta'uu yeroo dheeraaf kaasaa tureera.
Waggoota afur dura ammoo manni-maree godinichaa ifatti Mana-maree Federeeshiniitif gaaffii dhiyeessee ture.
Gaaffiin naannoo ta'uu kun waggoota kan lakkoofsise ta'us hanga ammaatti gaaffii isaanitiif deebii akka hin arganne jiraattonni BBC'tti himaniiru.
Gaaffidhuma naannoo ta'uu kana hordofee magaalota akka Walqixxeefi Hawaariyaatitti guyyaa Kibxataa gaafa 09, 2022 mormiin hojii dhaabuu gaggeeffameera.
Mormii hojii dhaabuu kana eenyu akka waame wanti beekamu jiraachuu baatus, gaafa 08, 2022 waraqaan- bittinfamuu hordofee magaalaan Walqixxee sochii malee oolte jedhu jiraattonni BBC'n dubbise.
Dhimma saba Guraagee ilaalchisee miidiyaa hawaasaa irratti yaada kennuun kan beekamu Obbo Tasfaa Nadaa BBC'tti akka himetti, magaalota lamaan keessatti mana daabboo fi dhaabbilee fayyaatiin alatti sochiin hundinuu cufaa ture.
Obbo Tasfaan akka jedhutti Godina Guraagee bakka tokko tokkotti mootummaan ummata mariidhaaf waamus ummanni diduudhaan mariin karoorfame osoo hin gaggeeffamin hafeera.
Mormiin hojii dhaabuu godinichatti kan gaggeeffameef ummattoota biroo waliin kilaastariin naannoo ta'uu osoo hin taane qofaatti naannoon Guraagee of danda'ee akka hundaa'u dhiibbaa gochuuf akka ta'e himan Obbo Tasfaan.
Waggaa sadii dura manni maree naannoo Guraagee gaaffii naannoo ta'uu ifatti Naannoo Ummatoota Kibbaatif dhiyeessee ture.
Amma immoo yaada saboota biroo wajjiin kilaastariidhan naannoo ta'uu bulchiinsi godinichaa akka hin fudhanne ibsuu isaa itti dabaluun dubbata.
Dhimma kana irratti aangawoonni godinaa waan jedhan hin qabani.
Shangoo Aadaa Guraagee kan hundeessitee fi itti gaafatamtuu kan taate Aadde Zayidaa Gizaawu, "Jijjiiramni osoo hin dhufin dura yeroo TPLF biyya bulchaa ture saba biraa wajjiin naannoo hin taanu jedhee jalqaba kan morme saba Guraageeti," jechuun yaada kennite.
Gaaffiin yeroo dheeraaf ture bifa haqa qabeessa ta'een deebii kennuun hafee daba siyaasaatu hojjatamaa jira kan jettu Adde Zayidaan ummanni kana booda 'obsa akka fixate' dubbatti.
Kilaastariidhaan naannoo hundeessuu mormiin maaliif mudate?
''Haala ummanni Guraagee itti gurmaa'e jiruun afaan, aadaa fi eenyummaa isaa kunuunsee eeguu hin dandeenye.
''Afaan Guraaagiffaa baduuf qarqara irra gaheera, ittiin barsiisuudhaafis hin geenye, kana hunda sirreessuudhaafi naannoodhaan gurmaa'un kan barbaachiseef," jechuun falma Obbo Tasfaan.
Itti dabaluunis, ummanni Guraagee kilaastariidhaan gurmaa'ee naannoo ta'a yoo ta'e ummatichi godinoota lamaa ol keessatti gargar qoodamee waan jiraatuf eenyummaan isaa balaa irra bu'a jedha.
Kilaastarichi 'bu'uura heera mootummaa akka hin qabaanneefi osoo ummanni hin barbaadin kan humnaan irratti fe'amaa jirudha' jechuun himti Aadde Zayidaan gama isheetin.
“Afaan Guraagee fi aadaan isaa baduufi. Hanga har'aatti afaan sabichaa guddisuu fi naannicha misoomsuu kan hin dandeenye amma immoo kilaastariidhaan gurmeessuun, afaanichi akka ol hin kaane caalmaatti taasisa," jetti.
“Qabsoodhaan wanti hin jijjiiramne hin jiru" kan jedhu Obbo Tasfaan ammas taanaan, "karaa seera qabeessaan gaaffiin mana maree godinichaa deebii akka argatu tattaaffii goonu cimsinee itti fufna" jedha.