Amisterdaamitti motorri xiyyaaraa nama ajjeese

Buufa xiyyaara Amisterdaam Iskipol jedhamutti namni motora xiyyaaraa imaltoota deddeebisu KLM keessa otoo socha’aa jiru seenee du’e.

Namtichi kun motora xiyyaaraa seenee kan du'e Roobii kaleessaa otoo xiyyaarri KL1341 Amisterdaamirraa gara Billund, Deenmaarkitti balali'uuf qopha'aa jiruuti.

Daandiin qilleensaa KLM imaltootaa fi hojjattoota isaaf ofeeggannoo barbaachisu akka godhu ibsuun, taatee kana nan qoradha jedhe.

Waraanni fi poolisiin Nezerlaands akkaataa namni kun itti du'e qorachuu eegaleera.

Waraanni biyyattii akka toora X gubbaatti ibsetti, imaltoonni fi hojjattoonni xiyyaarichaa hundi xiyyaaricharraa buufamaniiru.

Namni motora xiyyaaraa seenee du'e eenyummaan isaa ammaaf hin beekamne, ammatti namni sun of ajjeessuuf itti yaadee kana raawwachuufi dhiisuun isaa hin beekamne jechuun dubbi himaan waraana biyyatti 'Royal Netherlands Marechussee' jedhamuu Rooyitarsitti hime.

Miidiyaaleen biyyattii ammoo namni balaa kanaan du'e hojjataa daandii xiyyaarichaa ta'uu hin oolu jedhu.

Miidiyaan biyyaalessaa Daachi NOS hojjattoonni gargaarsa iddoo dhaabatetti wayita marsanii dhaabatan agarsiisa.

Akka gabaasa kanaatti xiyyaarri balaa qaqqabsise kun Awuurooppaa keessaa bakkeewwan dhiyeenya qabanitti balali'uun tajaajila kennaa ture.

Buufanni xiyyaaraa Iskipol; ''waa'een maatiin namticha du'ee fi imaltoota taate sana arganiif nu yaachisa'' jedhe.

Buufanni xiyyaaraa Iskipol iddoo sochii tiraafika xiyyaaraa itti baayyatudha. Imaltoonni miliyoona 5.5 ji'a darbe buufata xiyyaarichatti gargaaramuu marsariitiin buufata xiyyaarichaa beeksiseera.