Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gosoota xiyyaaraa bakakkaan rukutee hin kuffisneefi wantoota ja'a waa'ee xiyyaaraa
Lafa garaan keessan jiru daftanii qaqqabuuf malli geejibaa xayyaara caalu hin jiru, keesumaa lafti deemtan baargama yoo taheef.
Kana malees xayyaaraan imaluun mala geejibaa ilmaan namaa itti fayyadamaa jiran keessaa isa balaa xiqqoo qabudha.
Haatahu malee waa’ee mala geejibaa qananiifi muuxannoo baqqaana samii keessa kutuu akka qabaattan isin dandeessisuu kanaa hangam beektu?
Saqqii keessan jabeeffadhaa! Anaa dhufu! Waa’ee xiyyaaraafi balalii odeeffannoo hawwatoo qabxiilee jaha qabu isinitti himna.
1. Xiyyaara bakakkaan dhahee lafa hin kuffisu
Xiyyaarri daldalaa fi imaltootaa waggaatti al tokko ykn al lama bakakkaadhaan rukutama.
Inumaayyuu xiyyaarri samii keessa gaafa balali’u qaqawweessi akka umamu sababa taha.
Kunis dirree elektiriikii qaqawweessaa uumuuniifi akka jabaatu gochuun qilleensa keessa akka dhohu gochuuni jedha odeeffannoon Raaga Qilleensaa Biyyaalessaa Ameerikaa.
Haa tahu malee bara 1967 irraa qabee xiyyaarri imaltootaa bakakkaan rukutee lafaan dhahe hin jiru.
Sababiinisaas xiyyaarri keesumaa kan imala idileef fayyadu of eeggannoo guddaan elektiriikiin keessa galee akka bahutti waan tolfamuufi.
Qaamni xiyyaaraa harki guddaan aluuminiyeemii irraa tolfama.
Alumniniyeemiin ammoo otoo hin dhohiin akkaan elektiriikii of keessa dabarsuu danda’a.
Haalli kunis gara keessoo xiyyaaraatti otoo hin ce'iin qaama alaa xiyyaarichaa irratti qofa akka hafuuf injinarooti xayyaaraa of eeggannoo guddaadhaan xayyaarota kunneen tolchu.
Tahus paayilatoonni hamma danda’ametti qaqawweessa jalaa akka maqanii balali’anidha kan gorfaman.
Haa tahu malee xiyyaaroti dhuunfaafi xiyyaaroti yaalirra jiran qaqawweessa akka ofirraa ittisanitti hin hojjetaman.
2. Xayyaarri osoo balali’uu balballi banamuu hin danda’u
Xiyyaarri balalii irra otoo jiruu balbala banuuf namoonni yaalan baayyeen to’annoo jala oolfamu.
Haa tahu malee xayyaarri lafarraa ol ka’insa meetira 3000 irra otoo jiruu dhiibbaan qilleensaa guddaan waan jiruuf balbala banuun gonkumaa hin danda’amu.
Yeroo xiyyaarri gara lafaatti siqaa adeemu garuu qilleensi xiyyaara keessa jiruufi ala jiru wal madaalaa waan dhufuufi balbala banuun ni danda’ama.
Balballi xayyaaraa banamuun danda’ama jechuun garuu banuun eeyyamama jechuu miti.
Xiyyaarri otoo hin qubatiin balbala banuun imaltootarra miidhaa waan dhaqqabsiisuuf. Gochaa kana raawwachuun seeraan nama adabsiisa.
Caamsaa darbe, imalaan daandii xiyyaaraa Ashiyaanaa [Asiana Airlines] Kooriyaa Kibbaan imalaa ture xiyyaarri osoo qubachuuf jedhuu balbala yeroo balaa tasaa bane to'annoo jala ooluun hidhaan adabameera.
3. Daandii qilleensaa waggaa 94tti balaa du'aa hin keessumeessine
Daandiin qilleensaa Hawaayii kan Ameerikaa yoo tahu xiyyaara imaltootaa bara 1929 irraa qabee balaliise. Waggoota 94 keessatti balaan lubbuu namaa galaafate tokkollee akka isa hin mudanne odeeffannoon gaazexaa Telegiraaf irratti bahe agarsiisa.
Daandiin qilleensaa kuni bara 1993 fi 2003tti kasaaraa irra gahus eegumsa imaltootaa irratti garuu dhiibbaa hin dhaqqabsiifne ture.
Tahus daandiin qilleensaa kuni bara 2022tti balalii biyya keessaa irra otoo jiruu sochii qilleensaa gaarii hin taane mudachuun yoo xiqqaate namoonni 36 kan miidhamanii turan.
Bulchiinsa Ameerikaa odola Hawaayii irraa daandiin qilleensaa hojjetu kuni daandiiwwan qilleensaa gurguddoo keessaati.
Kutaalee biyyattii gara Kaabaa dabalatee gara Awustiraaliyaa fi Niiw Ziiland fa'itti balalii idilee qaba.
Daandiiwwan qilleensaa nagaan ittin balali'uuf filataman keessaas maqaan isaa ni eerama.
4. Xayyaara imaltootaa saffisaa addunyaa kanaa
Booying 747-8i jedhama, sa'atii tokko keessatti kiloomeetira 1136 balali'uu danda'a. Xayyaarri daldalaa imaltoota idilee kuni namoota hanga 500 baachuu danda'a.
Xayyaarri Booying 747-8 yeroo ammaatti Humna Qillee Ameerikaan fooyya'insi dabalataa taasifamaafi kan jiru yoo tahu bara 2024tti tajaajila akka jalqabuuf eeyyama argata.
Haa tahu malee seenaa keessatti xayyaarri saffisa sagalee caalaa balali'uun kan leellifame xayyaara Konkord ture.
Sagaleen sa'atii tokko keessatti kiloomeetira 1235 yoo tahu kan deemu konkord isa caala balali'a ture.
Xayyaarri supersonic jedhamuun beekamu kuni bara 2003tti sooruma kan bahe yoo tahu, sa'atii tokko keessattii kiloomeetira 2179 balali'uun xayyaarra saffisaa addunyaa kanaa jedhamee ture.
Konkord injinaroota Ingiliiziifi Fireenchiin ture kan hojjetame. Waggootaan dura hojiin dhaabuun booda daandiin xiyyaaraa US United xayyaarota supersonic tahan 15 bituun saffisa sagalee caalaa imaluu bara 2029tti deebisee fiduu akka barbaadu bara kana beeksiseera.
Tahus gosti xiyyaaraa kunneen sagalee guddaa qaburraan kan ka'ee lafaa gaafa ka'an akka bakakkaan bu'etti dhagahamuuun faalama sagalee fiduu kan danda'u yoo tahu, xayyaarota kaan caalaas boba'aa fayyadamu kuni immoo faalama qilleensaaf shoora qaba.
5. Xiyyaaronni baayyeen halluu adii dibamu
Xayyaarri imaltoota idilee yeroo baayyee halluu adii kan dibamuuf sababiin ijoo balaqqee aduu irraa imaltoota eeguufi.
Xayyaaroti keessumaa biyyoota haala qilleensaa ho'aa qaban keesstti yeroo imaltoota fe'aniifi buusanitti qabbana dhabanii rakkatu. Kanaaf halluun adii ofirraa qaban ifa aduu irraa deebisaa jechuudha.
Kana malees yeroo lafaa ol fegeenyi dabalaa adeemutti qaamota xiyyaaraa carallaa biiftuudhaan miidhamuurraa eeguuuf halluu adii diibuun ni fayyada jechuudha.
6. Paayilatiiwwan osoo balaliisanii mugan
Paayilatoonni dhibbeentaa shantamaa ol tahan yeroo xiyyaara balalisanitti akka mugan ragaaleen Waldaa Paayilatoota Biritishii fi kaan irraa argaman mul'isu.
Xiyyaarri balaan mudachuun carraa baayyee xiqqoo tahus, yeroo mudatu harki 80 dogoggora namaati kan tahu.
Kana keessaa balaa du'aaf saaxilu paayilatiin miira dadhabbii keessa tahuun dhibbeentaa 15-20 qabata.
Paayilatoonni yeroo balaliitti dadhabanii muguufi rafuurraan kan ka'e iddoo bu'uu qabanii darbanii deemuu hanga xayyaarrii kufee caccabuu yerootti gahetu jira.
Bara 2010 balaa xiyyaaraa kibba Indiyaatti qaqqabeen namoonni 158 yoo lubbuun darbutu gabaafame.
Daandii qilleensaa Itoophiyaas bara darbe taateen wal-fakkaataa isa mudatee ture.