Bushaa Hiikaa: Narsii baadiyyaa duraanii Oromiyaa miseensa waraanaa US hanga Neurosurgeon ta'uutti

Dr Bushaa Hiikaa

Madda suuraa, Busha Hika

Ibsa waa'ee suuraa, Doktar Bushaa Hiikaa akkuma US galeen ji'oota keessatti miseensa waraana eeggataa ta'e abjuu hakiima ta'uu milkeeffate
    • Barreessaa, Galaanaa Balaay
    • Gahee, BBC Afaan Oromoo

Doktar Bushaa Hiikaa torban sadii dura biyya Ameerikaa University of Missouri mana barnootaa meedikaalaa irraa qabxii olaanaan eebbifamee, waldhaansa baqaqsanii yaaluu dugugguruu dugdaafi sammuu (Neurosergeon) ta'uuf leenjii itti aanutti ce'eera.

Doktar Bushaan dargaggeessa baadiyyaa Oromiyaa keessatti dhalatee, daandii sa'aa sadiifi afurii miilaan imalee barnoota sadarkaa lammataa xumure.

Baadiyyaa qarqara lafaa jedhamu, keessa osoo narsii ta'ee tajaajiluu carraan abjuu isaa ijoollummaa itti dhugoomsu, amma dhugaa ta'ee arguusaallee amanuuf rakkatu isa mudate.

Seenaan milkaahina isaa abjuu qabaachufi tattaaffii gochuun galma gahuuf bu'uura akka ta'e agarsiistuudha.

Kanumaafuu University of Missouri tibba eebba barattoota isaatti mata-duree From Nurse to Neurosurgeon: One Student’s Journey from Africa to America jedhuun imala milkii Doktar Bushaa Hiikaa barreessee marsariitii isaa gubbaatti maxxanseera.

''Hiikaan dhiyeenya isaatti daandiin konkolaataa, bishaan dhugaatii, elektirika ykn tajajilli fayyaa bakka hin jirretti guddate. Danqaaleen kun marti fedha jireenya hawaasaa fooyyessuufi namoota gargaaruuf qaburraa boodatti isa hin hambifne'' jedha barruun University of Missouri.

Dargaggoon kun Caamsaa 13 darbe mana barnootaa meedikaalaa University of Missouri irraa meedikaal dookatar ta'uun eebbifameera.

Adoolessa dhufu irraa eegalee ammoo ispeeshaalistummaa baqaqsanii waldhaanuu sammuufi dugugguruu dugdaa ta'uuf leenjii waggoota torbaaf turutti seenaa jira.

Doktar Bushaan naannoo Oromiyaa godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii ''magaalaa baayyee xiqqoo Biqiltuu Qidaamee jedhamtu keessattiin dhaladhe'' jedha gaaffiifi deebii BBC waliin godhe yoo eegalu.

''Baadiyyaadhuma sanittiin kutaa tokkoo hanga jahaatti baradhe. Kutaa torbaa fi saddeet ammoo daandii yoo xiqqaate sa'aa tokkoof walakkaa deemsisu imaleen Green Lake jedhamuttin baradhe.''

Barnoota sadarkaa lammaffaaf ammoo magaalaa Biqiltuu Qidaamee maatiin isaa keessa jiran irraa fagaatee magaalaa Haratoo jedhamutti barate.

''Inni ammoo yoo xiqqaate sa'aatii sadiifi afur deemsisa kanaaf ammoo torban lama fa'atti maatii biratti gala ture. Miilaan deemnee jechuudha. Jimaata galgala deemnee, sanbata galgala deebina turre.''

'Hawwiin koo doktara ta'uu ture garuu saayinsii hawaasaan gale'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Doktar Bushaan hawwii ijoollummaa doktara ta'uu qabaatus qormaata kutaa 10 erga fudhatee booda dhiibbaa hiriyyootaan damee saayinsii hawaasaa seene.

''Ijoollummaadhumatti hawwiin kiyya doktara ta'uu ture. Akka carraa kutaa 11 gaafan seenu hiriyyoonnikoo social saayinsii sii wayya lakkii, abbaa seeraa taata, siyaasa keessa galuu dandeessa naan jennaan tole jedheen achi seene. Garuu ammoo hin jaalannen ture.''

Murtee isaa kanatti kan gaabbe Bushaan barnoota piriipaaraatoorii adda kutee Magaalaa Naqamteetti kilinikaal Narsiingiin waggaa sadiif leenji'ee oogummaa jaalatutti fuula deebifate.

''Kilinikaal Narsiingiin akkuman leenjii fixeen godina wallagga Bahaa aanaa Waamaa Hagaloo ganda Haleeluu Hagaloo jedhamuttin ramadame. lafa baayyee fagoodha. daangaa Jimmaattis dhiyaata.''

Bushaan aanaa Waamaa Hagaloo keessa waggoota shaniif oogummaa isaan uummata tajaajila fayyaa argachuuf hiree hedduu hin qabne tajaajile. Kana keessaa waggoota lama itti gaafatamaa eegumsa fayyaa aanichaa ta'ee hojjeteera.

Waamaa Hagaloo osoo jiruu DV'n baheef

Kilinikaal Narsiin aanaa baadiyyaa Bushaan bakki jiru osoo isa hin daangessiin abjuu isaa milkeessuuf waan danda'u mara godha.

Osoo achuma jiruu carraa Diversity Visa (DV) US yaale, milkaaheef.

''Osoon kanaan jiruu bara 2012 keessa carraan DV naa bahee gara Ameerikaan imale. Yeroon Narsii ta'ee uummata kana tajaajilaa ture, osoon barnoota dabalataa argadhee kana caala tajaajilee jedheen hawwa ture. bakka hawwii koo dhugoomsuu danda'utti imaluuf carraa argachuu koottii hedduun gammade ture.''

'Akkuman Ameerikaa galeen waraana biyyattii ta'uufan murteesse'

Dooktar Bushaan ammas hawwii isaa milkeessuuf daandii kallattiirra hin deemne. Aadaa biyyattiin bara maallaqan sassaabbadha, yeroo na barbaachisa osoo hin jedhiin murtee ulfaataa murteesse.

Minisootaa gahee ji'oota keessatti humna waraanaa biyyattiitti makamuuf murteesse.

''Yommuun dhufe haalli qilleensaa, haalli nyaataa, aadaafi duudhaan saba kanaa adda waan tureef Cultural shock keessan gale. Achiis ce'umsa koo gara Ameerikaa kana akkamiin si'eessuun danda'a jedhee yaadeen gara humna waraanaa bulchiinsa Minisootaattin makame.''

Bushaan carraa barnootaa argachuu kaayyefatee aadaa fi duudhaa biyyaattiitti dura madaquuf National guard (humna eeggataa) bulchiinsa Minisootaatti makame.

''Sababnin achitti makameef mootummaanillee barumsakoof naa kaffala waan ta'eef.''

Bushaan qaama waraanaa ta'uuf erga galmaahee isteetota US addaa addaa keessa imalee leenjii waraanaa erga fudhatee booda South Dakota State University seenee barnoota Biology'n digirii jalqabaa barachuu eegale.

Bara 2017 digirii jalqabaa xumuree, 2018 hakiima ta'uuf imala eegale

Doktar Bushaan waggaadhuma digirii jalqabaan eebbifame, bara 2017'tti carraa barnoota meedikaal argachuuf iddoo adda addaatti iyyata galfate.

Bara 2018 keessa ammoo abjuun isaa dhugoome. Yunivarsiitileen hedduun kaffalee akka baratu carraa kennaniif. Garuu ammoo Medical School of University of Missouri irraa iskoolaarshiippii guutuu argate.

''Minisootaa, Chikaagoo, DC akkasumas meedikaal iskuulii humna waraanaa biyyattii keessatti barachuuf carraa argadheen ture Kan Missouri garuu barnootaaf homaa hin kaffaltu naan jedhani. Kanattin Missouri filadhe.''

Doktar Bushaan barnoota meedikaalaa keessatti ''akkan milkaahu shakkii hin qabun ture garuu ammoo kaniin xiqqoo ishee natti jabaata jedhee yaade ispeeshaalaayizeeshinii waldhaansa baqaqsanii waldhaanuu sammuu fi dugugguruu dugdaati'' jedha.

Muuxannoo oogummaa fayyaa biyyaa qabachuun, barnoota digirii jalqabaan qabxii olaanaa (summa cum laude) galmeessuun akkasumas tajaaajila loltummaa biyyaa keessa galuun isaa milkaa'ina US'tti argateef gahee olaanaa taphachuu Doktar Bushaan ni dubbata.

''Waraana keessa tajaajiluun hedduu na gargaare. Sababiin isaa miseensa waraanaa gaafa taatu biyyaa fi uummataaf of kennite jedhanii waan yaaadaniif kabaja guddaa qabuuf. Hojii argachuufis carraa guddaa namaaf kenna. Bayya hedduuttis dursa namaa kennisiisa.''

Sirna eebbaa Doktar Bushaa Hiikaa

Madda suuraa, Dr. Bushaa Hiikaa

Kilinikaal Narsiin Waamaa Hagaloo irraa dhufe ji'oota keessatti waraana US ta'e. Oogummaanis muuxannoonis damee wal irraa fagootti ce'e. Inumaa ammoo damee waraanaa adda addaa turan keessaa Bushaan abjuu isaa boruu milkeessuuf damee isa ulfaatu, garee meeshaalee waraanaa gurguddaatti makame.

''Leenjii bu'uura loltummaa erga xumurree akka carraa kaniin ani filadhe garee field artillery( dhukaasa meeshaalee waraanaa gurguddaa akka taankii) ti'' jedha.

Ogeessa fayyaa loltootaa ta'uun kan muuxannoo kee waliin deemu osoo jiruu maaliif damee ulfaataa kana filatte, dameen kanarra salphaan hin turree jedheen gaafadhe?

''Dhugaa dubbachuuf kaniin kana filadheef buufatni isaa bakkan ani barumsa barachuu barbaadutti dhiyoo ture. Minisootaa iddoon ani jiraadhuttis dhiyoo ture.

Nama Ogummaa fayyaa keessa tureef sanuu reefu Itoophiyaarraa US'tti imaleef leenjii fi muuxannoon waraanaa US filannoo ofiittii akka gaabbitu si hin dirqisiisnee?

Dhugaadha dubbachuuf baayyee ulfaataa ture. Ani qaamaanis guddaa miti. Isuma kanarraa ka'ee qormaata guddaatu ture. Loqodni Ingiliffaa isaaniis isa barannerraa adda ture. saffisaan dubbatu. Sana hubachuunillee qormaata. Leenjii jabaa kennan duukaa deemunis baayyee ulfaata ture.''

Bushaan kunis ta'ee garuu ilma baadiyyaa ta'ee qormaata hedduu keessa darbuun isaa murtee isaatti akka hin gaabbine, jabaatee keessa darbuu akka danda'u isa jajjabeesse.

''Baadiyyaa keessatti rakkoowwan hamaa keessa darbinee waan guddanneef haa ulfaatuyyuu malee sana caalee natti hin mul'anne. Kutadheedhuman kanamaa adda kutuu hin qabu jedheen cichee keessa darbe.''

Bushaan murtee isaa kanaan ce'umsi isaa Itoophiyaa gara US si'aawuu, carraa barnootaa abjuu isaa ijoollummaas milkeessuu hima.

Tajaajilli Loltummaa Doktar Bushaan akka kennu irraa eeegamu waggaa saddeeti. Waggaa shanan jalqabaa garuu yeroo yerootti leenjii gaggabaafi dheeraa fudhachaa, barnoota digirii jalqabaa barachaa dabalataanis maatii isaa biyya jiran gargaaruuf hojii dabalataa hojjechaa bahe.

''Waggoota jalqabaa shan kaniin tajaajilee yeroo hundumaa ji'atti yeroo tokko leenjii fudhachuun, ganna keessa ammoo ji'a tokkofi lamaafis leenjii dheeraa fudhachuun, wiixataa hanga jimaataa barnoota koon baradha, hojiis nan hojedha.''

Bara 2013 keessa barnoota digirii jalqabaa kan eegale Bushaan gidduutti bara 2017'tti muummee Biology irraa eebbifame.

Doktar Bushaan miseensa waraanaa yeroo ture

Madda suuraa, Busha Hika

Lammiilee biyyattii keessa kan qaama waraanaa ta'u dhibbeentaa tokko ol waan hin taaneef mootummaa fi uummata biratti kabajaa fi fayidaa hedduu argamsiisa jedha.

''Ani biyya kanatti dhaladhee osoo hin guddatiin, waraana isaaniitti makamee gaafan tajaajilu, qormaataaf hangam akkan qophii ta'e waan hubataniif kabaja naa kennaniiru, carraas naa baneera.''

Bushaan qaama waraana eeggataa ta'ee duulaaf osoo hin bobbaafamiin achii bahuun isaa kaayyoo barnootaa koo milkeessuuf na gargaaree jechuun carraa qabeessa kka ta'e yaadat.

''Yeroo tokko bara 2016 keessa gara gidduugala Bahaatti nu duulchisuuf qophoofnee ture. Akka carraa garee keenya bira tarii garee biraa duulchisan.''

Bara 2018 barnoota meedikaalaa isaa kan jalqabe Bushaan gidduutti waggaa tokkoof fellowship erga dalagee walumatti waggaa shaniif Mizuurii erga turee booda torban sadii dura bakka maatiin isaa argamanitti qabxii olaanaan eebbifame.

''Yeroo qormaatni sitti cimu, kaayyoo kee duubatti deebitee yaadachuun cimtee akka keessa baatu si gargaaraa'' jechuun turtii isaa barnoota meedikaalaa irraa muuxannoo argate qooda.

Akka seera US'tti namni barnoota meedikaalaa xumure hojiitti seenuun dura ispeeshaalaayizeeshinii qabaachuu qaba.

Kanaafis Bushaan isa dorgommiin itti hin cimnee fi isa salphaadha jedhamu dhiisee isa dorgommii jabaa qabu bakka muraasatti qofa leenjiin isaa kennamu filate.

Abbaa fi Haadha Doktar Bushaa eebba isaa irratti argaman

Madda suuraa, busha Hika

'Milkaa'inni amma keessa darbaa jiru dhuguma ta'aa jiraa jedheen of gaafadha'

''Adoolessa dhufu irraa eegalee leenjii baqaqsanii waldhaanuu dugugguruu dugdaafi sammuun(Neurosergeon) eegala. Kanaaf gara Ohio Case Western Reserve deemeen jira.''

Bushaan erga dachee US ejjetee waggaa 10 keessatti miseensa waraana eeggataa ta'ee, digirii jalqabaa baratee, mana barnootaa meedikaal keessaa eebbifamee, amma ammoo leenjii waggaa torbaatti yoo seenu miira lakki gidduuttin boqodha jedhu keessa hin gallee? jedheen gaafadhe

Ni seeqe...''inni kun sirriidha. eyyen namni baayyeen gidduutti boqonnaa barbaada ani garuu barnoota kee xumurtee uummata gaafa tajaajiltu boqonnaa guddaan isa jedheen yaada.

Gaafan barnoota kana xumree Oromiyaas deemee, bakka biraas imalee uummata tajaajilu isa akka boqonnaattin ilaala.''

Milkaahina jireenya isaa keessatti argachaa jiruun ''kaniin siin jedhuun ol gammadeera'' kan jedhu Doktar Bushaan, ''bakkan itti dhaladhe, akkaataan itti guddadhe, bakkan itti hojjedhe gaafan yaadu abjuu koo guddaa turee garuu amma gaafan taa'ee yaadu dhuguma kun ta'aa jiraa jedheen of gaafadha'' jedha.

''Gaafan Waamaa Hagaloo ture, osoo waayee abjuu koo kanaa na gaafattee ykn kuni ni ta'a jettee natti himtee si hin amanu ture. Lakki abjoochaa jirtan siin jedha ture.''

Doktar Bushaan fuula duratti waldhaansa baqaqsanii yaaluu sammuu irratti hojjechuuf karoora qaba.

''Wantiin gochuu barbaadu tokko yoo jiraate, waldhaansa baqaqsanii yaaluu sammuu irrattin baayyee hojjechuu barbaada. Waldhaansa kana Itoophiyaa keessatti, Oromiyaa keessatti babal'isuun kaayyoo koo guddaadha. Fuula duratti akkan imalu kan na godhuyyuu kanadha.''

Yunivarsiitileen Oromiyaa keessa jiran leenjii baqaqsanii waldhaanuu sammuu kunnuu akka danda'an deeggarsa oogummaa, teeknoolojiifi qabeenyaa irratti addatti akka hojjetus dubbateera.

''Kanneen oogummaa kana keessa jiran dadammaqsuun biyyaaf gumaacha akka godhan hojjechuunis kaayyoo isaa ta'uu Doktar Bushaan himeera.