Kana booda nootii birrii fayyadamuu dhaabuuf deemnaa?

Madda suuraa, Getty Images
Keeniyaatti ‘maastikaa’ bitatanii qarshii kaffaluuf calla ykn nootii harkatti baatanii deemuun dirqama miti.
Biyyattiitti baay’inaan namni kan itti fayyadamu sirna daddabrsa maallaqaa dhaabbanni Safaricom kennu ‘Mpesa’ jedhamuudha. Kuni ammoo jireenya lammiilee biyyattii baay’ee salphaa taasiseera.
Keeniyaatti maallaqa karaa moobaayilii dabarsuufi fudhachuun kan eegale bara 2007tti ture. Kanaanis Keeniyaan Afrikaatti biyya jalqabaa maallaqa karaa mobaayilaa daddabarsuu eegalteedha.
Chaayinaatti ammoo karaa mala kaffaltii mobaayilaa AliPay jedhamuu namoonni fayyadaman bara 2020tti biliyeena 1 ol ta’aniiru.
Yeroodha gara yerootti addunyaarratti malli daddabarsa maallaqaa nootii ykn maallaqa calla bakka bu’u heddumataa dhufeera.
Itoophiyaas dhiyeenya kana “Telebirr” eegaluun yeroo gabaabaa keessatti maamiltoota miliyeena 27.2 argachuu isaafi maamiltoonni bilbila harkaa fayyadamuun birrii biliyeena 166.1 daddabarsuu isaaii Itiyotelekom beeksisee ture.
Odeeffannoon dhaabbaticha irraa argame akka agarsiisutti daddabarsa maallaqaa baankii irraa gara telebirr, achirraa ammoo gara baankii taasifamu si’eessuf baankiwwan 15 irratti hirmaatu.
Dhaabbileen mootummaa heddus fayyadamtoota telebirr ta’uun sirna kaffaltii isaanii ammayyeessaa jiru.
Tajaajila maallaqaa argachuuf akka durii gara baankii deemuu osoo hin taane bilbila harkaa fayyadamuun fala ta’aa jira.
Sirni tajaajila ykn daddabarsa maallaqaa moobayilii fayyadamuun taasifamu kun gara fuulduraatti maallaqa abbaa nootii fayyadamuun ni hafaa laata? Gaaffii jedhu kaasun isaa hin oolu.
Kampaaniiwwan telekom baankii bakka bu’uuf socho’aa jiran
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Baankileen damee isaanii kan banan bu’a qabeessummaa isaa dursanii erga qoratanii booda. Kampaaniiwwan telekomis maamiltoota isaanii SIM kaardii qaban yaada keessa galchuun tajaajila daddabarsa maallaqaa karaa mobaayilii taasifamu baay’inaan beeksisaa jiru.
Kanaaf ammoo fakkeenyi gaarin “Mpesa” Keeniyaafi telebirr Itoophiyaati. Dhaabbileen ykn kubaaniyaawwan telekom kunneen ‘suuqii’ xixiqqoo akka dameetti baankitti itti gargaaramu.
Tajaajila maallaqaa kana argachuuf kan barbaachisu mobaayila harka qofaadha, intarneetii isin hin gaafatu.
Qarshii abbaa nootii harkatti baatanii deemunis dirqama miti. Baankii irraa gara bilbila keessanii, achirraammoo gara baankii erguu qofa.
Dhaabbileen telekom kunneen tajaajila daddabarsa maallaqaatin alatti tajaajila liqii hangi isaa xiqqaa ta’es ni kennu.
Obbo Xilahuun Girmaa ogeessa herreegaa yeroo dheeradhaaf baankiwwan Itoophiyaa keessa kan hojjatan yoo ta’an, dhaabbileen telekom hojii baankii keessa galan kunneen maallaqa guddaa qabaachuu irraa kan ka’e ta’uu dubbatu.
“Qarshii kana baankii kaa’uu caala deebisanii maamiltoota isaanif yoo liqeessan dhala gaarii akka argatan waan beekaniif pirojektii kana beeksisaa jiru,” jedhu Obbo Xilahuun.
Kan baankii waliin wal bira qabamee gaafa ilaalamu kuni yaaddoo qaba. Itoophiyaa keessatti baankileen maallaqa gaafa liqeessan wantoota akka konkolaataa, maashina, manaafi gamoo fa’aa qabachuudhani.
Dhaabbileen akka telebirr garuu kana gochuu waan hin dandeenyef liqiin isaan kennuu danda’an muraasa akka ta’e himu Obbo Xilahuun.
Malaammaltummaa daddabarsa maallaqa karaa mobaayilaa
Sirni bittaafi gurgurtaa karaa onlaayinii hanguma guddataa adeemu dhaabbileenis omisha isaanii karaa marsariitii isaanii beeksisaa adeemu.
Maamiltoonni ammoo gaaf bitan kaffaltii karaa onlaayinii kaardidhaan ykn raawwachuu danda’u. Kuni gama tokkoon namoonni maallaqa harkatti baatanii deeman hannaaf saaxilamuu irraa isaan oolcha.
Gama biraan ammoo namoonni gurgurtaa isaanii sirnaan to’achuuf isaan gargaara. Namoonni gara sirna bittaaf gurgurtaa e-banking ykn elektirooniksiitti gaafa deebi’an mootummaan daddabrsa maallaqa seeran alaa, malaammaltummaafi shororkeessummaa salphaaatti ittisuu akka danda’u himu Obbo Xilahuun.
Mootummaan qaraxa to’achuudhafis haala mijataa uumaf. Obbo Xilahuun akka jedhanitti sirni bittaaf gurgurtaa elektirooniksii biyya tokko keessatti babal’ataa gaafa deemu baasii guddaa mootummaan waggaan “maallaqa maxxansiisuf” baasu hir’isaaf.
Sochiin maallaqa abbaa nootii hir’ataa gaafa deemu maallaqni sun [harka nama baay’ee hin galu waan ta’eef] dafee hin dulloomu. Kuni ammoo baasii maallaqa maxxansiisuu mootummaan baasu irraa hir’isa.
Akkasumas maallaqni abbaa nootii gaafa sochiin isaa hir’ataa deemu carraan maallaqa sobaa maxxansanii raabsanii nama kasaarsus hir’ataa deema.
Hindiin kanaan dira Ruppii abbaa nootii 500 fi 1000 shororkeessummaafi maallaqa sobaa hambisuuf jettee gabaa keessaa baasnan lammiileen biyyattii hedduun gara bittaaf gurgurtaa elektirooniksii- baankii mobaayilaafi kaardii- fayyadamuutti akka deebi’an goote.
Boodarra maallaqa nootii duraan gabaa irraa balleessite deebistee fayidaarra oolchite.
Maallaqa abbaa nootii gabaa irraa balleessuun ni danda’amaa?
Itoophiyaatti namni sangaa bituuf gabaa yoo bahe maallaqa abbaa nootii ykn maallaqa callaa qabatee deemuu qaba. Gabaa kaanis taanan akkasuma.
Sirni bittaaf gurgurtaa Itoophiyaa ammayyuu kan hammayyaa’e miti. Har’ayyuu taanan magaala Finfinneetti hoolafi horiin oofamanii gabaatti dhiyaatu.
Kanaaf hawaasa Itoophiyaa guutummaatti sirna bittaafi gurgurtaa elektirooniksii akka fayyadamu gochuun yeroo kan fudhatuudha.
Gama biraan ammoo lakkoofsi uummata Itoophiyaa gaafa yaada keessa galu hawaasni baankii fayyadamu muraasa. Baankilees taanan baay’inaan lafa magaalafi namni itti heddummatuudha.
Haalonni kunneen osoo jiranii hawaasni Itoophiyaa yeroo gabaabaa keessatti guutummaan gara sirna bittaa gurgurtaa elektirooniksiitti ceha jechuun rakkisaa akka ta’e himu Obbo Xilahuun.












