Filisxeemota lammii Ameerikaa dararaan uummataasaaniirraa akka dhaabbatu ijibbaata falmatan

Madda suuraa, EPA
Gaazaan amma bakka duraa hin jirtu, akka hin jirre taateetti. Gamoowwan babbareedoon daqiiqaatti daaraa ta'u. Kun ammallee hin dhaabbanne.
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii ulaan Gaazaa iddoo awwaalcha daa'immaniitti geeddarameera jechuun waraanni kun hagama hammaataa akka ta'e ibseera.
Israa'el haleellaa hamaa waraana keessatti akkaan suukanneessaa ta'e Hamaas irratti raawwachuu himti, UN garuu haleellaa ''maatii nagaa guutuu fi mandara guutuu battala tokkoon barbadeessedha,'' jechuun balaaleffate.
Maatiin hedduun daa'immansaanii gamoo caccabe jalaa baafachuuf wayita ifaajan ija addunyaa jalaa hin dhokanne, dararaa suukanneessaan kun karaa foddaa TV addunyaa walga'eera.
Namoonni hundeensaanii Filisxeem ta'ee fi hundeeffamuu biyya Israa'el booda dhiibamanii addunyaarra faca'an halaala taa'anii gidiraa uummatasaanii kana daawwachuuf dirqamaniiru.
Lammiileen bu'uurri isaanii Filisxeem ta'e kunneen Gaazaa (qe'ee isaanii ganamaa) irraa fageenya kiilomeetira kumaatamaan lakkaa'amurra taa'anii gaddaan liqimfamanii dararaa uummatasaanii daawwatu.
Haleellaa kana wayita daawwatan gadda qofa osoo hin taane bakka sanatti argamanii lammiileesaanii tumsuu dhabuutti of ceepha'u, akka badii balleessanitti of fudhatu.
Namni Filisxeem lammii Ameerikaa ta'ee fi bulchiinsa Varjiiniyaa keessa jiraatu Anees, ''Dayaaspooraan Filisxeem hedduun akkuma koo waan of ceepha'an natti fakkaata. Nuti namoonni hundeen keenya Filisxeem ta'e yeroo kamiyyuu, haala kam keessattuu Filisxeem onnee keenya keessa jirti. Yoomuu baduu hin dandeessu,'' jedhe.
Weellisaan umrii waggaa 31 kun Inistaagiraamii irratti hordoftoota miiliyoona 1.7 qaba. Erga waraanni kun eegalee gidiraa uummatarratti raawwatu ilaalchisuun dhugaa jiru dubbachaa ture.
Waraanni akka dhaabbatus waamicha taasisaa ture.
''Badii mudatee fi ajjeechaa suukanneessaa lammiilee nagaarratti raawwatu wayita ilaallu bakka sana jiraachuutu nurra ture jennee balleessaa ofitti murra,'' jedhe.
Filisxeemonni Ameerikaa keessa jiraatan maaliif qe'eesaanii ganamaarraa fageenya kiilomeetira kumaatamaan lakkaa'amurra jiraatu kan jedhuyyuu madaa hin fayyinedha.
Hedduunsaanii waraana kanaan dura deemaa turaniin akkasumas dhiibbaa hamaa loltoota Israa'eliin qe'eesaaniirraa baqatan.
Lammiileen Filisxeem miiliyoona torba ta'an addunyaarra faca'anii jiraatu.
Isaan tokko bulchiinsa Oyaatti kan dhalatte Jiinaa Deenaati.

Madda suuraa, CHRIS GALE
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Israa'el bara 1948 biyya taatee hundeeffamuu shee hordofee waraana dhalateen kanneen qe'eesaaniirraa baqatanii biyya alaa jiraachuuf dirqaman kumaa kitilaan lakkaa'aman keessaati, Jiinaan Deenaa.
Yeroo sana lammiileen Filisxeem kuma 750 ta'an dhiibbaa Israa'eliin dacheesaanii gadhiisaniiru.
Maatiin Jiinaan Deenaa bara 1981 gara Ameerikaa godaanuun dura qe'eesaanii West Bank keessa jiraachaa turan.
Haati Jiinaan qe'eesaanii West Bank keessatti dhalatte.
''Yeroo garii osoo haati kiyya West Bank keessa turtee, anis achitti dhaladhee silaa yoona akkam taana? jedheen yaada,'' jette.
Dubartiin umrii waggaa 41 kun waqtiilee gannaa West Bank keessatti dabarsiteetti.
Umriinshee waggaa kudhan keessa wayita tures waggoota lamaaf achi jiraatteetti.
Haata'u malee iddoo Israa'el weeraruun irratti cichite kana keessa jiraachuun salphaa waan hin taaneef qe'eesaanii itti deebi'uuf yaadan guutummaatti dhiisanii gara Ameerikaa godaanan.
''Guutummaatti Ameerikaa seenuu keenya wayitan yaadu sana gochuu kootti nan gaabba. Filisxeemota kaanirraa anaan maaltu adda na taasisa? Nama Filisxeem yoo taate akka waan badii balleessitteetti sitti dhagahama. Kun sadarkaa adda addaatti mul'ata,'' jetti dubartiin kun.
Ameerikaan waggaa waggaan doolaara biiliyoonaan lakkaa'amu humna waraanaa Israa'eliif deeggarsa kenniti. Wiixinee seeraa deeggarsa dabalataa gochuuf ishee dandeessisu manni maree US raggaasiseera.
''Anis akka lammii Ameerikaa tokkootti miira balleessummaatu natti dhagahama. Sababni ammoo gibirri an Ameerikaaf kaffalu waraana kana deeggaruuf oolaa jiraachuusaati,'' jechuun of ceephaati Jiinaan.
Lammiileen Filisxeem haleellaa Israa'eliin ajjeefaman sadarkaa lakkaa'uun rakkisaa ta'erra wayita ga'u, keessattuu iddoo awwaalcha daa'immanii ta'uunshee kan himamu Gaazaa wayita argitu gaddaan hamileen ishee bu'uu himti.
Bakka kanatti yoo xiqqaate daa'imman homaa hin beekne 5600 caalan ajjeefamuu ministeerri fayyaa Hamaasiin hoogganamu ibseera.
''Humna dhabuu natti fakkata. Abdii kutannaa fi homaa gochuu akkan hin dandeenyutu natti dhagahama. Haala kam keessattuu gammachuun natti hin dhagahamu,'' jechuun miira akkamii keessa akka jirtu ibsite.
Washingitan Diisii keessatti abbaa qabeenyaa jaarmiyaa daldalaa soorata dhiyeessuu kan ta'e namni Israa'el, Maarseel jedhamu ''nyaata bilcheessuuf jedhee distiitti wayitan bishaan buusuu eegalu tasuma imimmaan na keessaa yaa'e,'' jedha.
''Asitti salphaadhumatti bishaan bantee buufattee mosee affeellachuu dandeessa. Bishaan asii dinnicha ittiin affeellu gaazaa keessatti namni tokko torbanitti hin argatu,'' jechuun haala uummatisaa keessa jirutti guddoo gadduu ibsa.

Madda suuraa, FARRAH SKEIKY
Maarseel Afraam dararaa suukanneessaa lammiilee Filisxeem irra ga'aa jiru wayita yaadatu, ofii Ameerikaa taa'uunsaa akka waan badii balleesseetti akka of ilaalu isa taasisuu hime.
Kanaanis hojiisaa itti fufuufillee akka rakkate ibse.
Erga waraanni kun eegalee hojiin inni keessatti hirmaatu waan deeggarsa Filisxeemiif oolu qofa yoo ta'eedha.
''Waanana danda'uu fi narraa eegamu gochuurraa yoon of qusadhe gaabbii keessa jiraachuu kooti,'' jedha.
Fuula feesbuukii Filisxeemota Boostan jiraatanii kan hooggantu Isteefan, deeggarsa Filisxeemiif qabdu ifatti waan dubbatteef doorsisi irra ga'uu ibsite.
Isteefan maqaan abbaashee akka hin eeramne BBC gaafatteetti.
Dubartiin kun daa'ima garaadhaa qabdi, kanaafuu hiriira deeggarsa Filisxeem irratti hirmaachuu hin dandeenye. Garuu manashee teessee waan irraa eegamu raawwatteetti.
Bakka bu'oota uummataa biratti bilbiluun waamicha dhukaasa dhaabuu akka taasisan ifaajaa baate.
Kanneen wal haleelan Israa'el fi Hamaas ta'us, dhiibbaan waraana kanaa garuu addunyaa mara dubbachiisaa jira.
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii fi jaarmiyaaleen dhaabbatichaa hundi Gaazaan bakka deebi'anii keessa jiraatan akka hin taane ibsaniiru.
Israa'el fi Hamaas guyyoota torbaaf dhukaasa dhaabuun namoota waljalaa butanii turan hanga tokko erga waliif deebisanii booda waraanatti deebi'aniiru.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun hojiitti hiikamuu durayyuu Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamin Netaanayaahuu hanga Hamaas badutti akka waraanan ibsanii turan.
Israa'el cinaa dhaabbachuun ejjennoonshee ifatti kan beekamu Ameerikaan, namoonni ugguraman akka gadhiifamaniif dhukaasa dhaabuun akka hojiirra oolu fedhii agarsiistus, Hamaas waliin nagaa uumuutti garuu hin amanne.
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan, ''Hamaas qaama nagaa waliin uuman ollaa ta'anii walliin jiraatan miti,'' jedhaniiru.
Hamaas fi Israa'el akka dhukaasa dhaaban jaarsummaan gidduu seenuun dhiibbaa uumaa kan turte Qaataar, ammas dhukaasa dhaabuun guyyaa dabalataaf akka itti fufu hojjetaa jiraachuu ibsite.
Erga waraanni kun haala kanaan jalqaba Onkoloolessaa eegalee yeroo afraffaaf Israa'el daawwataa kan jiran Ministirri Dhimma Alaa US Antonii Bilinkan, Israa'el waraana itti fufuuf karoorsuushee simataniiru.
Garuu badiin Kaaba Gaazaatti raawwate kibbatti akka dabalamu Ameerikaan hin feetu jechuun Israa'el akeekkachiisan.
Dhukaasa dhaabuu guyyoota torbaaf tureen namoonni Hamaas bute 81 fi namoonni Israa'el hiite 180 ta'an gadhifamuun alatti uummanni Gaazaa carraa kanatti fayyadamuun hanga tokko gargaarsa argachuu danda'ee ture.
Dhaabbileen gargaarsa namoomaa carraa kanatti fayyadamuun Gaazaa seenanii turan, waan arganii fi lammiilee rakkoo keessa jiranirraa dhaganiin guddoo rifachuu ibsaniiru.
Erga Onkoloolessa 7, 2023 haleellaa Hamaas raawwateen waraanni Israa'el fi Gaazaa eegalee lammiileen Filisxeem 14,000 caalan dhumaniiru, Israa'el irraa namoonni du'an 1,200 qofa.












