Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Booriis Joonsan aangoo paartii gadhiisuun hanga birraatti garuu MM ta'uun itti fufuuf
Booriis Joonsan aangoo paartii gadhiisuun hanga birraatti garuu MM ta'uun itti fufuuf
Boorsii Joonsan hoggannaa Konsarvaatiivii ta'uu irraa ka'uun hanga birraatti garuu MM biyyattii ta'uun itti fufuuf.
MM Uk Joonsan aangoo gadhiisu isaa ilaalchisuun har'a ifatti akka beeksiisan eegamaa jira.
''Ministirri Mummee har'a biyyattiif haasa ni taasisu,'' jedhan dubbi himaan paarlaamaa (No 10).
Daqiiqaawwan muraasaan dura garuu miseensoonni kaabiinee isaa 50 ol ta'an aangoo gadhisan illeen MM Booriis Joonsan aangootti cichaniiru jedhamaa ture.
Tarkaanfiin aangoo gadhiisuu miseensoota kaabineetiin sa'aatiiwwan 24 darban keessatti haala addaatiin fudhatame hanga har'a ganamaatti Joonsan irratti dhiibbaa olaanaa taasisuun murtii ammaa kana irra akka gahuuf gumaacheera.
Warri Konsarvaativootaa maaliif MM UK aangoo akka gadhiisu wawaatuu?
Warri Konsarvaativootaa maaliif MM UK aangoo akka gadhiisu wawaatuu? Ministirri Mummee UK Booriis Joonsan aangoo irra turuunsaa kan durii caalaa ammaa gaaffii cimaa keessa galaa jira.
Wal dhabdeen siyaasaa baatiiwwaniif ture, guyyaa Kibxataa wayita ministirri fayyaafi Chaansilarri garaa garummaa daqiiqaawwan 10 jidduutti aangoo gadhiisanii kaasee garmalee cimeera.
Qondaaltoonni lameen kunneenis haala MM himannaa qocollaa quunnamtii saalaa Miseensa Paarlaamaa warra Konsarvaativii ta'ee ittiin gaggeessee irraa ka'uun ture.
Kuni ammoo tooftaa aangoo gadhiisuufi xala'aawwan ministiroota kaaniifi miseensoota mana marichaa irraa guyyaa Roobii akka dhiyaatu kakkaase. Alkan sanas, gareen ministroota gameeyyii MM Joonsan akka aangoo gadhiisuuf amansiisuuf gara waajjira isaa imalanii ture.
Haata'u malee, Mr Joonsan aangoo gadhiisuuf kaayyoo akka hin qabne hime. Miseensi mana maree Toorii Andireew Mitcheel BBCtti akka himaniitti, ''Kunis akka du'a Rasputin fakkaata. Innis ni summeefamee, ni waraaname, itti dhokaafamee booda reeffii isaa laga cabbiitti darbatame. Ammalleen inuma jiraata.''
MM Joonsan deeggarsa dhabanis aangoo saaniin itti fufuuf yaalaa jiru. Joonsan Booriis qondaaltoonni aangoo olaanaa irratti argaman bulchiinsa isaa mormuudhaan aangoo gadhiisan illeen inni garuu aangoo irra akka turan himan.
Ministira dhimma biyya keessaa Piriitii Pooteel fi Barreesseen geejjibaa Giraant Shaapisan dabalee deeggartoon isaa hedduun kaleess aMM akka aangoorraa bu'uuf gaafatan illeen diddaa isaatiin itti fufeera.
Barreessaan Weelsi Siimoon Haarat ministira kaabinee dhumarratti aangoo isaanii gadhiisan yoo ta'an, abbaan alangaa Su'eelaa Biraavarmaan gama saanitiin bulchiinsicha irratti gaaffii kaasaa jiru.
Haata'u malee Booriisi Joonsan aangoosaatiin itti fufuudhaaf ittigaafatamummaan kanneen isaan filataniin itti kenname jiraachu cimsanii dubbatu.
Haata'u malee Ministirri Mummuu kun haala naasisaa ta'eetiin tarkaanfii qeeqxoota isaa irratti xiyyeeffate fudhataniiru kan jedhaman yoo ta'u, barreessaa imaammata motummaa Mikaa'eel Giivin gaggeessaniiru.
Duula Biregiziit keessatti deeggaraa kan turan Miikaa'eel Goov, MM aangoo Tootii akka hin arganneefi aangosaanii akka gadhiisaniif akeekkachisuu dubbataniiru.
Barreessaan kunis kan aangoorraa kan ari'ataman Roobii galgala yoo ta'u, kunis aangoo gadhiisuu ministirootaa fi gargaartoota saanii 40 ol hojii gadhiisuun isa jalqabaa jedhameera.
Qondaaltoonni aangoo gadhiisan ammas itti fufaa kan jiran yoo ta'u barreessaan Weelsi Haarat alkan kaleessaa sa'aatii shani booda aangoo gadhiisan.
Ministirri Mummee hojiisaanii akka sirreessaniif dhuunfaa fi adabaabaayiitti ''deeggarsa taasisaafii turan. Haata'u malee sadarkaa kun itti ta'u danda'u irra dabruu keenyaaf gaddatu natti dhagahama'' jedhan Haariiti.
Itti dabaluunis hojii gadhiisuu malee ''filamaanni gara biraa hin jiruu'' jedhan.
Haarati miseensoota kaabiinee MM aangoo akka gadhiisaniif amansiisuuf yaalii taasisan keessaa tokko turan.
MM Joonsan kan miiseensoonni misnitorootaa 200 ol jalaa aangoo gadhiisuun wal qabatee rakkoo cimaa keessa galanis ministoroota kenneen bakka buusuutu irraa eegama.