Daangaan Kooriyaa lamaan adda baasu bakka loltuun Ameerikaa qaxxaamuree qabame kan akkamiiti?

Madda suuraa, Getty Images
Daangan Kooriyaa Kaabafi Kooriyaa Kibbaa adda baasu Zoonii Waraanaarraa Bilisaa Kooriyaa (DMZ) jedhamuun beekama. Addunyaarratti bakka loltoonni baay'inaan buufatan keessaaa kuni tokkoodha.
Loltoonni bakka kanatti baayyinaan waan bobbaafamaniif daangaa kana akka qaxxaamuruun hin danda'amneetti ilaalama. Kana malees, seera Kooriyaa Kaabaa fi Kibbaatiin qaxxaamuruun dhorkaadha.
Kanaaf namni tokkollee bakka kana yoo qaxxaamure mata duree oduu ijoo ta'a.
Seenaa waggoota torbaatamaa keessatti namoonni dhoksaan qaxxaamuruu danda’an muraasa qofa. Walumaagalatti lammiileen Kooriyaa Kaabaa jireenya fooyya’aa barbaaduuf gara Kibbaatti kan baqatan yoo ta’u, lammiileen Kooriyaa Kibbaa ammoo aktiivismii ykn sababa birootiin gara Kaabaa deemuuf murteessan.
Loltuun Ameerikaa Tiraavis Kiing jedhamu dhiyeenya kana daangaa Kooriyaa Kaabaa qaxxaamure sababa loltuu Ameerikaa ta'eef caalaatti oduunsaa afarfame.
Loltoota 28,500 Ameerikaan Kooriyaa Kibbaatti bobbaaftu keessaa tokko kan ta’e Kiing, Kibxata darbe itti yaadee fi eeyyama malee gara Kooriyaa Kaabaa kan qaxxaamuran ta’uu aanga’oonni Ameerikaa fi Kooriyaa Kibbaa himan.
Waraanni Ameerikaa Kiing achitti hidhamee jira jedhee amana; waraana Kooriyaa Kaabaa waliin qunnamtii uumuun taatee kana furuuf yaaluun isaanii ni yaadatama.
Kiing daangaa qaxxaamuruu dura adabbii naamusaatu isa mudatee ture - waldhabdee keessatti hirmaachuu isaatiin hidhaa keessa kan ture yoo ta'u, osoo hin miliqin gara UStti deebi'uu qaba ture.
Mallattoo waraana hin goolabamnee
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
DMZ bal'inni isaa km 4 fi dheerinni isaammoo km 263 yoo ta’u, biyya komunistiin bultu Kooriyaa Kaabaa fi biyya kaappitaalistiin bultu Kooriyaa Kibbaa addaan qooda.
Waraanni Kooriyaa (1950-53) waliigaltee nagaan waan hin xumurameef, waldhabdee biyyoota lamaan gidduu jiruuf akka mallattoo guddaa ta’eetti fudhatama.
Zooniin waraana irraa bilisa ta’e kun bara 1953tti waraana dhiiga namoota hedduu waggaa sadiif dhangalase booda biyyoota lamaan gidduutti dhukaasa dhaabuun kan daangeffame yoo ta’u, waraanichi lubbuu namoota siiviilii fi waraanaa miliyoona shanii galaafate.
Waraanni kun hanga waliigaltee nagaa mallattaa’uu danda’utti waldhabdee biyyoota lamaan gidduutti uumamuu danda’uuf naannoo kana akka bakka ittisaatti kan moggaase yoo ta’u, kunis gonkumaa hin taane.
Dhukaasa dhaabuun bara 1953 magaalaa Panmunjom, bakka naannoon nageenya waloo (JSA) beekamaan itti argamu, waajjira muummee marii fi bakka loltoonni biyyoota lamaanii wal fuuldura waardiyyaa dhaabbatan keessatti mallattaa’e.
Sararri simintoo tolfame daangaa Kooriyaa Kaabaa fi Kibbaa akeeku, akkasumas buufataalee walgahii Kooriyaa gidduutti taasifamaniiti, mallattoolee ijoo iddoo kanaa keessaa lama waggoota kurnan darban keessa turistoonni biyyoota biroo bakka ijoo dawwatan ta’eera.

Madda suuraa, Getty Images
Seenaa keessatti taateewwan ijoo yaadataman
Kooriyaan lamaan waggoota torbataman darban keessatti marsaa waldhabdee fi araaraa(détente) hedduu keessa darban.
Zooniin Waraanaarraa Bilisaa (DMZ) yeroo hedduu bakka marii fi walitti dhiyeenyaa ta’ee kan ture yoo ta’u, taateewwan adda addaas simateera.
Daangaan kun bara jalqabbii araaraa hanga ammaatti barbaachisaa ta'e, bara 1998 fi 2008 gidduutti "Sunshine Policy" jedhamuun beekamu keessatti bakka guddaa argate.
Dhiheenya kana bara 2018tti Paanmunjom walgahii hoggantoota biyyoota lamaanii kan keessummeessite turte,.
Erga Waraana Kooriyaa booda hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-un Kooriyaa Kibbaa miilaan seenuun yeroo jalqabaatiif seenaa keessatti galmaa’e.
Bara 2019 Doonaald Tiraamp, Pirezedantii Ameerikaa otoo aangoorra jiranii si’a jalqabaaf Kooriyaa Kaabaa seenan ta’uun kan galmaa’e yoo ta’u, yeroo sana bakka Zooniin Waraanaarraa Bilisaa keessatti hogganaa Kooriyaa Kaabaa waliin wal argan.

Madda suuraa, Getty Images
Muddama fi taateewwan ijoo yaadatamaan
Ulaan kun humnoota Kooriyaa Kaabaa, Kooriyaa Kibbaa fi Ameerikaa hidhataniin yeroo hunda to’atama.
Naannoo kana keessatti namoonni siiviilii baay'ee hin dhaqan.
Bakki mana jireenyaa ykn daldalaa hin jiru, kunis heddummina lubbu qabeeyyii uumamaa badhaadhaa akka ta'u taasise - naannoolee hedduu Kooriyaa Kibbaa uummanni rakkatan keessa jiraatan keessatti bakki akkasii hedduun hin jiru.
Akkasumas, hordoffiin garmalee taaasifamus, DMZ yeroodhaa gara yerootti bakka jeequmsaa ta'ee jira.
Bara 1976tti loltoonni Ameerikaa lama lammiilee Kooriyaa Kaabaa qottuu burruusa qabataniin haleelamanii du'an.
Bara 2017 loltuun Kooriyaa Kaabaa tokko biyya isaa ganee gara Kooriyaa Kibbaatti ce'uu danda'eera. Osoo baqachaa jiruu yeroo shan rasaasaan rukutamus lubbuun hafuu danda'eera.
Lammiileen Kooriyaa Kaabaa muraasni daangaa milkaa’inii qaxxaamuruu kan danda’an yoo ta’u, lammiileen Kooriyaa Kibbaa muraasni gara Kaabaatti dheessaniiru.
Haa ta’u malee, ulaa kana qaxxaamuruun baay’ee rakkisaa waan ta’eef, lammiileen Kooriyaa Kaabaa harki caalan gara Kibbaatti baqachuuf yaalan, kiilomeetira kumaatamaan lakkaa’amu deemanii, Chaayinaa keessa darbuun biyya sadaffaa ga’anii koolu galtummaa gaafatu.












