Kooriyaan Kaabaa loltuu Ameerikaa daangaashee qaxxaamure hiite

Loltoota Kooriyaa Kibbaa Naannoo Nageenya Waliinii ganda Panmunjom jedhamtu keessatti eegumsarra jiran

Madda suuraa, AFP

Kooriyaan Kaabaa loltuu Ameerikaa hayyama osoo hin argatin Kooriyaa Kibbaaraa daangaashee seene hiite.

Loltuun Ameerikaa kun naannoo Zoonii Waraanarraa Bilisiaa (DMZ) jedhamu bakka daangaa Kooriyaa Kibbaafi Kaabaa gidduutti argamu osoo daawwataa jiruuyi kan daangaa Kooriyaa Kaabatti hayyama malee cehe.

Taateen kun kan mudate yeroo muddamni Kooriyaa Kaabaa fi Ameerikaa gidduutti hammaatetti.

Kooriyaan Kaabaa biyyoota addunyaa moggaatti bahan keessaa tokko.

Lammileen Ameerikaa akka achi hin deemne gorfamu.

Namichi kun garuu biyya ganee gara Kooriyaa Kaabaatti baqatemoo gara biyyaatti deebi'uu barbaada dhimmi jedhu ammatti ifa miti.

Qondaaltoonni CBStti akka himanitti, loltuun kun ‘Private 2nd Class Travis King’ akka ta’ee fi rakkoo naamusaan walqabatuun gara biyyattii deebifamurra ture.

BBC’n Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa dhimma kanarratti yaada akka kennan gaafateera.

Akka CBS jedhutti Piraayiveet Kiing eegumsa buufata xiyyaaraa magaalaa Kooriyaa Kibbaa Se’oolitti argamu keessa darbe, garuu gara daangaa Kooriyaa lamanitti imaluun gara Kooriyaa Kaabaatti qaxxaamure.

Waraanni Ameerikaa akka ibsetti, loltuun kun ‘’fedhasaatiin fi eeyyama malee qaxxaamure.’’

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namni daawwannaa kanarra ture fi taate sana arge akka himetti, bakka daangaa sanatti gamoo tokko daawwatan.

Miidyaaleen Kooriyaa Kibbaa akka gabaasanitti namtichi kun mandara dhukaasni gartuuwwan laama giddutti dhaabate Panmujom jedhamtu yeroo gahu ‘’sagalee olkaasee kolfaa gamoo gidduu fiige,’’ jedhame.

"Jalqaba irratti qoosaa hamaa natti fakkaate garuu, yeroo inni hin deebi'in hafe qoosaa akka hin taane hubadhe, booda namni hundi waa’eesaa dubbate, dubbiin akka hin eegne ta’e," jedhe.

Ajajni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan Zoonii Waraana irraa Bilisa ta’ee fi Naannoo Nageenya Waloo (JSA) hojjetu, gareen isaa waraana Kooriyaa Kaabaa waliin qunnamtii uumuun akka gadhiifamuuf mari’achuuf yaaluu isaa ibseera.

"Yeroo ammaa to'annoo Kooriyaa Kaabaa jala akka jiruu fi gita keenya Waraanaa Kooriyaa Kaabaa waliin taatee kana furuuf hojjechaa jirra," jedha.

Zooniin waraana irraa bilisa ta’e (DMZ) Kooriyaa lamaan adda kan baasu yoo ta’u, addunyaa irratti naannoolee eegumsa qaban keessaa isa tokkodha.

Bakki kun boombii lafa awwalamaniin kan guutame yoo ta'u, dallaa elektirikii, dallaa sibiila fi kaameraa hordoffiitiin marfamee jira. Eegdonni hidhatan sa'aatii 24 guutuu dammaqinaan naannicha eegu.

Zooniin waraana irraa bilisa ta’e DMZ’n erga Waraana Kooriyaa bara 1950moota keessa Ameerikaan Kibbaa deeggartee as biyyoota lamaan addaan baasee ture.

Waraanni kun kan xumurame waraana dhaabuun yoo ta’u, kunis gama lamaan ammallee waraana keessa jiru jechuudha.