Bakka Bu’oonni Ummataa qorannoo Baayiden aangoorraa fonqolchuu banuuf

Pirezidant Joo Baayidan

Madda suuraa, Getty Images

Bakka Bu'oonni Ummataa Mana-maree US Pirezidant Joo Baayidan irratti qorannoo aangoorraa isa fonqochuu ifatti banuuf akka jiran aanga'an olaanaa warra Rippabilikaanii himan.

Keevin Makaartii akkka jedhanitti, qorannichi "himannaawwan aangoo akka hin malletti dhimma bahuu, danqaa uumuufi malaammaltummaa" Mr Baayidan irratti xiyyeeffata.

Warri Rippabilikaanii erga Amajji keessa olaantummaa mana-maree fudhatanii kaasanii pirezidanticharratti yeroo gara garaatti qorannoo gaggeessaa jiru.

Haata'u malee, ragaan qabatamaa pirezidant Baayidan gocha hin malle raawwachuu agarsiisan qabatamoon hin argamne.

Addatti hariiroo daldalaafi hojii ilmi Baayidan hambaa balaa ta'e, Hanter Baayidan qaburratti xiyyeeffachuun qorataa turan.

Rippabilikaanonni akka jedhanitti, Hanter Baayidan beekamtii Pirezidantiin hariiroo daldalaafi biizinasii gaaffiin irratti ka'an qaba.

Kun adeemsa siyaasaa keessatti Bakka Bu'oonni Ummataa Mana-maree keessatti pirezidanticha aangoorraa folqochuuf sagalee kennamu jalqabaa ta'a.

Kun sagaleecaalmaatiin kkan mirkanaa'u yoo ta'e, Seeneetii US keessatti himannaa hordofsiisuu kan danda'u ta'a.

Ibsa gababaa US Kaappitol keessatti kennaniin, amalaafi gocha pirezidantichaa ilaalchisuun "himannaawwan hamoofi qabatamoo ta'an" akka jiran Mr Keevin Makartiin dubbataniiru.

"Walumatti qabaan, himannaawwan kunneen, aadaan malaammaltummaa akka jiran ifatti mullisu," jedhe Keevin Makaartii.

Ilmi Baayidan, Hanter Baayidan yeroo ammaa kana qorannoon Federaalaa irratti gaggeeffamaa jira. Qorannoon irratti gaggeeffamu ammoo dhimmoota dhaabbileen daldalaa inni biyyoota birootii qabuun walqabatee yakkawwan gibira waliin walqabatan akka ta'ehimama.